Iccitiin hogganoonni biyyaa aangoorratti dulloomaniif maali?

Madda suuraa, AFP
Pirezdaantin Raashiyaa Vilaadmir Putiin heera biyyattirra amma jiraachuu dhabus seera akkanni filannoo marsaa lamaaf dorgomuu danda'u eeyyamu akka deeggaru torban kana dubbateera.
Akkuma hoggantoota biyyooti akka Aljeeriyaafi Zimbaabwee dabalatee innis aangoo gadhiisuu hin barbaadu.
Kanaaf namootni hanga seeraa geeddaruufi cabsuutti deemuun maaliif aangoorra turuu barbaadu?
Maallaqa?
Barreessitoota kitaaba How To Rig an Election (Akkamiin Akka Sagalee Filannoon Hatamu) keessa tokko kan ta'e Piroofessar Nik Chiismaan, "deebii inni salphaan malaammaltummaadha, maallaqaa hedduu horatanii, dureessa ta'anii itti fufuuf aangorra turu," jedha.
"Garuu kanarra wantootni walxaxaa ta'an hedduutu jiru."
Akka Pirof. Nik jedhanitti hoggantoonni maallaqaa dhabuu caalaa kan isaan sodaatan erga aangoo gadhiisanii booda himatamuudha. Sodaachuufis sababa gaarii qabu.
Akka qorannoo kitaaba isaa keessa jiruti bara 1960 fi 2010 gidduutti hoggantoota Afrikaa aangoo gadhiisan keessa %43 biyyaa gadhiisanii baqataniiru ykn ammoo ajjeefamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Kun sodaa guddaa ta'us sababni aangoo gadhiisuu dhiisuu kan qofa miti.
Gaartuu isaanii
Dabalataan hoggaantoonni maatiii, michoota siyaasa isaanii ykn ammoo polisiifi looltoota akka isaan aangoo qabatan isaan gargaaran irraa dhibbaan irra ga'u jira.
"Utuuma ati amma yeroon itti aangoo gadhiisu qabudha jettee yaaddeeyyu, namootni hedduun dhufanii 'kun waa'eekee miti siin jedhu,'" jedha.
"Kun waa'ee namoota kumaatamaan lakkaa'amanii kan siif aarsaa kaffalaniifi kan siif waan hedduu godhanidha."
Waggooti dhumaa Robaart Mugaabee keessa akkanni aangoo hin gadhiifneef namootni isarra dhibbaa uumaa turan akka jiran Piroof Niik ragaa argateera.

Madda suuraa, AFP
Garuu humna guddaa kan qabu, kan sammuu keenyarratti aangoo qabu jira.
Jijjiirama Amalaa
Dr Dacheer Keltinaar waa'ee kanaa kan barreesse waggootta kudhan dura kitaaba isaa The Power Paradox (Aangoo irratti dubbii dhugaa hin fakkaannee garuu dhugaa ta'e) jedhamu keessatti.
Dubbiin kun namootni aangooti ba'an yeroo ba'eeyye kan jireenyaa hawaasummaa qabaniifi kan jaallataman ta'uu isaaniti. Gartuu xiqqoo. dhaabbilee gurguddoos ta'e biyya tokko namnootni hogganan, namoota naannoo isaanii jiran irraa amantaa ni argatu.
Yeroo aangoo argatan garuu gutummaa guututti bineensa biraa ta'u.

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon hedduu akka mul'isutti yeroo gabaabaaf ta'ullee namootaaf aangoo kennuun, amala isaanii ni geeddara. Waanta hojjatan irratti ofittummaafi namootaaf dantaa kennuu dhiisuu eegalu. Yeroo hedduu akka sirri ta'an amanuu eegalu.
Amala baduu, osoo hin yaadin waa hojjachuufi dubbii namaa addaan kutuu ykn namoota isaani waliin haasa'an ija keessa ilaaluu dhiisu eegalu.
Yaada kana qorachuuf yaaliin beekamaa taasifame bara 1990'n keessa Dr Keeltinaariin ture. Barattoota kolleejii fayyadamuun gartuu nama sadii sadiitti erga isaan qoodee boode aangoo nama tokkoof kenne.
"Dandeettiin hoggantoommaa keessan gaariidha kan jedhu irratti odeeffannoo qabna jenneeni" jedha. Garuu kun soba ture. Sana booda gartuu sanaaf hojii kennanii gara daqiiqaa 30 booda qorattoonni nyaataa fuduraa isaanii kaa'ani.
Kan bayyee nama ajaa'ibu, namni angoon keennameef nyaata ka'ameerraa qoodaa isaaniif maluu ol fudhatani. Dabalataanis yeroo nyaatanitti bosa'uu, sagalee fi kosii uumaa turani.
Miira gaarii qabaachuu
Yeroo sana booda qorannoon hedduu kan argatan namootni yeroo aangoo argataniitti, hanga tokko akka feedhanitti jiraachuu eegalu.
Ijoollee harka qalleeyyii caalaa ijooleen dureessaa hanna, amala badaa ykn nama arrabsu irratti ni hirmaatu.

Madda suuraa, Jack Taylor
"Gochaa akka feetee sadii keessa lama namootaa aangoo guddaa qabaniin raawwatama," jedha Dr Keltinaar. "Kun odeeffannoo qorannoo irratti hundaa'edha". Dr Keltinaar aangoo dhaabbilee gurguddoo keessa jiran gadi fageenyaan qorateera.
Kanaafidha aangoon araada jedhe kan amanu. Itti gafatammummaa malee namootni feedhii isaaniifi waan ofiif barbaadan gochuuf bilisummaa argatu.
" Sammuu fi sirna narvii namoota aangoo qaban keessatti -aangoon miira gaarii qaba."
"Namootni aangoo qaban miira gammachuu guddaa qabu, akka hedduu jallataman itti dhaga'ama, akka iddoo gudaa qabanitti amanu. Sirni narvii isaanii tasgabbaa'adha, fayyaan isaanii cimaadha, miirrri isaan waa'ee jireenyaa irratti qaban gaariidha."
Warra Shimintuu
Dr Keltinaar akka jedhanitti namootni aangoorra jiran akka namoota dhibee sammuu qabaniifi amala akka feete agarsiisanii fakkachuu malu. Kanas kan jedhan qorannoo saayintistii sammuu Sukhaminder Obhi wabeeffachuuni.

Madda suuraa, Getty Images
Dubbiin kun naamotni dhibee sammuu qaban yaadaa nama hawwaattu tokko tokko akka isaan kennaniif kakaaseera.
"Namni dhibee sammuu qabu tokko 'Akkamiin akkas jetta? Amalliikoo kan Donaald Tiraampirra harka meeqa foyya'aadha' jechuun naaf barreessee ture,"
Kanaaf kun sirri ta'uu mala, hogganaan aangoo guddaa qabu of jajaa ta'uufi ana duwwaatu hogganuu danda'a jedhanii yaaduu danda'u. Biyyittiif maaltu gaaridha kan jedhuu yaadu dhiisuu danda'u
Piroofessar Nik Chiismaan "Wanti biraan wagga waggaan nama isaaniif tole jedhu muudanii nama isaan qeequ ammoo angoorra kaasu," jedhu.
"Dogoggora hojjataniif dantaa guddaa qabaachuu dhiisuu maalu."
Aangoo dhabuun midhaanni xiinsammuu irratti geessisus guddaadha. Nama dabalatee gartuu bineensota piraaymeetii irratti qorannoon taasifame kan agarsiisu dhiiroti umuriin hangafan yeroo aangoon isaanii jala fudhatamuuf waan jedhu itti fakkaatutti hamminaa hojjachuu fi goolii uumuu eegalu.
Qormaata amalaa
Garuu yoo aangoon nama hammeessa ta'e maalifi hoggaantonni hundi, abbaa irree, kan aangoo dheebotuufi kan namoota ajjeesan hin ta'ani?
Bara 2018tti Warsawitti piroofesara qorannoo xinsammuu ykn saaykoolojii kan taate Aleksandra Sislaak ilaalcha aangoo adda addaa fi kan fallaa ta'an lama adda baasteetti
Aangoon nama jabaa ta'e tokkoof jireenyaa namoota biroo irratti qofa osoo hin taanee jireenya ofiisaa irrattis aboo kennaafi.
Namootni nama tokkoon ga'umsaa qaba kan jedhan kanaratti hundaa'uuni. Yeroo namni tokkoo jireenya ofiisaa irratti aboo qabaatufi to'achuu danda'u yeroo hedduu kun amala gaarii qabaachutti fida.
Aangoon dhibbaa baayyee gaarii ta'e tokko tokko ni qabaata.
Yeroo aboon badutti garuu - fakkeenyaaf yeroo biyyi ati hoggantu gara hokkoraatti seenu- dhibbaan aangoo inni himaan dhibbaa aangoo isa gaarii ta'e mo'uu eegala jechuudha.
"Aangoon gaariidha, wanta irra guddinaan gaarummaa qabuufis fayyadamuun ni danda'ama," jetti Piroofeesar Sislaak, "garuu gatii aangoon nama baasiisuus hubachuu qabda."
Hoggaantoonni dubbii dhugaa hin fakkaannee garuu dhugaa ta'e kana yoo hubatan isa hamaa ta'e dhisaani isa gaarii ta'e qabachuu ni danda'u jetti.
Yeroo kanatti wanti waa'ee piraasdaantii Ameerikaa duraanii Abraham Liinkan jedhame kun caalatti hubatamu danda'a.
"Namni hunduu wanta hamaa keessa darbuu danda'a, amala namaa isa qoruu yoo barbaadde garuu aangoo kenniifi."
















