Waancaa Addunyaa 2018: Senegaal garee Afriikaa ka sadarkaa calallii ga'ee

Madda suuraa, AFP
Senegaalii Afriikaa hundumaa uf duubaa qabdi waan sadarkaa calallii Waancaa Addunyaa ka bara kana, Afriikaa keessa kopha hafte jedhe faccisaan Senegaalii Kalidoo Koolibalii.
Masrii, Morokoo, Naayijeeriyaa fi Tuuniziiyaan ramaddii gareetti tapha keessaa bahan.
Senegaalin yoo tapha har'a Kolombiyaa moote Ingiliiz yookaan Beljiyam waliin taphatti.
"Afriikaa fi Senegaalii boonsuun nuu gubbaa jirti", jedh Koolibalii.
Senegaalii ka Poolaandii moote, Japaniin walqixa baate, qabxii afuriin tapha dhuma garee H seenan. Japaniileen qabxii afur qabdi.
Kolombiyaan qabxii sadi qabdi, Poolaandiin waan tapha lama dhabdeefi fagaachuu hin dandeettu.
"Duraan lammilee Senegaalii miliyoonaa 15 uf duuba qamna amma, Afriikaa hundumaat nu waliin jiraa jedha Koolibalii.
"Nuu deggaruuf yaa'an"
Masriin qabxii tokkolee argachuu dadhabdee tapha sadi keessatti, Tuuniziiyaan ta har'a Panama waliin taphattu lama dhabde, fagaachuu hin dandeettu.
Qabxiin Morokoo, tapha Ispeen walqixoofnaan argamte, gama biraatiin Naayijeeriyaa Ayislandii mootee ammoo Kirooshiyaa fi Arjentiinaan dabsate.
Senegaaliin Waancaa addunyaatti marroo lama argamte, Mul'ata duraa wagga 2002 nuusa xumuraa geette.
Kan hunda caaluu taphannee akka dhuma 16 geenyu, humna sun hojjannuun qamna jedh .
Gareen Afriikaa takka nuusa xumuraa hin geenne.
Kaameeruun (1990), Senegaalii( 2002) fi Gaanaa (2010) kurmaana xumuraatin baate.












