Koroonaavaayiras: Waqtiin hoo’aa tamsa’ina koroonaavaayirasirratti dhiibbaa qabaa?

Qarqara galaanaa Afrikaa Kibbaa

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Rachel Schraer
    • Gahee, Health reporter

Koroonaavaayirasiin sududaan tamsa’ee addunyaa walgeenyaan haalli qilleensa ho’aan tarii tatamsa’ina vaayirasichaa dhaabuu mala yaadni jedhu xiqqaachaa dhufeera.

Haata’u malee qorannoo haaraan abdii akeeku qabaa laata?

Ammatti koronaavaayirasiin waqtii jijjiramuun akka daangeeffamu baruun hin danda’amne.

Sirriitti baruudhaaf lakkoofsi namoota waggaa tokkotti vaayirasichaan qabamanii waqtii wajjiin hammam akka jijjramu beekuutu barbaachisa.

Ta’us, haala qilleensa baramaa garaa garaa keessatti tamsa’inni vaayirasichaa waan akeekuu qaba.

Ragaalee maaltu jira?

Ragaaleen muraasni akka mul’isanitti, namoonni koroonaavaayirasiin qabaman kan baayyatan naannoo qorraa - gogaa qaban keessatti.

Qorannoon tokko akka mul’isetti biyyootni vaayirasichaan miidhaman qilleensa qabbana’aa kanneen qabanidha.

Waraqaan qorannoo biraammoo kanneen ho’a olaanaa fi jiidhinsa qaban keessatti tamsa’inni vaayirasicha xiqqaadha jedhanii ibsu.

Qorannichi magaalota biyya Chaayinaa 100 ol ta’an kanneen namoota vaayirasichaan qabaman 40 ol qaban sakatta’uudhaan yaadicha dhiyeesse.

Qorannoon biraas weerarri vaayirasichaa harka caalu namoota iddoo haala qilleensaa qorraafi gogaa qaban jiraatan irratti amma Bitotessa 23 tti heddummata jedhe.

Haata’u malee, gartuun qo’attoota mana barnoota landan keessa maadhefate (London School of Hygiene and Tropical Medicine) akka himetti yoo ta’e,vaayirasichi qilleensa baramaa hundaatti tamsa’aa jira.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Ragaan mana barnoota kanarraa argame akka agarsiisutti, gosonnii koroonaavaayirasii waqtii bonaattis daddarban jiraachullee itti dabalee ibsa.

Ogeeyyii waraqaa qo’annoo mana barnoota kanattii barreessan keessaa Ellin Firagasizi akka himanitti yoo ta’e, amalli koroonaavaayirasii isaa haaraa tamsa’aa jiru garuu hin beekamu jedhan.

Waqtii ho’aa dhufaa jiruttis tamsa’innii vaayirasii addunyaa waliin gahuutti jiru kanaa ni hir’ata jedhamee baayee hin abdatamu jedhu.

Qufaan vaayirasiin daddarban biroo heemesfara Kaabaa fi Kibbaatti mul’ata turan. Haa ta’u malee, naannoo mudhii lafaatti dhiyaatu qufaan hin hammaatu ture.

Vaayirasii Haaraan Sars-Cov-2 jedhamu dhibee Covid-19 jedhamu nama qabsiisuu akkatti daddarbu gosa vaayirasichaa duraan mul’ate wajjin wal fakkaata.

Ta’us, waanti vaayirasicha adda taasisu inni ijoon dhukkubbii inni uumuu danda’uu fi baay’ina namoota ajjeesuuti.

Yuunvarsiitii Saawuzampitan irraa Dr. Maayikil Heed akka jedhaniitti, dhiibbaaniifi dagaaginni vaayirasicha kan duraan turaniirra addas jedhan.

bondi beach sydney australia

Madda suuraa, Getty Images