Waancaa Afrikaa: Gareen kubba miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa garee hundaa dursee Kaameruun gale

Waaliyaawwanii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waaliyaawwanii

Sababa weerara koronaavaayirasiitiin waggaa tokkoof duubatti kan harkifate Waancaan Afrikaa 33ffaa ammas sodaa weerara vaayrasii keessa otoo jiruu A.L.I Amajjii 01, 2014 Kaameruunitti eegama.

Dorgommii kanarratti kan hirmaatu gareen biyyaaleessa Itoophiyaa Waaliyaan torban Dilbata darbe biyyoota Afrikaa dursuun Kaameruun qaqqabuun qophii eegaleera.

Garee biyyaleessaa keessaa gooli hunda caalaa galchuun kan beekamu Geetanaa Kabbadaa dabalatee gareen taphattoota 25 qaba.

Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa kan daangeesseen alatti Hoji-gaggeessaan Koree Federeeshinii taphattoota sadii garee kana keessatti akka hammataman taasiseera.

Mudde 14, 2014 Gareen biyyaaalessaa Itoophiyaa akka ibsetti, eeggattoota kan turan Suraafeel Danyaachew, Firee Geetahuun fi Yihun Idaashaaw garee biyyaalessatti dabalamuu hordofee garichi taphattoota 28 gara Kaameruunitti erge.

Garee biyyaalessaa kan dhiirotaa si’a xumuraaf Waancaa Afrikaarratti kan hirmaate ganna 8 dura dorgommii biyyi Afrikaan Kibbaa keessummessiterratti ture.

Jilli Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa Dilbata darbe magaalaa guddoo Kaamiruun Yaawundee qaqqabeera.

Buufata xiyyaaraa Yuuwundee erga qaqqabanii booda Covid qoratamuun gara hoteela iddoo boqotaniitti qajeeluu isaanii Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa himeera.

Amma yoonaatti marroo afuriif shaakala gaggeessaniiru.

Gareen Waaliyaa maaliif dursee Kaameeruun qaqqabe?

Barreessaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Bahaaru Xilahuun akka himanitti, jalqaba kan yaadame biyya Baha-Giddugaleessaa tokkotti shaakaluuf ture.

‘’Waldaa Kubbaa miilaa Sa’ud Arabiyaa waliin dubbannee ture. Baasii barbaachisu kaffalanii achitti qophaa’uf ture,’’ jedhan.

Taatulleen weerara koronaavaayirasiif Itoophiyaarra garasittii imaluun waan daangeeffameef otoo hin milkaa’in hafe jedhan.

Waldaa Kubbaa miilaa Sa’ud Arabiyaa ta’ii kanatti gadduun dhiifama gaafachuu himan.

Sababa kanaaf biyya dorgommicha keessummeesitu Kaameeruunitti shaakaluuf murteeffame jedhan.

Garasitti imaluun immoo gareenn biyyaalessaa haala qilleensa Kaameruunitti maqaduuf akka fayyadu Obbo Bahaaruun himaniiru. Kana malees, dorgomichii akka hin gaggeeffame dhiibbaa qaamni biraa gochaa ture jiraachuu kaasuun, Itoophiyaan dorgommichi yeroo qabameefitti akka gaggeeffamu deeggaruuf akka garasitti imalan himan.

FIFA fi Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa dabalatee qaamoleen dorgommichi yeroo ammatti sababii weerara dhibeetiif gaggeeffamu morman jiraachuu himan Obbo Bahaaruun.

Weerarri gosa vaayirasii haaraa Omikiroon bal’inaan tamsa’uu hordofee qaamoleen hedduun dorgommichi gaggeeffamu isaa shakkii qaban ibsaa turan.

Mootummaan Kaameruunifi Konfedereeshiinii Kubbaa Miilaa Afrikaa garuu yeroo qabameef keessatti akka dorgomamu mirkaneesseera.

Dorgommichaarratti hirmaachuu deggartoonni danda’an kanneen talaalli Covid-19 marroo barbaachisu hunda talaalamaniifi vaayirasichaarra bilisa ta’uun isaanii mirkanaa’e qofa ta’u Kaameeruun beeksifteetti.

Gareen biyyaaleessaa Itoophiyaa iddoo shaakalaaf mijatu jiraachuu himan Obbo Bahaaruun.

Bakki shaakala kun tajaajila hoteelaa, iddoo leenjii fi tajaajila barbaachisoo kan guuttate ta’uu himan.

‘’Amma taphattoonni leenjiifi shaakala barbaachisaa giddugala sana keessatti gochaa jiru,’’ jedhan.

Gareen biyyaalessa qophii duraa Yaawundetti erga eegalanii torban guutuuf jira.

Gareen Waaliyaa isaanitti aanee Kaameruun kan qaqqabe garee biyyaaleessa Sudaan waliin Kamisa tapha ga’umsa ofii ittiin sakatta’uuf isaan gargaaru taphataniiru.

Tapha ga’umsa garee sakatta’uuf taphatame kanarratti Amanu’eel Gebremikaa’el gooli lama, Shimallis Baqqalaa goolii tokko galchuun Waaliyaan 3fi2 injifateera.

Mootummaan Itoophiyaa turtii gareen biyyaleessaa Kaameruunitti dabarsuu maallaqa ramadee akka baasii barbaachisu haguugu Obbo Bahaaruun dubbataniiru.

Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa deeggarsa maallaqaa barbaachisu mootummaarra argateera.

Birrii miliyoona 51 gaafannee birrii miliyoona 35 tu nuu ragga’e. Maallaqa kanaan sochiirra jirra, deeggarsa kanaaf Federeeshichi mootummaa galateeffata’’ jedhan Obbo Bahaaruun.

Garee Waliyaarra maaltu eegama?

Itoophiyaaan biyyoota dorgommiin kubbaa miilaa akka Afrikaatti gaggeeffamu jalqabasiisaan keessaa tokko yoo taatu, yeroo tokko irra kan darbe bu’aa gaarii otoo hin galmeessiin dorgommiirraa fagaatte.

Taphattoonni dorgommii baranaarratti hirmaatan seenaa kana jijjiruu barbaadu.

Federeeshiiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa barana garichi garee isaanii keessa qaxii gaarii galmeessanii darbuun bu’aa eegamuu akka ta’e Obbo Bahaaruun kn himan.

Gareen biyyaleessaa Itoophiyaa barana garee jalqabaarratti Aljeeiyaa, Kaameruun , Burkinaafaasoo fi Keep verdee waliin ramadame.

Dorogommichaan qabxii fooyyee galmeessisuun alaatti biyyattii akka biyyoota addunyaatti beeksisaniitu irra eegama jedhan Obbo Bahaaruun.

Itti dabaluun akka himanitti deeggartoonni 500 ol ta’an Itoophiyaarra garas akka dhaquuf jiran himaniiru.