Hoogganaan mormituu Raashiyaa ''suummeffame'' wal’aansaaf gara Jarmanitti geeffame

Madda suuraa, REUTERS
Namni Puutiiniin mormuun beekaman kun akka deeggartoonni isaa jedhanitti shayee summa’e dhuguun kan of-wallaalan yoo ta’u, anga'oonnis yakka kana dhoksuuf yaalaa jiru jedhu.
Dooktaroonni Oomiskitti isa yaalaa turan asiif achi sochoo’uuf haala dandeessisurra hin jiru jechuun didaa turani.
Takka turani garuu haala fooyya’aa keessa waan jiruuf imaluu danda’a jedhani. Haati warraasaa Yuuliyaanis isa waliin imaltee jirti.
Balaliin dhaabbata miti mootummaa Jarman Siiniimaa foor Piis jedhamuun mijeeffame gara Hoospitaala Chaariiti Barliin jirutti Obbo Naavaaliiyiin geessee jira.
Naavaaliiy wayita Toomiskirraa Mooskootti balali’aa turanitti kan dhukkubsatani.
Xiyyaarichis achuma Toomiskitti qubannaa tasaa taasisuuf dirqamee jira. Suuraan miidiyaa hawaasaarra naanna’aa ture Naavaaliiy shayee kaafiteeriyaa buufata xiyyaarichaa keessa jiru keessatti dhugaa turan. Namoonni garee isaaniis shayee kanaan summiin kennameef jedhanii shakku.
Viidiyoon miira namaa jeequ yeroo Naavaaliiy xaaraa turan agarsiisus qoodameera. Isa waliin imalaa kan ture Paaveel Leebeedeev, rogeessi kun ‘‘dhukkubsatanii aadaa turani’’ jedheera.
Gaafa Jimaataa dooktaroonni maal jedhani?
Hoospitaala Naavaaliiy itti yaalamaa turetti garee dooktarootaa kan dursan Aleeksaandar Muraakooviskii dooktaroonni namtichi balaliif qophii akka hin taane himanus haati warraasaa ‘‘gara Jarman deemuu qaba’’ jette jedhani.
"Takka turaniis gaaffin firoota isaaniirraa waan dhufeefi nutis diduu waan hin dandeenyeef akkasumas haalli dhukkubsaataan kun keessa jiru gaarii waan ta’eef akka deemuuf hayyamneerra’’ jedhani.

Madda suuraa, REUTERS
Dooktaroonni namni kun summii dhuguu isaanii wanti mirkaneessu hin argamne, kan akkas ta’anis hanqina sukkaaraattiin dhibee mudatu (metabolic disorder) jedhamuun qabamniitu jedhanus, amga’oonni fayyaa biyyattii garuu keemikaalli ndastirii keessatti faayidaarra oolu googaa isaa jala fi rifeensa isaa keessaa argameera jedhani.
Namni Puutiiniin mormuun beekamu kun malaammaltummaa aanga’oota Raashiyaatiin raawwatamu irra deddeebiin saaxilee jira. Mana hidhaattis yeroo hedduu darbatameera.
Deeggartoonni Naavaaliiy maal jedhu?
Gargaaraan nama kanaa Lewooniid Voolkoov ibsa Barliinitti kennaniin, dooktaroonni jalqabarra imala isaaf tumsa taasisaa turan akka tasaa kana gochuu dhaabani jedhaniiru.
‘‘Wanti ta’e ni jijjiirame, wanti dhoksamu waan jiru wayii fakkaata, haadha warraa Aleeksiittillee odeeffannoo kennuuf hayyamamoo ta’uu dhaabani.''
‘‘Dooktaroonni imalasaaf haala mijeessaa turan akkuma tasaa Aleeksiin imalaaf qophii miti, haallisaa hin hayyamu jechuutti ka’ani, kunis waan jalqaba jedhan waliin wal-faallessa ture’’ jedhani.
Rogeessi kun hagam itti aggaammatame?
Eebla 2017: Halluun magariisni fuulasaaniitti erga itti biifamee booda gara hoospitaalaatti geeffamanii turan. Halluun summaa’aa kun qoosaa fakkaatus akka malee nama dhukkubsa jechuun balaa sana booda Tiwiitara gubbaa barreessee ture.
Adoolessa 2019: Hiriira mormii hin hayyamamne waamuu isaatiin guyyoota 30’f mana hidhaa bu’ee ture. Achittis dhukkubbiin itti dhaga’amee summiin faalamee ta’uu mala jechuun dooktaroonnisaa dubbatanii turani. Inni mataansaa waan summiin itti kenname itti fakkaatee akka ture dubbate.
Mudde 2019: Humnoonni tikaa Raashiyaa dhaabbatasaa malaammaltummaa falmatu waajjira cabsuun seenanii laaptooppiifi meeshaalee biro fuudhani. Kaameeraawwan nageenyaa akka mul’isanitti humnoonni kunneen balbala dhaabbatichaa humnaan cabsanii seenani. Baruma sanatti dhaabbannisaa ‘‘qaama alaa’’ jedhamuun labsamee ture.













