Dokumantarii haaraa waa'ee Saadiyoo Maanee hojjetamerraa wantoota haaraa baranne shan

Madda suuraa, Getty Images
Dookumeentariin mata duree 'Sadio Mane: Made in Senegal' jedhuun hojjetame waa'ee taphataa collee Liivarpuul Saadiyoo Maanee wantoota amma dura hin beekamne hedduu mul'iseera.
Dookumeentariin bilisaa TV Rakuten irratti gadi dhiifame wayita kubbaan miilaa hin jirre kanatti wanta jaalattoonni kubbaa miilaa itti yeroo dabarsani ta'a jedhameera.
Deeggartoonni Maanchistar Yunaayitid osoo hin hafiin dookumeentarii kana akka jaalatan shakkii hin qabnu.
Wantoota shan waa'ee Saadiyoo Maanee dookumeentaricharraa hubanne kunooti.
1. Maneen kubbaa taphachuuf baqachuu qaba ture
Kana amma dura dhageessan ta'uu mala, Saadiyoo Maanee ganda xiqqoo Bambaalii jedhamtu keessatti yoo guddatu, maatiin isaa kubbaa taphachuun akka nama jiraachisu hin beekan ture.
Abbaan isaa yeroo inni ganna torba ture du'an. Sababa kanaafis abbeera isaatu isa guddise.
Maatii hordooftoota amantaa Islaamaa imaamonni keessa jiran irraa waan dhalateef barnootaaf dursi kennama ture.
"Abbeerri koo barnooti caalaa barbaachisaadha jedhee waan yaaduuf, akkan kubbaa taphadhu hin fedhu ture," jedha Maaneen.
Kubbaa salphaatti argachuu waan rakkatuf waanuma argeen taphata ture.
Bara 2008 baqatee gara magaalaa guddoo Senegaal Daakaar deemuun kilaba tokkoof taphachuuf yaalus qabamee qe'eetti deebifame.
Bara itti aanu garuu barnoota dhiisee kubbaa qofa taphachuuf maatii isaan waliigale.
2. Al Haajii Diyuuf ilaalaa guddate
Bara 2002 Senegaal Xumura nuusaa Waancaa Addunyaaf yoo geessu Maaneen reefu nama ganna 1o ture.
Garee biyyaaleessaa kubbaa miilaa Senegaal yeroo sanii keessa ammoo taphattoota bebbeekamoo akka Aliyuu Siisee, Kaliiluu Fadiigaa fi Al Hajii Diyuuf fa'aatu ture.
Yeroon sun yeroo kubbaan miilaa Senegaal sadarkaa olaanaarra ture jedha Maaneen.
Ronaaldiinihoo fi Al Haajii Diyuuf akka malee kan jaalatu Maaneen gaaf tokko akka isaaniin ta'a jechaa akka ture hiriyaan isaa ni dubbata.

Madda suuraa, Getty Images
3. Haalli qilleensaa Awurooppaa isa rifaasisee ture
Maaneen bara 2011 kilaba Fireench FC Metz jedhamuuf taphachuuf yeroo duraaf Senegaal gadhiisee gara Awurooppaa qajeele.
Amajjii bara 2011 Firaans yoo gahu wanti jalqaba inni hubate qilleensa isaa ture.
Sababa qorra isaaf jecha haala itti uffataa tureen waahiloonni isaa itti kolfaa akka turan ni yaadata.
Jalqaba miidhaan irra gahe yaala baqaqsanii wal'aanuu erga taasifameefi booda taphatti deebi'ee beekamtii horachuu eegale.
FC Metz irraa RB Saalzibargi, achii Saawuzaampitan achii booda Liivarpuul gale.
4. Yargan Kiloop jalqaba Maanee hin jaalanne ture
Yargan Kiloop wayita leenjisaa Doortimand tureefi jaqaba Saadiyoo Maaneen wal bare, Maanee hin jaalanne ture jechuun dogoggoruu isaa dookumentarii sanirratti dubbata.
"Yeroon jalqaba argu taphataa kubbaa miilaa osoo hin taane Raapparii reefu sirba eegaluu wayii fakkaata ture, maalifan kana waliin yerookoo guba jedhee yaadeen ture," jechuun gaabbiin dubbata.
Waa'ee namoota tilmaamni koo sirrii akka ta'e yaada ture, garuu dogoggoreera jechuun afaan Jarmaniin himan Kiloop.
5. Deeggartoonni Senegaal Maaneef rakkisoodha

Madda suuraa, Rakuten TV
"Saadiyoo Maaneen kilaba isaaf qofa malee Senegaaliif taphataa cimaa miti."
"Taphattoota cimoo Afrikaa keessaa tokko, cimina isaa asitti hin agarsiisu. Kanaaf kan nuti isaa hin deeggarreef."
Kun waan deeggartoonni garee biyyaalessaa Senegaal dookumeentaricha irratti yaada kennan jedhanidha.
Iddoo dhaloota isaatti abbeera isaaf mana ijaaree jira. Hawaasa isaaf ammoo mana barumsaafi hospitaala ijaaree kennee jira.
Ta'us garuu waan tokko kan inni akka malee uummata biyya isaaf gochuu fedhu garuu amma dura hin dandeenye - Waancaa Afrikaa injifachuudha.
Garuu Maaneen abdii hin kutne, abjuun koo Waancaa Afrikaa garee biyyaalessaa Senegaal, Leencota waliin injifachuudha jedha.
Saniif ammoo hin barfanne yeroon jira jedhees yaada.















