Koronaavaayiras: Namtichi vaayirasiin qabamuu hin oolu sodaa jedhuun haadha warraa ajjeese ofis galaafate

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaa Illinoositti namtichi haadha warraa isaa wajjin koroonaavaayirasiin qabamuu hin oollu jechuun sodaatee isheettis rasaasaa dhukaasee ajjeesee ofis galaafate.
Paatiriik Jeseerniik nama ganna 54 yoo ta'u, Cheerii Iskriifer ammoo nama ganna 59 ti. Mana isaaniitti Kamisa darbe reeffii isaaniitti argame.
Lamaan isaanii kutaa manasaanii garaa garaa keessatti argaman.
Pooliisiin qawwee reeffaa Jeseerniik biraatti arge. Lubbuun isaanii erga darbee booda garuu qorannoon irratti gaggeeffame lamaan isaanii vaayirasii Covid-19 irraa bilisa ta'uusaatu mirkanaa'e.
Iskriifer harganuu dadhabnaan otoo hin du'iin guyyoota lama dura qoratamtee turte. Maatiin ishee firii qo'annoo kanayyuu hin argine jedhanii amanu.
Abbaan warraafi haati warraa waldhabbii mana keessaa hin qabani, sana dura takkaayyuu poolisiif bilbilanii hin beekan jedhu qondaaltoonni naannicha.
Qo'annoon gaggeeffame ,abbaan warraa haadha warraasaa erga ajjeese booda qawwee ofittis deebisee of ajjeesuu isaati.
Poolisoonni naannicha namoonni biroo garuu miidhaa mana keessatti qaqqabuun walqabatee bilbilaafi akka turaniifi dhimma kanaarratti deebii kennaafi turuusaanii dubbatu.
Illinoos keessatti namoonni 12,262 vaariyasii weerara cimaa uume kanaan qabamuusaaniitu gabaafame- namoonni du'aniis 307 ture.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















