Koronaavaayirasiifi dippilomaasii: Covid-19 biyoonni qoricha, maaskiifi dhimmoota biroon wal himataa jiru

Rakkoon Covid-19 qoccolloo Ameerikaafi Chaayinaa gidduutti akka dabalu taasisaa jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Rakkoon Covid-19 qoccolloo Ameerikaafi Chaayinaa gidduutti akka dabalu taasisaa jira

Erga weerarri koronaavaayirasii addunyaa kana raasuu jalqabee hariiroon dippolomaasii biyyoota addunyaa baayyee gidduu jiru daran waan hammaataa deeme fakkaata.

Maddi rakkoo waldhabdee biyyoota addunyaa kunis kan giddu-galeessa godhate, dhimmoota akka jiraachuufi jiraachuu dhabuu qorichaafi meeshaaleen wallaansaa, akkasumas wal qeequu akkaataa ittiin weerarri dhibee kanaa ittiin qabame irratti.

Ispeen biyyoota weerara koronaavaayirasiin baayyee miidhamte keessaa ishee tokkodha. Biyyi kun meeshaa wallaansa fayyaa, keessumaa naannoo dhibeen Covid-19 cimsee miidhe keessatti baayyistee barbaaddi turte.

Haata'u malee, meeshaan sirna argansuu ittiin wallaanan dhaabbileen fayyaa Ispeen naannolee baayyee dhibee Covid-19n miidhamaniin bitamee dooniin fe'amee darbaa ture mootummaan Turkii jalaa saameera.

Miidiyaaleen Ispeenis maddeen biyyattii waabeffachuudhaan gochicha "hanna" jechuun gabaasaniiru.

Deddeebi'uu torban tokkoo oliin, ministeerri dhimma alaa Ispeen meeshaa dooniin fe'amee Turkiirraan darbaa ture biyya galfachuu mirkaneeffateera.

Ta'us garuu taateen mudate sun fakkeenya biraa akkamitti akka Covid-19 hariiroo dippilomaasii biyyoota addunyaa gidduu jiru daran hameessaa jiruudha.

Wal-dhabdeen eessa eessatti uumaman?

Qoccolloon Ameerikaafi Chaayinaa gidduu jiru morkii ol aantummaa argachuu akka ta'e beekamaadha.

Keessumaa ammoo gochi Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) faayidaa Chaayinaa giddu-galeessa godhate jechuudhaan gargaarsa maallaqaa Dhaabbatichaaf biyyi isaa taasiftu kutuuf kan murteessan agarsiiftuu gaariidha.

Kutaa wallaansa addaa (ICU) hospitaala Ispeen keessa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kutaa wallaansa addaa (ICU) hospitaala Ispeen keessa jiru

Wal-dhabdeen xixiqqaan bakkaa bakkatti mumullatanii turan. Kan Chaayinaa waliin ture garuu hammaataa ta'ee himannaa lakkoofsa namoota dhibee vaayirasichaan miidhamanii gadi xiqqeessuun gabaasuu jedhudha.

"Osoo ta'ee akka yaadaatti, biyyoonni hunduu yeroo diina tokkicha lolaa jiran kanatti walitti dhufanii wal cinaa dhaabbachuu isaanii arguun nurra ture," jedhu Landan Iskuul oof Ikonoomiksiitti qorattuun hawaasaafi siyaasaa Soofiyaa Gaaston yeroo BBCtti dubbatan.

"Qabatamaan, rakkoon weerara dhibee kanaa biyyoonni addunyaa akka gara keessaa ilaalan gochuun wal tumsuu caalaa wal morkachuun akka cimu taasiseera."

Fakkeenyi tokkos wal mufachuu biyyoota Gamtaa Awurooppaa gidduutti dhalatedha.

MM Xaaliyaan Guseeppee Kontee deebii Gamtaa Awurooppaatti hin gamdne

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, MM Xaaliyaan Guseeppee Kontee deebii Gamtaa Awurooppaatti hin gamdne

Xaaliyaan keessatti yeroo namoonni dhibeen Covid-19 irratti argame akka malee baayyatetti gargaarsa meeshaa wallaansa fayyaa argachuuf biyyoota ollaa gaafattee turte. Jarmaniifi Faransaay garuu meeshaaleen wallaansa fayyaaf oolan akka biyya alaatti hin ergamne dhorkan.

"Sirriidhumatti kun wal tumsuu Awurooppaanotaatiif mallattoo gaarii miti," jechuun marsariitii Politikoo jedhamurratti barreessan Biraaselsitti ambaasaaddarri Xaaliyaan Maawuriiziyoo Masaarii.

Xaaliyaannon waa'ee yaada gargaarsa biyyoota Gamtaa Awurooppaa baayyee miidhamaniif ta'uu qaba jedhu dhiyaatee ture Jarman mormites hedduu haaraniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

'Dippilomaasii maaskii' Chaayinaa

Neezerlaandis, Awustiriyaafi Fiinlaadilleen karooricha ifatti yeroo morman, Ispeen, Faransaay, Beeljiyeem, Giriik, ayerlaand, Poorchugaal, Siloveeniyaafi Luuzenberg garuu sagantaa sana deggaranii turan. Kun ta'uun ammoo biyyoota Gamtaa Awurooppaa gidduutti wal qooduun dabaluu isaa agarsiisa.

Xaaliyaanis bakka itti qorannoon qaggeeffamu taate, akka ogeessonni jedhanitti sababii 'dippilomaasii maaskii' Chaayinaatiif.

Chaayinaan erga weerara koronaavayirasii biyya ofii keessaa to'atteen booda dhukkuba kana dura dhaabbachuudhaaf akka danda'aniif biyyoota gargaarsa mara biyyoota hedduuf rabsuutti kaate.

Raashiyaan biyyoota gargaarsa Chaayinaa argatan keessatti argamti.

Xaaliyaanis gargaarsa meeshaa wallaansa fayyaa, meeshaa ittiin qorataniifi garee doktoroota fayyaa CHaayinaa gootummaatiin faarfaman argatteetti.

Kanaan walqabatees, jajachuun hashtag #grazieCina (Chaayinaa Xaaliyaan isin galateeffatti) jedhu miidiyaalee hawaasummaa Xaaliyaan keessa jiran irratti hedduu qoqqodamaa tureera.

Dhaabbata Gorsaa Landan keessatti argamu Pax Tecumjedhamutti daarektarri ol-aanaa Gesu Antonio Baez, akka jedhanitti carraaqqii qaawwa Ameerikaan akka addunyaatti bantee jirtutti fayyadamuudha.

Qaawwi kun ammoo erga Doonaald Tiraamp duula pirezedaantummaa isaanii irraa eegalanii "Dursi Ameerikaaf" dhaadannoo jedhun bara 2016 irraa eegalee kan cimee bal'ataa dhufedha jedhu ogeessi kun.

Waanti agarsiisu Ameerikaan yaada araaraafi dubbiin yaa haftuu irraa fagoo ta'uu kan agarsiisu qoccolloo Chaayinaa waliin qaban qofaa miti.

Fakkeenyi biraan, dubbii Tiraamp talaallii Covid-19 kampaanii fayyaa Jarmaniin hojjetame irratti mirga abbummaa dhuunfachuuf akka fedhan dubbatanidha. Kun ammoo aanga'oota Jarman akka malee haarseera.

Qoricha liqimsaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qoricha liqimsaa

Dhiyeenya kana ammoo Pirezedaant Tiraamp Indiyaa akeekkachiisan. Yoo Indiyaan qoricha busaa hayidirookiloorookin jedhamu akka qoricha Covid-19 ta'utti qoratamaa jiruu biyya alaatti erguu ni dhorkiti ta'e haalaa ba'uuf jirra jechuun dhaatan Tiraamp.

"Yeroo rakkoo weerara kanaa keessa Ameerikaan carraa dippilomaasii aangoofi dhageettti dabalachuun fuula duratti hin deemne. Chaayinaan garuu qaawwa uumame kana fayyadamuun amma carraa argatteetti," jechuun ibsan Baez .

"Dippilomaasiin maaskii" adeemsa salphaa hin turre akka Baez agarsiisanitti. Ilaalchi Chaayinaan yeroo Covid-19 tatamsa'uu eegalutti maaliif saffisaan to'achuu dadhabde jedhu akka hawaasni addunyaa ishee shakku taasiseera akka Soofiyaa Gaaston jettutti.

Gabaasawwan intelijensii Ameerikaa Chaayinaan namoota biyya ishee keessatti dhibee kanaan qabamaniifi du'anm ni dhoksiti jechuun himate eertis. Aanga'oonni Biriitishis ragaa Chaayinaa isa sirriidha jedhamee mootummaan baase gaaffii irratti kaasti.

"Chaayinaan yeroo hojii maqaa ishee tolfannaaf gurra ergannaa hojjechaa jirtutti ija shakkiinis ilaalamaaa jirti. Osoo ammoo lakkoofsi sirriin barameetii caalaa miidhaa hamaa ishee qabaachuu mala," jetti Soofiyaan.

Pirezedaantiiwwan Chaayinaafi Biraazil yeroo ammaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedaantiiwwan Chaayinaafi Biraazil yeroo ammaa

Biraazilis ejjennoo Chaayinaa gaaffii keessa galchaa jiru kan biroodha. Erga weerarri kun ka'een booda Chaayinaafi Biraazil wantota xixiqqoo ta'an irratti afaan keessa wal bahaniiru.

Hanga dippilomaatonni Chaayinaafi nzamoonni pirezedaant Bolsonaaroo dhiyeenya qaban karaa miidiyaa hawaasummaatiin dubbbiin wal barbaadanirra gaheera. Keessumaa, dhimmoota fuullee daldalaarratti walitti dubbachuu jalqabaniiru.

Chaayinaan michuu daldalaa Biraazil ishee hundaan oliidha. Fakkeenyaaf, Chaayinaan atara sooyaa jedhamu %80 Birazilirraa bitatti. Aanga'oonni fayyaa Biraazil ammoo ventileeteriifi meeshaaleen wallaansa fayyaa Chaayinaarraa argachuudhaaf dhama'aa turan.

Wal dhabdee duraan jiru daran hammeessuu

"Dhimmi kun dippilomaasiin yeroo kamirrayyuu caalaa maaliif akka barbaachisu agarsiisa," jetti Soofiyaan.

"Biyyoonni haala jiran sakatta'anii ilaaluudhanan sodaa jiru waliin dubbachuu qajeelaa ta'een furuu qabu."

Haata'u malee, dhimmi vaayirasichaas ibidda duraan ture irratti beenzila dabalaa jira. Fakkeenyaaf, Kolombiyaafi Venezuweelaa kaasuun ni danda'ama.

Aanga'oonni Kolombiyaa bulchiinsa pirezedaantii Venezuweelaa Nikoolaas Maaduroof beekamtii hin kennine. Biyyoonni hollaa waliin kun erga godaantonni Venezuweelaa daangaarra jiran Kolombiyaatti seenaniin waldhabdee keessa galaniiru.

Waldhabdeen isaan gidduu jiru dhiyoon ammoo Ebla 1 yoo ta'u sababii Maadurootiin ture. Pirezedaant Maaduroon maashina Covid-19 ittiin qoratan alama gita isaa Pirezedaantii Kolombiyaa Ivaan Duukuuf kennan.

Guyyoota dursee maashiniin Covid-19 qoratu tokkottiin Kolombiyaan qabdu yeroodhaaf cabdee turte.

Kennaan sun garuu waajirri pirezedaanti Duukuun galateeffachuu caalaa callisuun simatame. Kuna mmoo pirezedaantii itti-aanaa Venezuweelaa dabalatee haarii cimaa uume.

Pirezedaantii Venezuweelaa Maaduuroo

Madda suuraa, Handout

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedaantii Venezuweelaa Maaduuroo

"Mootummaan Ivaan Duukuu maashinoota pirezedaant Maaduurootiin kennameef lamaanuu fudhachuu dhiise... Kun ammoo tuffii Mr. Duukuun lubbuufi fayyaa ummata Kolombiyaaf qabudha," jechuun tiwiitera irratti barreessite.

Gaaffiifi deebii Ebla 7 raadiyoodhaan tamsa'een, Duukuun akka jedhetti, maashinichi "gosa qorannoo, gosa wantota galee qorannoof barbaachisan ykn ammoo wantota nuti qorannoof Kolombiyaa keessatti itti fayyadamnu waliin wal hin simu jedhan."

Baha Giddu-galeessaa keessatti Kataariifi Ijjiptiin dhimma carraa lammileen Ijjiptii Kaataar keessatti danqamaniirratti wal-dhabdee keessa jiru.

Kaataar namoota Covid-19 irratti argame biyyoota Galoo Galaanaa keessatti isa ol-aanaa ta'e keessumeessaa jirti. Aanga'oonni Kataar Al Jazeera tti akka dubbatanitti qondaaltonni Ijjiptii xiyaara hojjetoonni emirati ofiin dhuunfatanii ittiin deemaniin deemuu fudhachuu didan.

Ijjipti ammoo garee biyyoota Arbaa warra erga bara 2017 irraa kaasee Kataar waliin rakkoo dippilomaasii hammaataa keessa seenan waliin jirti. Gareen biyyoonni Arabaa Ijjipti keessa jirtu kunis mootummaan Kaataar garewwaan shorokkeessitootaa deggaraa jirti himannaa jedhuunidha.

Namni maaskii uffatee yeroo dhaabatutti gamoowwan magaalaa Dohaa ammoo duubaan mul'ataa jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namni maaskii uffatee yeroo dhaabatutti gamoowwan magaalaa Dohaa ammoo duubaan mul'ataa jira

Maaskiifi karra cufachuu caalaa sababiiwwan caalaa falmisiisoo ta'an

Haata'u malee, maaksii ykn karra cufachuu caalaa dhipphinni wal-qeequu/walgaarerfachuun uumame.

Gaafa Bitootessa 18, gabaasni Gamtaa Awurooppaa Raashiyaan oduu sobaa waa'ee Covid-19 biyyoota gama Dhihaa ilaalchisee tamsaasuun miidiyaaleerratti dhiibbaa gochaa jirti jedhu dhokatee bahe.

Dubbi himaan motummaan Raashiyaa tokko garuu himannaa sanaan "waan dharaati" jechuun waakkatee ture.

Wal-dhabdeen babal'ataa jiraatuyyu garuu, akka ogeessonni tokko tokko adda baafatanitti ammoo yeroo weerara kana keessa miira gaarii wal tumsuunis jira jedhu.

Inistitiyuutii Misooma Baargamaatti qorataan Annalisa Prizzon jedhaman, yeroon rakkoo kun wal-tumsuufi wal-cinaa dhaabbachuuf carraa guddaa uumeera jedhu.

"Rakkoon kun kan nu agarsiisaa jiru kan biraan biyyoonni guddataniiru jedhaman yeroo hundaa ' warra bekan' akka hin taanedha," jedha Prizzon.

Meeshaan wallaansa fayyaaf oolu yeroo Chaayinaa irraa gara Raashiyaatti fe'amu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaan wallaansa fayyaaf oolu yeroo Chaayinaa irraa gara Raashiyaatti fe'amu

"Muuxannoo Chaayinaan akkaataa Xaaliyaan ittiin dhiibbaa weerara dhibee kanaa dura dhaabbatturratti yeroo sirriitti qooddeefis fakkeenya mul'atudha."

Soofiyaa Gaaston garuu ammallee tumsi kana caalu ni barbaachisa jettee yaaddi.

"Carraa miliqedha, keessumaa biyyoota gama Lixaatiif yeroo maqaa ergachuufi sabboonummaan ol ka'ee mul'achaa jiru keessatti," jetti.

"Kun yeroo humna tokkummaa itti agarsiisan ta'uu qaba ture."

"Kana ta'uun hafee, tarsiimoowwan baayyeen hariiroo biyyoota gidduu jiru kan daran hammeessan ta'aa jiru," jechuun goolabdi.