Afcon 2021: Waancaa Afrikaa jalqabaa irratti hirmaachuun seenaa kan qabdu Itoophiyaan maaliif milkaa'uu dadhabde

Sudaan. Masrii fi Itoophiyaan biyyoota Waancaa Afrikaa nyaatan keessaati

Madda suuraa, CAF/Getty Images/Fifa Museum

Ibsa waa'ee suuraa, Sudaan(bitaa) fi Itoophiyaa(mirga) yeroo tokko tokko qofa waancaa yoo nyaatan, Masriin yeroo torba argachuun rikooordii qabdi

Miirri dorgommii cimaan kan irratti mul'ataa jiruu fi goolii muraasa kan keessummeessaa jiru Dorgommiin Tapha Waancaa 33ffaa biyyoota Afrikaa Kaameeruuniitti gaggeeffamaa jiru, biyyoota dorgommii jalqabaarratti waliin hirmaatan sadan walitti fiduun seena qabeessa ta'eera.

Masrii, Itoophiyaa fi Sudaan erga bara 1957 dorgommii jalqabaa Waancaa Afrikaa irratti hirmaatanii as waggaa 52 booda deebi'anii dirree tokkorratti walitti dhufan.

"Biyyoonni sadeen deebi'anii dorgommii tokkorratti walarguun nama boonsa, seenaa dorgommii kanaa nama yaadachiisa,'' jedhe gaazexeessaan Ispoortii Baderldin Bakheit.

Biyyoonni sadeenuu waancaa argatanii beeku-Itoophiyaa fi Sudaan tokko tokko, Masriin ammoo yeroo torba.

Biyyoota baha Afrikaa lameen kunneen keessatti ammallee ispoortiin akkaan kan jaal'atamuu fi beekamu ta'us, kubbaan miilaa garuu erga bara 1960ootaa fi 1970oota keessaa as kufeera.

Biyyoota baha Afrikaa keessaa kan waancaa Afrikaa mo'atan Itoophiyaa fi Sudaan qofa, akkasuma seenaan kubbaa miilaa isaaniis wal fakkaata.

Itoophiyaan waggaa 31 booda bara 2013 itti deebite, Sudaan ammoo waggaa 32 booda bara 2008 dorgommiitti deebite.

Dorgommii Waancaa Afrikaa 33ffaa 2021n garee A jala kan jirtu Itoophiyaan, Kamisa darbe garee Kaameeruuniin 4-1n mo'atamte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dorgommii Waancaa Afrikaa 33ffaa 2021n garee A jala kan jirtu Itoophiyaan, Kamisa darbe garee Kaameeruuniin 4-1n mo'atamte

"Rakkoon siyaasaa fi diinagdee Itoophiyaa fi Sudaan dorgommiirraa akka fagaatan godheera,'' jedhe Yuuniversitii Michigaanitti piroofesara akn ta'ee fi barreessaan kitaaba 'African Soccerscapes: How a Continent Changed the World's Game' jedhamuu, Peter Alegi.

Waraanni waliinii itti fufiinsaan jiraachuu, goolamni siyaasaa, rakkoon diinagdee fi balaan uumamaa sababoota damee kubbaa miilaa biyyoota kunneenii quucarsaniidha.

Milkaa'inni ganamaa isaan argatan garuu turee bulee miira dorgommii fi kaka'umsa dhaloota keessatti osoo hin uumin hafee hin beeku, biyyoota kunneen abdii kutannaarraa baraareera.

Ammas milkaa'inni Itoophiyaan qaama dorgommii bara kanaa ta'uun argatte, taphoota jalqabaa lamaaniin fashalaa'uu eegaleera, Sudaan Giinii Bisaawoo waliin qixa baatee, Naayijeeriyaan mo'amtus ammallee abdii qabdi, Masriin jalqaba Naayijeeriyaan mo'amtee lammaffaarratti ammoo Giinii Bisaawoo mo'attee waan jirtuuf abdii guddaa qabdi.

Waancaan biyyoota Afrikaa akkamiin jalqabe?

Qondaaltonni Masrii, Itoophiyaa fi Sudaan akkasumas bakka bu'aan Afrikaa Kibbaa bara 1956, wayita Fifan yaa'ii waliigalaa isaa Poorchugaal keessatti gaggeessu, waliin mari'achuun Dorgommiin Waancaa biyyoota Afrikaa akka hundaa'u waliigalan.

Dorgommii jalqabaa Guraandhala bara 1957 Sudaan, Kaartuumitti gaggeeffamerratti Masriin Sudan kuffistee darbuun, tapha xumuraa irratti Itoophiyaa 2 fi 1n injifatte.

Garuu gareen Waaliyaa Itoophiyaa Waancaa Afrikaa 3ffaa bara 1962 dacheesaaniirratti qophaa'erratti Masrii 4 fi 2n mo'acuun haaloo ba'an, waancaan tokkittiin argattes tapha kanarratti.

Taphataan Eertiraa(yeroo sana qaama Itoophiyaa turte) dursaa garee kan ture, Luciano Vassallo mootii yeroo sanaa Hailesillaasee harkaa waancaa fuudhe.

Mootiin Itoophiyaa Haaiylasillaasee wayita waancaa kennu, bara 1962 magaalaa Finfinneetti

Madda suuraa, Fifa Museum on Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Mootiin Itoophiyaa Haaiylasillaasee wayita waancaa kennu, bara 1962 magaalaa Finfinneetti

"Itoophiyaan atileetiksiidhaan beekamtus, ispoortiin akkaan jaal'atamu garuu kubbaa miillaati,'' jedhe magaalaa Finfinnee keessa kan jiru xiinxalaan Super Sports Seid Kiar.

Dorgommiiwwan jalqabaa lamaan kan biyyoota sadan qofa hirmaachise ture, ergasii lakkoofsi hirmaattotaa dhawaataan dabalaa dhufe kan jedhu Kiar, seenaa ganamaa kubbaa miilaa Afrikaa yaadachuun, kabajuun bu'a qabeessa jedhe.

"Taphattootaa fi leenjistoota duraanii kanneen seenaa hojjetanii darbaniif kabaja guddaa qabna, isaaniin ni boonna. Garuu biyyoonni koloneeffataman kanneen akka Ivory Coast, Naayijeeriyaa, Tuniiziyaa fi kaan yeroo sana garee biyyoolessaa isaanii of harkaa hin qaban turan,'' jedhe Kiar.

Kubbaan miilaa jaarmiyaa jabaa barbaada

Kubbaan miilaa guddachuuf taphattoota yookiin qabeenya qofatu barbaachisa miti kan jedhu Hasan el Mistikawi Modern Sport irraa, hooggansii fi karoorri qixa sirrii ta'een hojiirra oolu jiraachuun dirqama jedhe.

Gaazexeessaan duraanii ispoortii kun Masriin ammallee waan fooyyessuu qabdutu jira jedhe.

Biyyi kun waancaa Addunyaaf darbuun yeroo sadi milkoofteetti, Waancaa Afrikaa bara 2006 hanga 2010tti walitti aansuun argatteett.

Bakheit akka jedhutti ammoo hanqinni kan biraan fooyya'uu qabu Sudaan keessatti kilaboonni gurguddoon kaan hacuucuu isaati.

Kilaboonni Al-Hilal and Al-Marriek jedhaman sadarkaa Afrikaatti fooyyee qabu, garuu deeggartoonni isaanii tujaara ta'an dhiibbaa irratti uumu.

Tapha Sudaan fi Giinii Bisaawoo Kibxata(Amajjii 11, 2022) taphatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tapha Sudaan fi Giinii Bisaawoo Kibxata(Amajjii 11, 2022) taphatan

Biyyoonni Lixaa fi Kaaba Afrikaa taphattoonni isaanii hedduun kilaboota biyyoota Awurooppaa keessa taphachuuf carraa kan argatan waan ta'aniif muuxannoo kubbaa miilaa argatniin mo'atu.

Itoophiyaa fi Sudaan garuu taphattootuma kilaba biyya keessaaf taphatan hirmaachisu, bara kana Kaameeruunitti kan mul'ates kanuma.

"Taphattooni kilabooa Awurooppaa keessa taphatan muuxannoo achitti argatan qabatanii garee biyyaaleessaa isaaniif gumaachu,'' jedhe el Mistakawi.

Itoophiyaa fi Sudaan Dorgommii Waancaa biyyoota Afrikaa irratti garee kaanirraa baayyee fagoo jiru, garuu deeggartoonni isaanii ammallee abdii hin kutanne.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa fi goolamni siyaasaa fonqolcha mootummaan walqabatee Sudaan keessatti mudate rakkoo siyaasaa gareewwan kunneen akkaan danqeedha.

Gareen Itoophiyaa bara 1962 wayita waancaa nyaatan, gareen kun garuu seenaa sana dabaluuf baroota hedduu itti fudhateera

Madda suuraa, CAF ONLINE

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Itoophiyaa bara 1962 wayita waancaa nyaatan, gareen kun garuu seenaa sana dabaluuf baroota hedduu itti fudhateera