Taphataa cimaa Afrikaa BBC 2018'f kan kaadhimame taphataa Naappoolii fi lammii Senegaal Kaaliduu Kuulibaalii
Taphatotni shan taphataa cimaa Afrikaa BBC bara 2018'f dorgomaa jiru. Isaan keessaa taphataan sarara ittisaa Naappoolii lammummaansaa Senegaal tahe Kaaliiduu Kuulibalii isa tokko.
Taphataan kun Naappolii keessatti gahumsa guddaa kan agarsiisaa jiru yoo tahu kilaboota gurguddoo biroo kan akka Maanchister Yuunaayitidiinis ni barbaadama.
Waancaa Addunyaa Raashiyaan qopheessite irratti gahumsa gaarii agarsiisera.
Akkasumas kilebii isaa Naappooliifis gumaacha olaanaa bahachaa jira.
Taphataa cimaa Afrikaa BBC bara 2018'fis dorgomaa jira.
