Pireezidaant Puutiin: Pireezidaant Puutin bara baraaf pireezidaantii Raashiyaa ta'uu?

Korojaa sagalee itti kennan

Madda suuraa, Getty Images

"Puutin yoo hin jiraannee, Raashiyaan hin jiraattu." Kun yaada qondaala Kireemliinii fi lammiilee Raashiyaa miiliyoonatti laakka'aman akka Puutiin aangoorra turaniif sagalee kennaniiti.

Yaadni kun eega riifarandamiin guutuu biyyaalessaatti Adoleessa 1 taasifame booda kan dhugoomuudha. Kunis akka Pireezidaant Puutin marroo dabalataa lama kan waggoota 12'f pireezidaantii ta'anii akka itti fufan kan isaan gargaarudha.

Pireezidaant Puutin ammatti ganna 67 yoo ta'an, filannoo kanaan ni filatamu taanaan hamma bara 2036'tti aangoorra turu jechuudha.

Riifarandamiin maaf taasifama?

Pireezidaant Puutin Amajjii bara 2020 heera biyyattii fooyyeessuuf yaada dhiheessanii turan.

Pireezidaant Puutin

Madda suuraa, AFP

Sababiin inni guddaan riifarandamiin kun akka taasifmuuf murtaa'ee ammoo Puutiin marsaa dabalataa lamaaf aangoorra akka turaniifi yaadameeti.

Riifarandamichi Ebla 22 taasifamuu karoorfamee kan ture yoo ta'u sababa uggura Covid-19'n Adoolessa 1'tti jijjiirameera.

Tamsa'inna Covid-19 daangessuuf guutuu biyyattii keessatti filannichi guyyoota shaniif taasifama.

Karoorri Puutin maal?

Valeentinaa Teereshkoovaa

Madda suuraa, Reuters

Lammiileen Raashiyaa yeroo Puutiin MM ( bara 1999) ta'anii filataman arganiiru, achiis pireezidaantii ta'an (bara 2000- 2008), achiis irra deebiidhaan MM (2008- 2012) akkasumas irra deebiidhaan pireezidaantii ta'an (2012).

Pireezidaant Puutiin qeeqa aangoorra hamma lubbuun jiranitti turuu yookiin yoo xiqqaate hamma bara 2036'tti aangoorra turuu barbaadu jedhuuf yookiin irra deebiidhaan filatamuu barbaada jechuu baatanis, garuu immoo hin haalle.

Namoota isaan gargaaran keessaa tokko kan ta'an Miseensi Paarlaamaa Vaalentiinaa Teereshkoovaa aangoorra turuu danda'u jedhu.

Marsaa kana "yaadni isaanii fudhatama akka argatuuf waan hunda godhaniiru," jetti gaazexeessituun BBC Mooskoorraa gabaaftu Saaraa Raayinsifoord.

"Namoonni hedduun yaada sirritti guddachuu dhabuu Puutiin kaasuuf yaalan waliin rakkinna hin qaban. Pireezidaant Puutiniin baay'ee hin jaallatan taanan, waa'eesaanis hammas hunda hin yaadda'an. Namoonni hedduu hoggannaa jabaadha jedhu," jetti Saaraan.

Imala gara aangoo

Vilaadimeer Puutiin

Madda suuraa, Getty Images

Baha Jarman keessatti Puutin miseensa garee namoota aangoosaanii isa duraa dhaban keessaa isaan tokko turan. Ta'us garuu Raashiyaa haaraa ijaaruuf kan ijaaraman ture.

Gara Mooskootti imaluun Kireemliin waliin hojjachuu jalqaban.

Yeroo sanitti Pireezidaantiin Federeeshinii Raashiyaa Booris Yeelitsin turan.

Namoonni daldala keessatti hirmaatan akka Booris Bereezoviskii fa'a deeggartoota Yeelitsin ta'an. Isaanis yeroo sanitti yeroo filannoon Raashiyatti taasifamu namoota dhiibbaa uumana keessaa tokko ta'uu dnada'aniiru.

Bara 1999 Pireezidaant Yeelitsin Puutiniin MM Raashiyaa godhuun muudan.

Pireezidaantii tasaa

Puutiinii fi Booris Yeelitsiin

Madda suuraa, Getty Images

Amalli Yeelitsin haalan jijjiirame. Achiis Muddee 31 bara 1999 fedhiisaaniitiin aangoorraa bu'uu ibsan.

Puutinis filannoo Bitootessa 2000 pireezidaantii kan yeroo ta'an.

Puutiin eega aangoo qabatan ji'oota sadi booda miidiyaa harkasaanii jala galchan.

Miidiyaan walabaa NTV jedhamu ni cufame. Miidiyaalee biroo immoo oduu mootummaatiin guuttaman.

Adeemsa Puutin biyya bulchus mul'isan.

"Ana waliin morkii keessa hin seeninaa" :ergaa naannoleef

Suuraa Puutiin

Madda suuraa, Getty Images

Puutin suuta suutaa namoota ofiisaniitii amanan naannoleerratti muuduun naannolee 83 to'annoosaanii jala jalchan.

Namoonni muraasni "Dimookiraasii balleessaaru" jedhanii qeeqanis adeemsisaanii naannolee akka Cheechiniyaa fa'a keessatti hojjateera.

Mormii namoota dimookirasii leellisaniin taasifameen booda bara 2012 filannoon naannolee gaggeefame. Ebla 2013 garuu oolaantummaan Puutin naannoleerratti qaban deebi'ee to'annoon isaaniis cime.

Libeeraalizimii sobaa

Lammiilee Raashiyaa hiriira bahan

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2011 hamma 2013'tti hiriirri mormii filannoo walaba ta'ee fi riifoormii barbaacha irratti Mooskoo fi magaalota birootti taasifamaa ture.

Mormii sunis eega 1990'oota booda isa guddicha ture.

Puutinis sochii uummataa kana akka mootummoonni Lixaa dhimma Raashiyaa keessa seenaniif sababa ta'etti fudhatan.

Eegasii Puutinis naannolee diinagdee isaanii akka to'atanii fi aangoo gara naannolees akka qoodamu waadaa galan.

Jechi 'riifoormii' jedhu dubbii taasisan hunda keessatti fayyadamaa turanis yeroo gabaabaa qofaaf ture. Akkuma sodaatame adeemsasaanii jijjiiran.

Kiriimiyaa akka "biyya alaa dhihootti"

Pireezidaant Puutiin

Madda suuraa, Getty Images

Guraandhala bara 2014 Kiriimiyaa to'annoosaanii jala galchuun Puutiniif injiffannoo guddaa, warroota Lixaaf immoo qaanii ture.

Raashiyaan gartokkee biyya ollaa osoo addunyaa ilaaluu fi homaa godhuu hin dandeenye sanitti to'annaashee jala galchiteetti.

Akka xiinxaltoota naannichaatti Raashiyaan waan fedhashee hojjachuuf aangoo addaa akka ishee hin babaachisne amanu Puutin.

Kiriimiyaan injiffannoo Raashiyaa isa guddichaati, ta'us garuu taatee san qofa miti.

Bakkeewwan to'annaa Lixaa jala hin jirreetti fayyadamuu: Siiriyaa

Gamoo mana amantii

Madda suuraa, Getty Images

Puutiin hariiroo warroota Lixaa waliin qabaachuu dhabuu isaanii akka carraa gaaritti itti fayadaman.

Dhimma Siiriyaa keessa galuu, humnoota Asaad deeggaraniif deeggarsa kennuu fa'a akka carraatti itti fayyadaman.

Gama biraatiin tasgabbii Baha Jiddu galeessaa irratti eenyullee to'annaa guutuu akka hin qabne mul'isaniiru. Gama kaaniin immoo maloota itti fayyadama meeshalee waraanaa itti fayyadaman haaraa agarsiisuuf carraa isaanii kenneera.

Ergaa jabaa 'biyyoota ollaa dhihoo' ta'aniif dabarsaniiru: Raashiyaan hirriyyoota duraaniirratti akka garaa hin jabaanne.

Raashiyaadhaaf mootii haaraa?

Siidaa Tsar

Madda suuraa, Getty Images

Turtiisaanii keessatti Puutiin yaada 'lafa Raashiyaa sassaabuu' jedhurratti dammaqiinsa uumaniiru. Yaada fiiwudaalizimii akka Raashiyaan daangaashee babal'iftu ibsu.

Kanarraa kan ka'e Kiriimiyaa fi "ollaan dhihoon" isaanii maaf barbaachisoo ta'an hubachuun ni danda'ama.

Arkaadii Ostirooviisikii diina ammayyumaati jedhu: Bulchaa Raashiyaa duranii danbii paartii ol ta'an.

Ammaaf aangoon Vilaadimeer Puutiin jabaadha. Garuu yeroo turtiinsaanii bara 2024 dhumatu maaltu ta'a?

Fulduratti maaltu akka uumamuu danda'u namni beeku hin jiru. Ta'us garuu Puutiin karoora ni karoorsu.