Lola Israa'el- Gaazaa: Guyyaa Dilbataa guyyaa 'sukkaneessaadha' jedhame

Ibidaafi aara haleellaa Gaazaa booda uumame

Madda suuraa, AFP

Qondaaltonni Paalistiyaanootaa erga lolli dhiheenyaa Israa'eel waliin eegamalee as guyyaan Dilbata kaleessaa isa hamaa ta'u himan.

Qondaaltonni akka jedhanitti haleellaa xiyyaaraa Gaazaa irratti Israa'eeliin raawwatameen namoonni 40 ol ajjeefamaniiru.

Waraanni Israa'eel ammoo torban dabre keessaa milishoonni Paalistiyaanootaa rookkeettiiwwan kuma 3 ol gara Israa'eeliitti dhukaasaniiru.

Barreessaa Olaanaan Motummoota Gamtoomanii Antoniyoo Guterees lolli itti fufnaan naannicha 'balaa hin to'atamneef' saaxiluu mala jechuun akeekkachiisaniiru.

Akkasumas lola ''naasiisaa'' ta'e kun atattamaan akka dhaabbatuuf gaafataniiru.

Wiixata barii xiyyaarri waraanaa Israa'eel naannawa magaalaa Gaazaatti haleellaa qilleensaa 80 raawwataniiru, battaluma milishoonni Hamaas kibba Israa'eeliitti rookkeettiiwwan dhukaasaniin booda.

Mootummaan Gamtoomanii akkasumas hir'ina boba'aa Gaazaa keessaa kan hanqina ibsaa hospitaalootaafi dhaabbilee kaanii qaqqabsiisuu danda'uuf akeekkachiisaniiru.

Suuraa gamoo barbadaa'ee Magaalaa Gaazaa keessatti

Madda suuraa, Reuters / AFP

UN'tti qindeessaa addaa Adeemsa Nagaa Jidduugala Bahaa kan ta'an Liin Haasiing BBCtti akka himaniitti, boba'aafi wantoota biraa UN akka aanga'oota Israa'eel gaafachuufi kana raawwachuuf haalli isaa nagaa akka hintaane itti himamu dubbatte.

Qondaaltoonni gaazaa haleellaa Israa'eel Dilbata raawwatteen dubartoota 16 fi daa'imman 10 dabalatee namoonni 42 ajjeefamu himan.

Erga lolli torban darbee eegalee as haleellaa rookkeetti gara Israa'eeliitti dhuka'een ammoo daa'imman lama dabalatee namoonni kudhan ajjeefamaniiru jetti Israa'eel.

Waliigalatti namoonni Gaazaa keessatti ajjeefaman daa'imman 55 fi dubartoota 33 dabalatee amma 188 gaheera. Kana malee, namoonni 1,230 ta'an madaa'u Ministeerri Fayyaa Hamaasiin to'atamu hime. Israa'eel ammoo kanneen ajjeefaman keessaa hedduun milishoota jetti.

Dilbata maaltu ta'e?

Haleellaan Israa'eel Dilbata halkan walakkaa daandii Gaazaa kan namoonni itti baayyatu rukutuun yoo xinnaatee gamoowwan sadii diigdee namoota hedduu ajjeefte.

Hamaas ammoo halkanuma sanaafi waaree booda rookkeetiiwwan gara kibba Israa'eeliitti dhukaase.

Israa'eeloonni miiliyoonaan lakkaa'amanis kutaalee dahannoo baqatan. Paalastaaniyoonni gama isaaniitiin akeekkachiisa duraa kennuuf yaalanii turan illeen garuu Gaazaa lafa namoonni hedduun itti baayyatutti bakki dhaqamu hinturre.

Nama paalistaayiin ashanguliitii qabatee erga haleellaa gaazaa booda

Madda suuraa, EPA

Riyad Eshkuntana Rooyitarsiitti akka himaniitti dhohinsa irraa waan fageessee se'uun intalli isaa akka raftuuf kutaa nama isaa keessa raffisee ture. Haata'u malee intala isaa Suzii kan waggaa jahaa qofatuu alkan sana lubbuun hafu danda'e.

Haatii warraasaafi mucaansaa biraa du'an.

''Intalli kiyya jiraachuu ilaaluufan ol fiigee'' jedha Eshkuntaanaan. ''Haatii warraa kiyya utaaltee ijoollee hammachuun kutaa keessaa baafte, achiin haleellaa lammaffaan kutaa rukute...gamoon waan kufeef ani jijjigaa jalatti hafe.''

Suuzii mucaan waggaa jahaa wayita jijjiggaa gamoo jalaa baafamteetti

Madda suuraa, Reuters

Booda keessa ammoo warannii Israa'eel naannawa sirna boo'oo milishootaa irratti haleellaa raawwachu hime. ,Diigamuu yaa'aatu manneen gubbaa jiran akka jijjigan taasisee, du'a namootaa qaqabsiisee jedheera.

Waraanni Israa'eel akka jedheetti aanga'ootaa fi eddoowwan bu'uuraa misoomaa Hamaasiin hidhata qaban irratti xiyyeeffate.

Akka APn gabaaseetti tibba haleellaan sun raawwatameetti qaamooleen jedhaman su mana hinjiran ta'a.