Afcon 2021: Wantoota ijoo waa'ee waancaa Afrikaa beekuu qabdan

Sadio Mane, Riyad Mahrez and Mohamed Salah

Madda suuraa, Getty Images

Dorgommiin kubbaa miilaa ijoo kan bara 2022 guyyaa Dilbataa eegala - Waancaa Afrikaa.

Taphattoonni ciccimoon liigota Awurooppaa keessatti taphatan gara Kaameruun qajeelu. Taphni jalqabaas biyyattii qopheessitu Kaameruun fi Burkinaa Faasoo walitti fida.

Dorgommiin guddoo eegamu kun jalqaba Waxabajjii 2021 keessa akka gaggeeffamuuf kan karoorfamee ture tahus, sababoota garagaraan haga ammaa tureera.

Konfedereshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (Caf) dhimma kanarratti kan qeeqamaa ture wayita tahu, erga gosti Koviid Omikroon argamuu hordofee kanarrayyuu ni tura oduun jedhu deddeebi'aa ture.

Taphataan Arsenaal fi Ingilaand duraanii Ian Wright gabaasni miidiyaalee sirrii hin taane ''kabajaa kan hin qabneefi jibba sanyummaa kan of keessaa qabudha'' jechuu qeeqe.

Haalli taphaa maal fakkaata?

Marroo lammeessoof dorgommiin kun gareewwan 24 dorgomsiisa.

Kanaanis taphni ramaddii garee, gareewwan jaha kan biyyoota afur afur qaban ni qabaata.

Taphoonni garee hunduu sa'aatii walfakkaataa 10:00 tti kan taphataman wayita tahu, erga taphni garee obba'ee gara mo'anii darbuutti cehu ammoo galgala 1:00 fi 3:00 (akka biyyatti) kan taphataman taha.

Kubbaan tapha kanaaf midhaassan Toghu jedhamuun kan yaamamu wayita tahu, wayyaa aadaa biyya Kaameroonitti yeroo durii maatii moototaaf kan midhaaffamuufi amma garuu namuu kan uffatudha.

Morkattoonni ciccimoon eenyu fa'i?

Waancaa yeroo darbee kan mo'atan Aljeeriyaan morkattoota cimaa ni tahu. Haga ammaa taphoota 34 walitti aansuun hin mo'amne - taphataa cimaa Maan Siitii Riyaaad Maahireez of biraa qabu.

Biyyi Saadiyoo Maanee Seneegaal kubbaa miilaa Afrikaan sadarkaa jalqabaarra kan jirtu yoo tahu morkattuu cimtuu taati. Biyyi marroo torbaaf waancaa kan fudhatti Masriin ammoo, wayita ammaa taphataa cimaa addunyaa kanaati kan jedhamu Mohaammad Saalaah qabattee gara Kaameroon qajeelti.

Gaanaa fi Naayijeeriyaanis Afrikaa keessaa kubbaa miilaan guddoo kan beekaman wayita tahu, tapha gulaallii Waancaa Addunyaaf garuu gahumsa gaarii otoo hin agarsiisiin hafaniiru.

Biyyi dorgommicha qopheessite Kaameroon ammoo waancaa kana marroo jaheessoof fudhachuun achumatti hambifachuuf falmii guddoo taasisu.

Maalii, Ayivoorii Koost, Morokoo fi Tuniziyaanis haalaan kan eegamanidha.

Haala yeroo itti gaggeeffamu

Kilaboonni Awurooppaa keessaa muraasni taphattoota isaanii dorgommii kanaaf gadhiisuuf wayita rakkatan mul'ateera.

Fakkeenyaaf kilabni Ingiliiz keessaa Waatifoord taphataa Naayijeeriyaa Emmanuel Dennis gadhiisuu dhabuusaatiif Naayijeeriyaan hedduu qeeqameera.

Haalli qilleensaa Kaameroon keessaafi dorgommii kana bara walfakkaataa Waancaan Addunyaa itti gaggeeffamutti taasifamuunsaa, yerichi Caf'f rakkisaa taasiseera.

Dorgommii waancaa Afrikaa kan bara 2023 ji'oota Waxabajjii fi Adooleessa keessa Ayivoorii Koost keessatti gaggeeffama.

Dhimma Koroonaa fi kaan

Weerarri kun dorgommii kanarratti dhiibbaa geessisuun isaa ifa - Caf taphoota hedduurratti daawwattoonni argamuu danda'an %60 qofa akka tahu murteesseera.

Gaafa biyyi qopheessitu Kaameroon taphattutti garuu lakkoofsi kun hanga %80 ol guddachuu danda'a. Deegartoonni taphicha galanii ilaalanis kanneen maroo lama talaalamaniifi qorannoon vaayirasichi kan irratti hin argamnedha.

Ragaaleen akka mil'isanitti uummata biyyattii keessaa %2 callaatu guutummaan talaalame.

Bu'uraaleen misoomaa biyyattiifi qophii biyyattiin dorgommii kana keessummeessuuf taasiste gaaffiin irratti ka'aa tureera.

Kana malees magaalaa Limbeettis sodaan nageenyaas ni ka'a. Magaalaan gama kibba-dhihaan argamtu kun baroota dhiyoon asitti hidhattoota fottoquuf barbaadaniin rakkoo nageenyaa keessa jirti.

Erga 2017 as gareeleen hidhattootaa, biyyattiitti naannoleen Afaan Ingilizii dubbatan, mootummaa Afaan Faransaay dubbatuun cunqurfamaniiru jechuun, biyya mataasaanii 'Ambazonia' jedhamtu hundeessuuf tattaafatu.