Dorgommiin Waancaa Addunyaa waggaa lamaan akka qophaa'uuf yaada dhiyaate mormiin mudate

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommiin Waancaa Addunyaa dhiirootaa waggaa lamaan qophaa'uuf yaadi FIFAn dhiyeesse, gosoota ispoortii kaanii fi walqixxummaa koorniyaa damee ispoortii keessatti rakkoo uuma jechuun Koreen Olompikii Idil-addunyaa morme.
Dorgommii Waancaa Addunyaa tapha kubbaa miillaa waggaa lama, lamaan qopheessuun, dorgommii olompikii kan waggaa lamaan qophaa'u waliin walirra bu'uun sagantaa kan dhiphisuu fi damee ispoortiirratti dhiibbaa uumuu kan danda'uudha.
Dorgommii olompikii irratti sagantaan tapha kubbaa miillaa dubartootaas taatee guddaa bakki kennamuufii qabuudha
Koreen Olompikii Idil-addunyaa ibsa baase keessatti, waancaan addunyaa dorgommiiwwan biroo waliin yoo walirra bu'e heddumminaa fi guddina damee ispoortii keessa jiru quucarsaa deema jedhe.
Koreen dabalee akka himetti, dorgommiin dhiirotaa qofti addatti yoo qopheeffame, kubbaa miillaa dubartootaa irratti gufuu ta'aa deema jedhe.
Jaarmiyaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa fi Liigonni dubartootaa 10 ibsa waliin baasan keessatti karoorri waancaa addunyaa waggaa lamaan gaggeessuu kun akkaan miidhaa qaba jedhan.
Fulbaana darbe liigonni dhiirotaa yaada Fifa mormuusaanii irra deebiin mirkaneessan.
Akka yaada Fifa'tti dorgommiin dhiirotaa yeroo walfakkaataa dorgommii dubartootaatti gaggeeffamuuf murtaa'eera.
Koreen Olompikii Idil-addunyaa sodaa nageenyummaa taphattootaa fi dhimmoo kaan irratti ka'an hundayyuu akka qooddatu himee, waancaan addunyaa waggaa lamatti deebi'uun qaamaa fi qalbii taphattootaa akkaan miidha jedhe.













