Koroonaavaayiras Afriikaatti: Kalaqawwan 10 Covid-19 ittisuuf kalaqaman

kalaqoota Afrikaa keessaa

Afriikaatti wayita namoonni dhibee Covid-19’n qabaman miiliyoona tokko darbe kanatti, lammiileen ardittii weerara kana ittisuuf akka gargaaruuf kalaqa garagaraa gumaachaniiru. Isaan keessaa 10 filanneerra.

1. 'Dooktara Konkolaataa'

Barattoonni Senegaal Pooliiteekniikii Daakaaritti baratan roobootii dhukkubsattoota irraa hanga ogeessotaatti saxilamummaa xiqqeessuuf gargaaruun tajaajila garagaraa kennitu hojjatanii turani.

Kaameeraa kan qabdu yoo ta’u, fagoodhaa aappiidhaan to’atamti. Kutaa namoonni adda baafaman keessa naanna’uun ho’ina safaruu irraa kaasee, qorichaaf bishaan kennuullee dandeessi jedhu kalaqxoonni.

2. Maashina harka ittiin dhiqatan

Stephen Wamukota

Madda suuraa, James Wamukota

Lammii ganna sagalii Isteefan Waamukootaadhaan kan kalaqame maashinni kun, tuttuqqaa malee karka dhiqachiisuu danda’a. Isteefan Waabajjii keessa pirezidantiirraa badhaasa fudhateera.

3. Viintileetara sochoo’u

Usman Dalhatu carri ventilator wey im build

Madda suuraa, Instagram / Usman Dalhatu

Naayijeeriyaatti hanqinni veentileetaraa wayita jirutti ture barataan injinariingii ganna 20 Usmaan Daalhaatuu rakkoo kanaaf waa gumaacheera. Veentileetara sochoo’aa kana kan kalaqe Usmaan, lakkoofsasaa 20’n ga’uuf karoora qaba.

4. Maxxansa Maaskii ‘3D’

Naataalii Raafiil hundeessituu ‘Robots Can Think South Africa’ yoo taatu, maxxansa 3D fayyadamuun maaskii 100 guyyaatti omishtee hoospitaalota Johaanisbargiif kenniti.

5. Bakka dhiqannaa annisaa aduun hojjatu

Obbolaa kan ta’an Riichaardi Kiwaarteengi fi Juudee Ooseeyi eegumsa qulqullina guddisuun dhibee kana ittisuuf Gaanaa yaalii taasifamuuf akka ta’uuf kan kalaqan yoo ta’u, namni dhiqachuuf harka yoo galchu bishaan saamunaan makate buusee sekondii 25 booda dhaaba. Kunis qajeelfama WHO kan eegedha.

6. Marsariitii bu’aa qorannoo ‘X-ray’ qoonqoo madaalu

lung x ray on screen with covid circled in red

Madda suuraa, Getty Images

Injinaroonni Tuniziyaa marsariitii qorannoo qoonqoo yoo namni koroonaavaayiras qabaate adda baasuuf kaafamu itti fe’uun ittiin ilaalan kalaqani.

Yeroo suuraan X-ray sun itti fe’amu, yoo namni sun vaayirasicha qabaate iskaan gochuun mul’isa. Dhaabbanni teeknooloojiiwwan akkasii madaalus kalaqni kun %90 bu’aa sirrii mul’isa jedheera.

Teeknooloojichi ammallee fooyya’aa kan jiru ta’us, amma yoonaatti qorannoon qoonqoo kumaatamni itti fe’amuun dhiibbaa dhibeen kun qabu qoratamaa jira.

7. Poolisiiwwan roobootii

A police robot questions someone in Tunis, Tunisia - 1 April 2020

Madda suuraa, EPA

Anga’oonni Tuniiziyaa wayita magaalonni cufamanii turanitti akka hordoffii taasisaniif poolisiiwwan roobootii daandiitti baasanii turani.

Namoota yeroo dhorkametti karaarra deeman basaasuufi itti dhiyaatanii maaliif akka ba’an gaafachuuf oolaa turani.

Roobootiiwwan gommaa afur qaban kunneen termaal (ho'insaa) kaameeraa kan qaban yoo ta’u ifa adda baasuufi fageenya eeggachuu danda’u.

8. Saanitaayizarii maallaqaa mukarraa hojjetame

Tajaajila maallaqaa karaa bilbila harkaa raawwatu kan biyya Keeniyaa keessa kan hojjetu Danson Wanjohi meeshaa maallaqa vaayirasii irraa qulqulleessu mukarraa hojjete.

Maallaqi wayita qaawwaa maashina kanaa keessa darbu saanitaayizaraan qulqullaa’ee lufa. Maashiniin kun mootora, gommaa(pilaastikii) fi geengoo naanna’u kan akka maallaqi keessa darbu gargaaru irraa hojjetame.

Maallaqi wayita maashina kana keessa darbu bulbula achi keessa jiruun qulqullaa’ee darba.

9. Meeshaa daqiiqaa 65 keesatti bu’aa qorannoo Covid-19 agarsiisu.

Hoji-uumtonni Afriikaa Kibbaa Daniel Ndima fi Dineo Lioma meeshaa qorannoo Covid-19 kan daqiiqaa 65 keessatti bu’aa qorannoo mul’isu hojjetan.

Meeshaan kun haga guyyaa sadiitti bu’aa qorannoo Covid-19 mul’isa. Maqaan meeshaa qorannoo kanaa qPCR jedhama.

Teekinooloojii qaccee sanyii namaa adda baasuuf tajaajiluudha. Meeshaan qorannoo kun hojiirra ooluunsaan dura bu’a qabeessummaansaa ilaalamuu qaba.

10. Walirraa hiiquun rifeensa sirreessuu

Man getting a haircut with hairdresser behind a wooden shield

Itoophiyaa, Harargee Bahaa keessatti dargaggoonni rifeensa sirreessan mala ittiin balaa tatamsa’ina koronaavaayirasii hir’isuun tajaajila kennan qabatanii as ba’aniiru.

Inni rifeensa sirreessu kutaa biraa keessa dhaabbachuun golgamee, akkaataa qaamaan maamilatti hin siqneen tajaajila kenna.