Paappaa Buubaa Diyoop: Taphataan Senegaal, Fulhaam fi Portsmouth ganna 42tti du'e

Paappaa Buubaa Diyoop

Madda suuraa, Getty Images

Kilaboota akka Fulhaam, West Haam, Barmiingihaam fi Portsmouth'f taphataa kan ture taphataan sarara gidduu duraanii Senegaal umriisaa waggaa 42tti du'aan addunyaa kanarraa boqote.

Paappaa Buubaa Diyoop taphoota piriimerliigii 129 irratti hirmaateera.

Bara 2002 Waancaa Addunyaa irratti goolii inni tapha jalqabaa irratti galcheen biyyi isaa Senegaal 1 fi 0'dhaan Firaansi injifatteetti.

"Yeroo tokko goota waancaa addunyaa kan ture, yeroo hunda goota waancaa addunyaa kan ta'e'' jechuun Fifa'n miidiyaa hawaasummaasaarratti barreesseera.

Kilabiin Fulhaam ''kun waan akka nama qoruu fi gadda guddaadha'' jechuun tiwiitara isaarratti barreesse.

Diyoop Waancaa Addunyaa bara 2002 irratti tapha nuusa xumuraa irrattis goolii galchuun milkaa'ee ture.

Dorgommii tapha Waancaa Biyyoota Afriikaa irrattis yeroo afur hirmaateera. Bara 2013 garuu addunyaa kubbaa miilaa keessaa ba'e.

Paappaa Buubaa Diyoop

Madda suuraa, Getty Images

Kilaba Portsmouth kan Harry Redknapp hoogganaa turan cinaa goruun waancaa bara FA bara 2008 akka argataniif gumaacheera.

''Inni nama amala ajaayibaa qabuudha. Nama yeroo mara gammadu, nama naamusa qabuu fi qaama guutuu akkasumas ejjennaa gaarii qabuudha'' jechuun BBC'tti himan Redknapp.

''Nama miiraan ariifatee tarkaanfii fudhatu miti. Qaama guddaa waan qabuuf dirree keessatti waan nama sodaachisu fakkaata. Garuu inni akkas miti. Yaadaan maatiisaa hunda biran jira,'' jechuun waa'eesaa ibsan.

Pirezidaantiin Senegaal Maakii Sool, Diyoop dhabuun biyyasaaniif gadda guddaa ta'uu ibsan.

Taphataan sarara gidduu Liivarpuul Saadiyoo Maanee ammoo ''Paapaa Buubaa, du'a kee dhagahuutti onneen kiyya cabdeetti. Osoo nagaa nutti hin dhaamin deemtus yoomuu onnee keenya keessa jirta,'' jechuun Inistaagiraamii isaarratti barreesse.

Paappaa Buubaa Diyoop dhibee maaliin akka du'e wanti ibsame hin jiru.