Aleeksii Naavaalnii: Mormituun 'ajaja Putiiniin suummeeffame' Raashiyaatti akka deebiyu himame

Madda suuraa, @navalny
Namni bulchiinsa Vilaadmiir Puutiin mormuun beekamu Aleeksii Naavaalnii suummeffamee Jarmanitti yaala argachaa jiru, Raashiyaatti akka deebi'u dubbii himtuun isaa beeksifte.
Dubbii himtuun isaa Kiraa Yarmiyaash ergaa Twitara gubbaatti maxxansiteen ''namni maaliif Aleksiin Raashiyaatti hin deebi'u jedhee akka yaadu hiphoo natti ta'a'' jechuun hoogganaan ishee Raashiyaatti akka deebi'u ibsiteetti.
Erga summiin kennameefi dhukkubsatee booda yeroo duraaf Instaagraam irratti suura isaa kan maxxanse Naavaalyiin, deeggarsa veentileetaraa malee harganuu danda'uu isaa ibseera.
Namni siyaasaa Raashiyaa kun Hagayya 20 ture naannoo Saayibeeriyaa irraa osoo deebi'uu xiyyaara keessatti kan gaggabee kufe. Erga dhukkubsatee booda waldhaansaaf gara Jarmanitti geeffameera.
Naavalyiin ajaja Vilaadmiir Puutiiniin suummeffamee jedhu deeggartoonni isaa, mootummaan Puutiin gama isaan dhimma kana keessaa harka hin qabu jechuun waakkata.
Dubbii himtuun isaa gaazexessitootni ganamaa hunduu dhuguma Aleksiin Raashiyaatti deebi'uuf karoora qabaa jechuun naa barreessaniiru jetti.
''Hundaaf kaniin mirkaneessu filannoon biraa ilaalamu hin jiru,'' jechuun maxxansite.
Naavaalyiin Instaagraam irratti suura maxxanse duukaa ergaa ''akkam jirtu kuni Navaalyiidha. Isin yaadeera. waan hedduu hin danda'u, garuu kaleessa guyyaa guutuu ofiin harganaan oole,'' jedhu maxxanseera.
Gargaarsa vaalvii qoonqoo keessa kaa'amuun alatti ofiin harganuutti gammaduu himeera.
Adeemsi ofiin harganuu akka salphaatti kan ilaalamu mitis jechuun ibseera.
Naavaalyiin maaliin suummeffame?
Ogeyyiin fayyaa Jarman qeeqaan Pireezidant Vilaadmiir Puutiin kun keemikaala 'Novichok nerve agent' jedhamuun suummeffamuu ibsaniiru.
Naavaalyiin ergasii osoo of hin beekiin dhukkuba cimaa keessa ture.
''Novichok'' jechuun afaan Raashiyaatiin kan haaraa dhufe jechuu yoo ta'u, summiiwwan narvii miidhan kanneen bara 1970'ootaaf fi 1980'oota keessa Tokkummaa Sooviyeetiin omishamaniin walfakkaata jedhameera.
Keemikaala waraanaa dhaloota afraffaa jedhamuun qorichoonni kun sagantaa Sooviyeet maqaa koodii ykn icciitawaa Foliant jedhamuun hojjetamaa turanii jedhama.
Ogeessa Keemistirii Rashiyaa Dr. Viil Mirzaayanoov jedhamaniin qorichi gartuu 'Novichok' jedhamu jiraachuun miidiyaaleetti kan himan, bara 1990'oota keessa yommuu ta'u boodas US'tti baqataniiru.
Foormulaa qoricha kanaas kitaaba isaanii 'State Secrets' jedhurratti ibsaniiru.













