Koronaavaayiras: Addunyaan akkamitti namoota biliyoona 7 talaalchifti?

Talaallii

Madda suuraa, Reuters

Gartuuleen garaa garaa sadarkaa idil-addunyaatti talaallii Covid-19 bu’a qabeessa ta’e hojjachuurratti argamu.

Ministirri Muummee UK Booris Joonsan hojii kana ''galma waloo tattaaffii saffisaan bira qaqqabuun barbaachisu,'’ jedhani ibsan.

Tattaaffii talaallii Covid-19 argachuuf teekinoolojiiwwan jajjaboon deeggaramee hojjetamaa jiruun alatti, talaallii kana uummata addunyaa biliyoona 7 biraan gahuuf hoo wanti yaadamaa jiru maali?

UK'n wiirtuu tattaaffii kana galmaan gahaa jedhamee abdatame Kaampaasii Harwel maadhee humna qilleensaa RAF duraanii Oksford shiir keessatti ijaaraa jirti.

Iddoon kun biyyattiif bakka talaalliin itti oomishamuu fi giddugaleessa kalaqaa ta’ee tajaajila jedhameera.

Hojii gaggeessaan giddugaleessa oomisha talaallii fi kalaqaa UK Maatiw Duchaars akkas jedhan: "Yeroo oomishaaf barbaachisu walakkaan gabaabbateera. Xumura bara 2022tti ture kan yaadame amma 2021tti ni qopheessina jennee abdanna,'' jedhan.

‘Keekii akka tolchuuti’

IJaarsa jiddugala omisha talaallii Covid-19 kan yuunivarsiitii Ooksifoord

Madda suuraa, VMIC

Ibsa waa'ee suuraa, Ijaarsa jiddugala omisha talaallii Covid-19 kan yuunivarsiitii Ooksifoord

''Biyyaaf qofaa otoo hin taane, addunyaafu talaalli bu’a qabeessa ta’e saffisaan oomishuun murteessaadha,'' jedhu Obbo Duchaars.

Hojiichas keekii akka tolchuutti fakkeessuun, wal bira qabanii dubbatani.

''Mana keetti yeroo fudhattee keekii mudaa hin qabne tolfachuu dandeessa. Keekii sana gadi baatee akka nama biliyoona 7f ta'utti mudaa malee tolchuun qormaata qaba," jedhan.

Yuunivarsiitiin Oksfoord bu'aan talaallii isaa sadarkaa addunyaatti gaggeessu maal akka ta'e hin bariin, talaallicha addunyaaf akka gahutti omishuuf of qopheessaa jira.

Talaalliiwwan koronaavaayirasii garaa garaa namoota biliyoonatti lakkaa’aman talaaluuf fayyadan oomishamuu, raabsamuu fi to'atamuullee qabu.

Kanaafuu gartuun talaallii sadarkaa idil-addunyaatti hojjatu 'Gavi' jedhamu biyyoonni akkatti talaalliin raabfamu ammaa qabanii itti yaaduu qabu jedha.

Akkatti talaalliin raabsamu irratti walta'iinsa idil-addunyaa uumuun salphaa hin ta'u. Sababni isaa biyyoonni diinagdeen badhaadhan gamanumaan dhaabbilee qoricha oomishan wajjin waliiglaa jiru.

Karaan itti baay’isan wayita argametti akka isaaniif dhiyeeffamuuf haala mijeeffachuufi.

Bu’aa ofii dursa eegisifachuu

Hojii gaggeessaan jaarmiyaa talaalli sadarkaa addunyaatti hojjatu (Gavi) Siiz Birkliiy, dhimmi talaalli kun dhimma bu’aa ofii dursanii kabachiifachuu ta’eera jedhan.

Biyyoonni kamiyyuu dhimma talaallii kana ofitummaan osoo hin taane, sammuu addunyaawaan yaaduu qabu jedhan.

Biyya olllaatti tamsa’inni vaayirasichaa otoo mul’atuu, waliin daldaluu fi namoonni bakkaa bakkatti socho'uun rakkisaa ta’uullee kaasaniiru.

Talaalliin Yuunivarsiitii Ooksifoord Afrikaa Kibbaatti namarratti yoo yaalamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Talaalliin Yuunivarsiitii Ooksifoord Afrikaa Kibbaatti namarratti yoo yaalamu

Biyyootni guddataa jiranis qixa talaallii akka argatan yaaduu cinaatti qaruurraawwan xixiqqoo talaalliiwwan kunneen ittiin raabfaman gahaa qabaachuu, iddoo itti qorrisiisanii tursiisan jiraachuu fi dhimmooti loojistikii kaan gamanumaan itti yaadamuu qabu jedhan.

Yuunivarsiitii Birmiingihaamirraa pirofeesar Toobii Piitar ogeessi jedhaman, dhiyeessi lojistiikii talaallii kanaaf barbaachisan biyyoota guddataa jiran keessatti haala mijeessuun danda'amurratti hojjetaa jiru.

Raabsa talaallii mijataa gochuuf biyyoonni gamanumaan eenyu dursi akka kennamuuf adda baafachuu eegaluu qabu jedhan.

Kana malees, eenyutu dhukkuba kanaaf dursa saaxilamaadha jedhanii adda baasuutu barbaachisa jedhan.

Sirna eegumsa fayyaa cimaa qabaachuun talaallii kana kennuuf dubbii ijoo ta’uu kaasaniiru. Itti dabaluunis, ogeeyyii ga’uumsaan leenji’anillee qabaachuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa