Badhaasa Fifa 2020: Mohammad Saalaa fi Saadiyoo Maanee kaadhimaman

Luusii Biroonzi (bitaa), Maarseello Biyeelsa (gidduu) fi Virgil vaan Daayik(mirga)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Luusii Biroonzi (bitaa), Maarseello Biyeelsa (gidduu) fi Virgil vaan Daayik(mirga)

Livarpuul irraa Virjil van Daayik, Mahaammad Saalaa, Saadiyoo Maanee fi Tiyaagoo Alkantara Badhaasa Kubbaa Miillaa Fifa kan dhiirotaaf kaadhimaamtoota ta’aniiru.

Taphataa sarara gidduu Maanchistar Siitii kan ta’e Kevin de Biruyenis kaadhimamtoota 11 keessaa isa tokkodha.

Badhaasa kubbaa miillaa dubartootaaf ammoo taphatoota 11 kaadhimaman keessaa, taphattuun Inglaandiifi Maanchistar Ciitii Luusii Biroonzi tokkodha.

Leenjisaan kilaba kubbaa miillaa Livarpuul Jargen Kiloop fi kan Liids Yunaayitid, Maarseloo Bayeelsa ammoo badhaasaa leenjiistoota dhiiraaf kadhimamaniiru.

Leenjistoota dubartootaaf ammoo Cheelsii irraa Emmaa Hayees fi leenjistuun garee kubbaa miilaa Nezarlaands Serinaa Wiyegman, Sadaasa bara 2020tti kan leenjistuu Inglaand ta’uuf jirtu badhaasa kanaaf kadhimamaniiru.

Fifa'n injifattoonni kan filataman “sagalee kaapiteenoota fi leenjistoota gartuulee biyyaaleessaa addunyaa maraa irraa fudhatamu, sagalee deeggartootaan interneetaarratti kennamuu akkasumas filannoo bakkabu’oota miidiyaa filatamoo 200 ta’aniinidha,” jedha.

Filannoon kun kan gaggeeffamu Sadaasa 25 hanga Muddee 9 giddutti yoo ta’u bu’aan isaa ammoo sirna Muddee 17 qophaa'u irrattidha.

Gooliin taphataan sarara duraa Tootenaam Son Heyuung-miin gartuu Burnilee irratti galmeesse badhaasa Puskaas Fifa’f kadhimameera.

Liigii dubartoota irratti gooliin taphattuun Chelsii Sofii Ingilee Arseenaar irratti lakkoofsiste, Maanchistar Siitii irraa kan Kaarolaayin Weyer Maanchistar Yunaayitid irratti galmeessiftee fi kan gartuu Dundaalk irraa Joordan Filoores gartuu Shamrook Roveersi irratti galchite badhaasa kanaaf kadhimamaniiru.

Tiyaagoo Alkantara gara Liivarpuul osoo hin deemin dura Baayermuunik akka waancaa argatu godheera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tiyaagoo Alkantara gara Liivarpuul osoo hin deemin dura Baayermuunik akka waancaa argatu godheera

Kaadhimamtoota taphattoota dhiiraa hunda

Tiyaagoo Alkantara (Ispeen, Livarpuul)

Kiristiyaanoo Ronaaldoo (Poorchugaal, Juveentus)

Kevin de Biruyeen (Beljiyeem, Maanchistar Sitii)

Robart Lewandowiski (Polaand, Baayern Muniik)

Sadiyoo Maane (Senegaal, Livarpuul)

Kayliyan Mibappe (Firaans, Paaris St-Jermaayin)

Liyoonel Messii (Arjentiina, Barselonaa)

Neeymaar (Biraazil, Paaris St-Jermaayin)

Serjiyoo Ramoos (Ispeen, Riyaal Maadrid)

Mohammaad Salaa (Maasirii, Livarpuul)

Virjiil van Daayik (Nezarlaand, Livarpuul)

Kaadhimamtoota taphattoota dubaraa hunda

Luusii Biroonz (Ingilaand, Manchistar Sitii)

Daafinee Kaskarino (Firaans, Liyoon)

Karolaayin Giraham Hansen (Norweey, Barseloonaa)

Pernille Haarder (Denmaark, Chelsii)

Jeenifar Hermoso (Ispeen, Barseloona)

Ji So-yun (Kooriyaa Kibbaa, Chelsii)

Saam Keerr (Awustraaliyaa, Chelsii)

Saaki Kumagayii (Jaappaan, Liyoon)

Disenifer Marozsan (Jaappaan, Liyoon)

Viviyaan Miyedeemaa (Nezaarlandi, Arsenaal)

Wendii Renard (Firaans, Liyoon)

Kaadhimamtoota leenjistoota dhiiraa hunda

Marseelo Biyelsaa (Arjentiina, Liids Yunaayitid)

Haans-Diter Filik (Jermanii, Baayer Muniik)

Jargen Kilopp (Jermanii, Livarpuul)

Juleen Lopeteguyi (Ispeen, Seviillaa)

Zinaddiin Zidaan (Firaans, Riyaal Maadriid)

Kaadhimamtoota leenjistoota dubaraa hunda

Luyiis Kortees (Ispeen, Barseloonaa)

Rittaa Guyarino (Xaaliyaan, Juventuus)

Emmaa Haayes (Ingilaand, Chelsii)

Istefan Lerch (Jermanii, Wolfisburgii)

Heeg Riis (Norwaay, LSK Kivinner)

Jaan-Luuk Vasser (Firaans, Liyoon)

Sariinaa Wegman (Neezarland, Gartuu Biyyaaleessa Daach)