Raashiyaa፡ Putiinii fi maatiinsaanii umrii guutuu mirga himatamuu dhabuu argachuuf

Putiinii fi maatiinsaanii umrii guutuu mirga himatamuu dhabuu argachuuf

Madda suuraa, AFP

Manni Maree Raashiyaa Duumaa jedhamu Pirezidaantiin biyyattii Vilaadmiir Putiinii fi maatiisaanii hanga umriin lafarra jiranitti mirga himatamuu dhabuu akka qabaatan gochuuf hojjechaa jira.

Wiixineen seeraa mirga himatamuu dhabuu kennu kan yeroo ammaa irra mari'atamaa jiru kun, Putiinis ta'e maatiinsaanii erga pirezidaantichi aangoo gadi dhiisan boodallee himatamuu akka hin dandeenye mirkaneessa.

Akka wiixinee seeraa kanaatti pirezidaantichii fi maatiinsaanii seeraanis hin gaafataman, hanga lubbuudhaan lafarra jiranitti kan isaanitti bu'u hin jiraatu.

Wiixineen seeraa kun keewwatoota heera biyyattii akka fooyya'aniif Adoolessa darbe keessa murtaa'e keessaa kan fudhatameedha.

Raashiyaa keessatti manneen maree olaanaa fi gadi aanaa keessatti deggartoota Putiintu baay'atu.

Marsaa 4ffaan yeroo turtii pirezidaantummaa Vilaadmiir Putiin waggaa sadi booda bara 2024 ni goolabama.

Haata'u malee isa boodas marsaa lamaaf (waggaa saddeetiif) akka aangoorra turuu danda'an seerri eeyyamuuf fooyya'ee ba'eera.

Kana jechuun Vilaadmiir Putiin hanga bara 2032tti aangoorra turu jechuudha.

Yeroo ammaa umriinsaanii waggaa 68 kan ta'e Vilaadmiir Putiin nama isaan bakka bu'u garuu hin qopheessine.

Yeroo dhiyoo as waa'ee fayyummaasaanii ilaalchisee wantoonni hin eegamne baay'inaan dhagahamaa jiru.

Putiin Raashiyaa bulchuu kan jalqaban bara 2000 irraa eegalaniiti.

Putiin umrii guutuu himatamuu dhabuunsaanii amma murtaa'uunsaa hirmaannaa egeree siyaasa pirezidaantichaarratti gamanumaa shakkii uumuu eegaleera.

Si'achi waggaa 8 guutuu bulchuuf osoo seerri iyyameefii jiruu, waa'ee himatamuu dhabuusaaniirratti amma murtee dabarsuun maaliif barbaachise kan jedhanii xiinxalan qaamoleen siyaasaa hedduudha.

Putiin qeequun kan beekamuu fi tibba darbe summeeffamee kan ture Aleksi Naavalnyii ''murteen kun amma maaliif barbaachise? Mootummaan abbaa irree fedhiisaatiin aangoo gadi dhiisuu danda'aa?'' jechuun tiwiitarii isaarratti barreesse.

Dhimma himatamuu dhabuu kanarratti manni maree olaanaan erga irratti mari'atee yaada kennee booda, Pirezidaanti Putiin irratti mallatteessuun seera ta'ee ba'a.

Wixineen kun seera ta'ee wayita ba'u, Puutiinis ta'e maatiinsaanii yakkoota kanaan dura raawwatanii fi fuulduraafis raawwataniif poolisiidhaan hin gaafataman.

Akka wiixinee seeraa kanaatti Manni pirezidaantichaas hin sakatta'amu, qabeenyi isaaniis irraa hin dhaalamu.

Wiixineen seeraa kun kan gaafachiisuu danda'u yoo isaan yakka biyya ganuu raawwatan qofadha.

Pirezidaantii Raashiyaa turanii hanga yoonaa kan lubbuun jiran Dimitrii Meedveedeev qofadha.