Covid-19: Haala Raashiyaan Pireezidant Vilaadimiir Puutiin Covid irraa eegdu

President Putin

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Anna Pushkarskaia, Pavel Aksenov and Petr Kozlov
    • Gahee, BBC Russian

Weerarri koronaavayiras erga mudate jalqabee, aanga'oonni Raashiyaa pireezidantii biyyattii Vilaadimiir Puutiin vaayirasichaan qabamuurraa baraaruuf fageenya guddaa deemaniiru. Garuu malli adda baasuu Kiremliin akkamiin qindaa'a? Maallaqa hagamiitu itti baha?

Bara dabre keessa, Raashiyaa keessa namoonni dhibbaan lakka'aman Puutiinin walarguu isaaniin dura, yeroo muraasaaf adda bahanii tursiifamu.

Gariin pireezidanticha osoo hin taane, nama isa arguuf deeman wajjin walitti siqeenya waan qabaniif jecha adda of baasuuf dirqamanii turan.

Bitootessa 25, 2020 Puutiin ummatatti as bahuun vaayirasichi biyyattii keessa saffisaan waan faca'aa jiruuf, Ebla 1rraa eegalee uggura labsan.

Boodarras uggurichi hojiirra ooluun, suuqiiwwan murteessoo hin taane jedhaman akka cufamaniifi baay'atanii walitti qabamuun dhorkamuun, hawaasni garri caalu manaa akka hojjetu taheera.

Gama kaaniin, gareen balallii addaa pireezidantichaafi qondaaltota olaanoo biyyattii tajaajilan Rossiya jedhaman, yeroo jalqabaaf Bitootessa 26 eegalee hoteela keessa adda baafaman.

1px transparent line

Waa'ee Puutiin odeessaalee biroo:

1px transparent line

Ergasii paayilatoonni, hakiimonni, shufeeronniifi hojjettoonni qarqaarsaa biroo, akkasumas kanneen pireezidanticha daawwatan dhibbaan lakkaa'aman; hoteelota garagaraa keessa akka adda bahanii turan taasifameera - kunis Puutiin Covid-19 irraa eeguuf jecha.

Dhiyeenya kana Puutiin talaallii achuma Raashiyaa keessatti midhaaffame fudhachuun isaanii gabaafamee ture - garuu isa kam akka tahe ifa hin taane.

Kun tahus, waliigalteen hoteelota itti adda of baasan wajjin galame haga bara dhufuutti tura.

Akka herreega BBC Raashiyaatti waajirri pireezidant Puutiin, bajata mootummaarraa weerara qolachuuf akka oolu ruubilii biiliyoona 6.4 yookaan birrii Itoophiyaa biiliyoona 3 ol fudhateera.

Vladimir Putin on a screen in front of an audience

Madda suuraa, Getty Images

BBC Russia yoo xinnaate hoteelota 12 kan Kireemlin namoota adda itti baasu argateera.

Hoteelonni kunneenis Magaalaa Mooskoo fi naannawashee, dhiyeenya kan of jala galfatte Crimea fi naannawa magaalaa Soochii keessatti argamu.

Tarree hoteelotaa kana keessa hoteelli dhuunfaa hinjiru - hoteelonni keessummoonnifi hojjettoonni adda baafaman hunduu kan Daarektoreetii Pireezidantichaati. Gariin haga Bitootessa 2022tti qabamanii jiru.

Hoteelota kanneen keessa irra hedduun kan turan hojjettoota balallii Rossiya jedhamanidha. Gareen balallii addaa kun pireezidant Puutiin, MInistira Muummee Mikhail Mishustin dabalatee, qondaaltota olaanoo biyyattii tajaajilu.

Aabba Puutiin bara dabre gara caalu, manasaanii Sochiitti argamurraa hojjechaa akka turan BBC Russian bira gaheera.

Namni dhimma kanaaf dhiyeenya qabu akka himetti, paayilatoonni fi hojjettoonni balallii hedduun anga'oota kanneen geejibsiisuuf, achuma naannoo Sochiitti adda of baasanii turu. Kanneen keessaas paayilatoonni xiyyaaraafi heelikooptaraa keessatti argamu.

Vladimir Putin on a stage

Madda suuraa, Getty Images

Kabajni waggaa 75ffaa injifannoo Waraana Addunyaa 2ffaa silaa Raashiyaa keessatti haalaan kabajamaayyu. Yaadannoon waraana Raashiyaan sirna Naazii injifachuu keessa qabdu, mootummaa Puutinif madda gootummaati.

Kabajni Guyyaa Injifannoo Raashiyaa, Caamsaa 9 Addabaabaayii Diimaatti (Red Square) kabajama ture.

Guyyaan kun Waxabajjii 24, 2020tti dabarfamee kan ture wayita tahu, haala kanaan duraarraa xiqqaa taheen kabajamee ooleera - agarsiisni waraanaa garuu biraa hin hafne ture.

Gaafas namoonni waraanaafi bebbeekamoon Aabba Puutiin harka fuudhuun, badhaasas harkaa fudhataniiru.

Akka gabaasa Bloomberg'tti pireezidantichatti siqanii harka fuudhuun dura, namoonni 200 ol ayyaana kana dura torban lamaaf adda of baasanii turaniiru.

Dubbi himaan Kremlin Dimiitrii Peskov akka mirkaneessanitti, agarsiisa kanaan dursee ''gareen namoota waraana keessa tajaajilanii, haala gaarii keessa adda baafamanii turan,'' jedhan. Tahus kun kan taasifame, ofeeggannoodhuma jaraatiif jecha tahuu cimsanii dubbatan.

President Putin laying flowers on a grave

Madda suuraa, Kremlin.ru

Miidiyaaleen biyyaalessaa Raashiyaa TASS fi RIA-Novosti jedhaman, hoteelota Moskoo keessaa tokko bakka gaazexeessitoonni 20 adda of baasuuf waa hunda kan guutedha jechuun gabaasan.

Kutaan itti turanis kan nama tokko qofaaf qophaa'e ture - wayita qulqulleeffamu qofa bahu turan. Qaamaan walarganii haasa'uu baatanis, gama intarneetaan qofa haasawu turan.

Sijaaraa xuuxus tahe, alkoolii dhuguun hin eeyyamamuuf ture. Meeshaan alaa ergamee galuufis kan kennamuuf, erga sakkatta'amee fi qulqulleeffame booda.

Rippoortaroonni adda baafaman kunniin guyyaatti yeroo sadii nyaata argatu ture. Nyaatni isaanis kutaasaanii alatti dhiisameefi achii fudhatu malee, qaamaan wal hinargan. Meeshaaleen nyaanni itti dhufus, kan yeroo tokkotti fayyadamanii gatamanidha. Kanneen jara kana wajjin walargan hunduu, uffata ofeeggannoo guutuu godhatu.

Qondaalonni mootummaa naannoorraa dhufuun Aabba Puutiniin walarganis adda baafamanii turuu gabaasaaleen ni muldhisu.

Fakkeenyaaf, aanga'oonni magaalaa Sarov jedhamtuu ''wayita daawwannaa Pireezidantichaa tatamsa'ina weerara koronaavaayirasii qolachuuf'' jecha doolaara 13,000 ramadaniiru.

BBC Russian hojjettooni bulchiinsa Sarov 20 ta'an mana ciisichaa namoota waraanaaf qophaa'e keessatti adda baafamanii turuu baruu danda'eera. Baasii namoota kanaaf bahe keessaa, sireewwan, uffata siree gubbaa, kaawuyyaa fi bakka meeshaa itt kaa'an furtuu nageenyaa qabu.

BBCn dubbi himaa Kiremlin, dhimma ofeeggannoo cimaafi guddaa Pireezidant Puutiin vaayirasicharraa eeguuf fudhatamaniifi biyyootni biraa tarkaanfiwwan akkasii ni fudhatu taanaan akka quba qaban gaafateera. Dmitry Peskov dhimma kanarratti nutti hin dubbanne.