Kaadhimamtoota Badhaasa Ispoortessaa Cimaa Afrikaa 'African Sports Personality' 2021 ifoome

Kaadhimamtoota Badhaasa Ispoortessaa Cimaa Afrikaa 'African Sports Personality' 2021

Madda suuraa, Other

Maqaan ispoorteessitoota ciccimoo Afrikaa badhaasa BBC 2021'f kaadhimamanii ifoome.

Morkattootni badhaasichaa jaha garee gaazexeessitootaa Afrikaa fi Uk'dhaan filaman.

Gareen filannoo gaggeesse ispoortessitoota Afrikaa bara 2021 [Amajjii hanga Fulbaanaatti] waltajjii idil-adunyaa irratti qabxii guddaa galmeessan irratti hundaa'uudhaani.

Ispoortii irratti hirmaatan qofa osoo hin taane dhiibbaa qabxiin isaan galmeessan fides ilaalcha keessa galfameera.

Kaadhimamtootni:

  • Eliyuud Kipchoogee (atileetiksii]
  • Feez Kipyegon (atileetiksii)
  • Intando Mahilangu (para-atiletiksii)
  • Kiristiin Imboma (atileetiksii)
  • Eduwaard Mendii [Kubba Miilaa)
  • Tatjana Schoyenmaker (Bishaan daakuu]

Odeeffannoon ittiin akka filatan isin gargaaru armaan gadi jira.

Filannoon kun Mudde 19, halkan walakkaa xumurama. Badhaasichi ammoo Amajji 7, bara 2022 televizhinii BBC Focus ON Africa fi Raadiyoo irratti ibsama.

As cuqaasuun marsariitii BBC Africa irratti filachuu/sagalee kennuu dandeessu.

Waa'ee kaadhimamtoota jahaanii odeeffaannoon dabalataa kunooti:

Eliyuud Kipchoogee

Eliyuud Kipchoogee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Eliyuud Kipchoogee

Biyya: Keeniyaa, Umurii: 37, Dorgomaa Maraatoonii

Kipchoogeen nama jabaa Maraatoonii yeroo maraafi kan bara kanaati jechuun danda'ama.

Dorgommii Olompikii irratti walitti aansuun yeroo lamaaf mo'ate.

Warqee Maraatooniidhaan Olompikii irratti mo'ate tikfachuun yookan irra deebiin mo'uun nama sadaffaadha.

Lammiin Keeniyaa kun Koree Oolompikii Idil-adunyaan taphichaan atileetii cimaa dhiirotaa bara kanaas tahuun filatameera.

Kipchogeen erga bara 2013 gara dorgommii Maraatooniitti seenee si'a 15 fiigee si'a 13 mo'ateera. Bara 2018 ammoo Berlinitti sa'a 2:01: 39 galuun rikardii harka galfateera.

Kipchoogeen umurii ganna 36'n erga lammiin Poorchugaal Kaarlos Loopes ganna 37 tahee fageenyichaan Olompikii irratti mo'atee nama umurii guddaan Maraatoonii mo'ates taheera.

Feez Kipyegon

Feez kipyegon

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Feez kipyegon

Biyya: Keeniyaa, Umurii: 27-Fiigicha fageenya gidduugaleessa

Feez Kipyegon Jaappan, Olompikii Tookiyoo irratti fageenya meetira 1500'n rikardii haaraa galmeesite.

Jalqaba Riyoo irratti bara 2016 mo'atte. Lammiin keeniyaa kun ji'oota 21'f sababa dahumsaan ispoortii iraa fagaattee ture. Injifannoo ishee kanas daa'ima ishee waggaa sadiif yaaddannoo akka tahuuf jette.

Tapha Olompiki lama gidduun dahanii Olompikii irratti mo'achuun lammii Awustiraaliyaa Shiirlii Istiklaandii, 1956 fi Kaameerun Firaansoyis Imnaango,2008 itti aanuun nama sadaffaa taate.

Intando Mahlangu

Intando Mahlangu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Intando Mahlangu

Biyya: Afrikaa Kibbaa, Umurii: 19- Utaalcha dheeraa fi fiigicha m200

Intaandoo Mahilaangu medaaliyaa Paralimpikii jalqabaa isaa ganna 14 tahee mo'ate. Fiigicha T42 200 jedhamun Riyoo irratti Meetii mo'ate. Kun ammoo ispoortii jalqabee waggaa lama keessattidha.

Bara kanas Olompikii Tookiyoo irratti dhiirotaan fiigicha m200 [T61]fi utaalcha dheeraa [T63] jedhamuun warqee lama injifate.

Wareen utaalchaan argate m7.17 utaaluun yoo tahu kun ammoo rikardii haaraa tahe. Dorgommii kanaaf garuu torban jaha qofa dursee shaakala gaggeesse.

Miilli isaa sababa dhukkubaan yeroo ganna 10 ture kan irraa cite yoo tahu, ispoortiin cinatti barumsa isaas hordofaa jira.

Kiristiin Imboma

Kiristiin Imboma

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kiristiin Imboma

Biyya: Namiibiyaa, Umurii: 18- Fiigicha gabaabaa

"Dorgommii bara kootti gaggeess isa guddaadha,'' jette Tookiyoo irratti yeroo dubartii jalqabaa Namibiyaa tahuun waltajjii badhaasa Olompikii irra baate.

Waggoota 25 keessatti yeroo jalqabaaf biyyi ishee medaaliyaa argatte. m200'n medaaliyaa meetii argatte. Lammii Jmaayikaa yeroo shan Shaampiyoonaa Olompikii taate Eliyaan Heeraatti aanuun 2ffaan xumurte.

Yeroo isheen galmeesite 21.81 sekondii yoo tahu sa'aatii saffisaa dubartoota umurii ganna 20 gadiin galmaa'e taheera.

Fulbaana keessa fageenyicha m200'n Zuurikitti Diyaamandi Liigii irratti Shaampiyoonaa taate. Yeroo ishee haaraa sekondii 21.78 ammoo ammas dubartoota ganna 20 gadiif isa saffisaa yoo tahu akka Afrikaatti ammoo rikardii haaraa tahe.

Eduwaardi Mendii

Eduwaard Meendii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Eduwaard Meendii

Biyya: Senegaal, Umurii: 29 - Kubba Miilaa

Edwaardi Mendii erga kilaba Faransaay Renes irraa bara 2020 Chelsii galee gahumsa dinqisiisaa agarsiisera.

Waancaa Shaampiyoonsi Liigis akka injifatan gahumsa guddaa agarsiise.

Bara dorgommii isaa jalqabaatti galchii osoo irratti hin lakkaa'amiin taphoota sagal dabarsuun rikardii galmeesse.

Akkasumas karra eegaa Afrikaa irraa yeroo jalqabaaf tapha waancaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii irratti taphate tahuun seenaa galmeesse.

Taphoota Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii 19 irratti galchiin osoo irratti hin lakkaa'amiin dabarsuu isaan bara 2020-21 karra eegaa cimaa Uefa tahuun filatameera.

Akkasumas karra eegaa Fifa bara 2021'f filatameera. Tahus badhaasa Yashin kan karra eegaan PSG Doonaaruman mo'ateef osoo hin milkaa'iin hafe.

Tatjana Schoyenmaker

Tatjana Schoyenmaker

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tatjana Schoyenmaker

Biyya : Afrikaa Kibbaa, umurii: : 24 -Bishaan daakuu

Tatjana Schoyenmaker Tookiyoo irratti waan ajaa'ibaa hojjette. Warqee tokkoo fi meetii tokko fudhattee galuushee qofa soo hin taane daakaa bishaanii m200 fi m100 irratti rikardii adunyaa fi Olompikiis galmeesiteetti.

Erga bara 2000 as Afrikaa Kibbaaf bishaan daakuudhaan Olompikii irratti yeroo jalqabaaf medaaliyaa argamsiifte.

Afrikaa Kibbaa bishaan daakuudhaan gama dubartootaan waggoota 25 medaaliyaa argattee hin beektu ture. Tatjanaan M200 warqee argachuudhaan milkeessuu dandeesse.

Atileetiin kun dorgommii Riyoo irratti gulaallii sekondi xiqqoof jette dhabuun ispoortii addaan kutuuf xiqqotu ishee hafee ture.