Sheriif Solemaanii: 'Jarman Bahaa keessa taphataan gurraachi ana qofa ture'

Sheriif Solemaanii

Madda suuraa, Other

Ibsa waa'ee suuraa, Kubbaa miillaa tasa Jarman Bahaa keessatti kan eegale Solemaaniin taphataa beekamaa Giinii ta'uu danda'eera
    • Barreessaa, Mohaammad Fajaah Baaree
    • Gahee, Barreessaa Kubbaa Miilaa, Giinii

Bara 1962 dargaggeessa ganna 17 ta'ee oogummaa arkiteekcharaa barachuuf Giinii irraa gara Jarman Bahaa kan imale Sheriif Solemaanii, nama kubbaa miilaa Jarman Bahaa jijjiiru ta'uu isaa of hin beeku ture.

Taphataa Giinii jalqabaa biyya alaati taphatu ykn taphattoota Afrikaa alatti taphatan keessaas warra angafaa ta'u akka danda'u hin beeku.

"Ani carraa barnootaa mootummaan naaf kenneen arkiteekchara barachuuf malee, kubbaa taphachuu hin deemne" jedha turtii BBC Sport Africa walii taasiseen.

Yuunivarsitii isaatiif osoo taphataa jiru dandeettii isaa kan arge leenjisaan kilaba dorgommii sadarkaa lammataa keessatti taphatu Nuubiraadanbargi jedhamuu kilabichaaf akka taphatu gaafate. Innis mataa hin marre.

Wayita taphatu uummata gurraacha mara dirree irratti bakka bu'ee akka taphatu yaada ture.

"Yeroos guutummaa Jarman Bahaa keessa taphataan gurraachi ana qofa ture. Adda akkan ta'e natti dhagaahama, ofittan boona ture," jedha Roobii ganna 77ffaa kan kabajate Solemaaniin.

Giinii keessaa taphataa Afrikaa cimaa ta'uun filatamee kan ture Solemaaniin, dandeettii isaa fi goolii hedduu galchuu danda'uu isaatiin jaalatama.

Dandeettiin isaa kilabni isaa Nuubiraadenbarg gara liigii Jarman Bahaa isa olaanaatti akka guddatu taasise. Battalumatti lammilee biyya alaa taphachuu waan dhorkamaniif akka bahu dirqame.

"Nuubiraadenbarg waliin ganna lama taphadhee gooliiwwan hedduu galcheen ture" jedha.

"Ganna duraa 12ffaa taanee xumurre, ani goolii hedduu galchuun tokkoffaan ture. Ganna lammataa kilabichi waancaa akka injifatun godhe."

"Achii booda kilaba masaanuu Niwustireeliitz jedhamun gale, ganna sana kilabichi lammaffaa ta'ee xumure."

'Ijoolleen gogaa koorra cileen jiraachuu ilaaluuf na tuqu'

Nuubiraadenbarg magaalaa naannoo Jarman Meekilanbarg jedhamu keessatti argamtudha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nuubiraadenbarg magaalaa naannoo Jarman Meekilanbarg jedhamu keessatti argamtudha

Haata'u malee wanti hundi Solemaaniif mijataa hin turre. Loogiin sanyummaa irra gahaa ture.

Deeggartoonni garee masaanuu dhaadannoowwan jibba sanyummaa dhageesisuun waan baratamaa ture kan jedhu Solemaaniin, kun dhiibbaa akka irratti uumu hin hayyamu ture.

"Rakkoon magaalaa nama gurraacha arguun rakkisaa ta'e keessan ture. Namni gariin kubbaa taphachuu eessatti akkan bare na gaafata, namni gurraachi kubbaa taphatee goolii galchuu danda'a jedhanii hin amanan ture.

"Inumaa ijoolleen gogaa koorra cileen akka jiru ilaaluuf qaama koo tuqu turan, dhuguma gurraacha ta'uu koo mirkaneeffachuuf.

"Ani garuu achitti taphachuu nan jaaladhan ture, sababni isaa magaalattii keessatti nan beekama, namoota hedduunis nan jaalatama ture. Kunis waanan taphataa cimaa ta'eefi. Kantiibaan magaalaa Nuubiraadenbarg irbaata na afeeree beeka.

"Jibbi sanyummaa dhiibbaa narraan gahee hin beeku, kanaafi kanan goolii galchuu itti fufee."

Imala gara Giinii fi gaabbii

Turtiin Jarman Bahaa Solemaanii kan xumurame wayita biyyi isaa Giiniin tapha gulaallii taphoota guutuu Afrikaa (All-African Games) bara 1965 Ayivoorii Koost qopheessiteef isa waamte ture.

Dorgomicha booda gara Awurooppaa deebi'uu dhiisee gaaffii aanga'oonni biyyattii dhiyeessaniif fudhachuun gara magaalaa guddoo Giinii Konaakrii qajeele.

"Jiruun kubbaa miilaa fi barnootaa koo Awurooppaa keessaa akkasiin ture kan goolabame" jedha.

"Barnoota Jarman Bahaatti deebi'ee fixuu dhiisuu kootti nan gaabba. Yuunivarsiitii Konaakiriittis galmaa'een ture garuu hin xumurre."

Giinii keessatti garuu kubbaa miilaan milkaa'eera. Akka biyyaattis, akka dhunfaattis injifannoo goonfateera.

Kilaba biyyattii Haafiyaa jedhamu waliin seenaa gaarii qaba. Kilabicha Giinii keessatti qofa osoo hin taane Afrikaa keessatti kilaboota beekamoo baroota 1970 keessaa tokko gochuu dandaa'eera.

Solemaanii fi garee isaa kilaba Haafiyaa

Madda suuraa, Other

Ibsa waa'ee suuraa, Solemaaniin kilaba isaa Haafiyaa waliin sadarkaa Afrikaatti injifatus, biyya isaa waliin Waancaa Afrikaa mo'achuu hin dandeenye

Taphataa sarara fuulduraa ta'ee kan eegale Solemaaniin taphataa sarara ittisaa ta'ee xumure.

Gooliiwwan hedduu galchuu fi carraa goolii uumuun beekama. Kilabni isaa Haafiyaan baroota 1972, 1975 fi 1977 waancaa kilaboota Afrikaa al sadi injifateera.

Bara 1972 badhaasa taphataa cimaa Afrikaa Firaans injifachuun biyya isaa Giiniif taphataa isa jalqabaa fi isa dhumaati.

"Badhaasicha injifachuun koo anaaf waan guddaa ture, biyya koo fi waahillan koofis akkasumas" jedha. "Kaartaa kubbaa miilaa ardiichaa irratti akka mul'annu nu taasise."

Sheriif Solemaanii

Madda suuraa, Other

Ibsa waa'ee suuraa, FederationSolemaaniin ammatti direektara teeknikaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Giiniiti

Biyya isaa Giinii Waancaa Afrikaa baroota 1970, 1974 fi 1976f akka geessu kan taasise Solemaaniin, taphataa cimaa Giinii jaarraa 20 jedhamuun kan filameera.

Bara 1976 Waancaaf gahanii Morokoo waliin qixxee bahanii qabxiin Waancaa osoo hin injifatiin hafan.

Tapha sanarratti taphataa sarara ittisaa ta'us goolii tokko Giiniif galchee hanga taphni dhumuuf daqiiqaan shan hafuutti dursaa turan. Haata'u malee Morokoon goolii tokko galchuun qixxee taatee qabxiin caaluun mo'atte.

"Yeroon sun jiruu koo kubbaa miilaa keessatti 'isa badaa' ture" jedha. Sheriif Solemaanii bara 1980 soorama bahe.