Taphni Zimbaabwee fi Giinii murteessitoota dubartootaa qofaan gaggeeffamuuf

Madda suuraa, FIFA
Tapha dorgommii waancaa biyyoota Afrikaa 33ffaa Kaameeruun gaggeessaa jirturratti gareen murteessitoota dubartootaa har'a garee B jalatti tapha Zimbaabwee fi Giinii taphachiisu.
Taphi garee murteessitoota dubartootaa qofaan wayita gaggeeffamu seenaa Waancaa Afrikaa keessatti isa jalqabaati.
Lammiin Ruwaandaa Salima Mukansanga murteessituu dubartii yeroo jalqabaaf dorgommii kanarratti taphachiisuun hirmaattedha.
Salima Mukansanga dubartoota biroo sadiin dabaalamtee taphicha gaggeessiti.
Isaanis: Lammii Kaameeruun-Carine Atemzabong, Lammii Morookoo- Fatiha Jermoumi, daanyaa VAR lammii Morookoo- Bouchra Karboubi.
''Namni as jiru hunduu tapha kana qophaayee, si'oominaan eeggataa jira. Seenaa haaraa ta'ee hin beekne kana arguuf hunduu qophiitti jira,'' jedha gaazexeessaan BBC Kaameeruun, Yaawundee irraa.
Lammiin Ruwaandaa Salima Amajjii 10, 2020 ture of dandeessee tapha tokko akka taphachiistu kan murtaa'e.
Yeroo sana tapha Giinii fi Maalaawwii irratti murteessituu afraffaa taatee dhiyaattee turte.
Duraan narsii turtee boodarra murteessituu kubbaa miilaa kan taatee Salima Mukansanga, waa'eenshee Ruwaandaa keessatti mata duree miidiyaa hawaasummaa ta'eera.
Konfedereeshinii Kubbaa miilaa Afrikaatti duree murteessitootaa kan ta'e Eddy Maillet, tapha daanyota dubartootaa qofaan gaggeeffamuuf jedhu-tapha seena qabeessa jechuun ibse.
"Hojiin kun dubartootaaf cimaa akka ta'e beekna. Kanaafuu isheen akka dubartii tokkootti as ga'uuf qormaata hedduu keessa dabarteetti. Beekamtii baayyeetu isheef mala,''jechuun Konfedereeshinichi waa'ee daanyaa dubartii Salima Mukansanga barreesseera.
Odeessaalee walitti dhiyaatan:
- Wantoota ijoo waa'ee waancaa Afrikaa beekuu qabdan
- Waancaa Afrikaa jalqabaa irratti hirmaachuun seenaa kan qabdu Itoophiyaan maaliif milkaa'uu dadhabde?
- Suppar Kaappiin yeroo jalqabaatiif murteessitoota dubaraan
- Liidiyaa Taaffasaa, murteessituu tapha kubba miilaa dhiiraa 'CHAN'
- Murteessituu hijaaba uffattu jalqabaa Olompikii irratti seenaa galmeessuuf jettu















