Olompikii Tokiyoo: Murteessituu hijaaba uffattu jalqabaa Olompikii irratti seenaa galmeessuuf jirtu

Sara Gamal on the court

Madda suuraa, Sara Gamal

Ibsa waa'ee suuraa, Sara Gamal dubartii jalqabaa hijaaba uffachuun tapha kubba kaachoo Olompikii irratti murteesituu taate

Saaraa Gamaal wantoota gurguddaatti milkaa'uun rikardii gaarii qabdi. Lammiin Masirii taphattuu kubbaa kachoo taatee fi ogummaa siivil injineriingii qabdu Saaraan amma hojiishee gara murteessummaatti jijjiiruun Olompikii Tookiyoo irratti hijaaba uffachuun taphachiisuun seenaa haaraa hojjechuuf jirti.

Saaraan dubartii Musiliimaa jalqabaa hijaaba uffachuun Olompikii Tookiyoo irratti kubbaa kachoo taphachiiistu tahuuf jirti. Kana qofa osoo hin taane haalumti tapha kubbaa kachoo isheen taphachiisuuf jettuyyuu jalqabaaf kan taphatame Tokiyootti ji'a Adoolessaa kana keessadha.

Kubbaa kachoo 3x3 ispoortii addunyaa irratti magaalaa keessatti irra caalaa taphatamu jedhamuun kan beekamu ture. Asumaa jalqabuun addunyaa irratti paarkiiwwan keessatti bakkeewwan bashanannaatti kubbaa daandii irraa 'streetball' 'Blacktop' yookaan ammoo 'Playground Ball' jedhamuun taphatama.

Akka tilmaamamutti biyyootni 182 fi taphattootni 430,000 tahan akka addunyaatti tapha kubbaa kachoo 3x3 kana taphatu.

Saaraanis dubartii Arabaa fi Afrikaa jalqabaa tapha 3x3 kana dorgommii Olompikii irratti taphachiistu tahuu isheeti.

Sara Gamal

Madda suuraa, Sara Gamal

Ibsa waa'ee suuraa, Saaraan akka jettutti amantaan ishee akka gara murteessummaatti dhuftuuf ishee qajeelcheera
1px transparent line

'Dandeettiikoo isa guddaa agarsiisuu'

Saaraan Olompikii irratti hirmaachuun ''abjuu'' ishee tahuu himti. Sababa weerara koroonaavaayirasiin dorgommichi gaggeeffamuu isaayyuu hin barree ture.

''Ni gaggeeffamamoo hin gaggeeffamu kan jedhu baay'ee nu yaadessee ture, garuu dhumarratti akka gaggeeffamu barame.''

Maatiin ishee hundi akka itti boonan Saaraan himte. Bu'aan hojii ishee kun akka haalaan eegdu ishee taasisuus himti.

''Yeroo matuma kee qofa osoo hin taane [addunyaa Afrikaa fi Arabaa] bakka buutu itti gaafatamummaa guddaadha. Salphaa miti. Bakka buutuu isaanii cimtuu tahuu waan barbaaduuf waaniin dandahu hundaa nan godha.''

Saaraan nama suuta dubbattudha, seeqaan haasofti. Romaaniyaatti erga tapha kubbaa kachoo taphachiistee sa'aa muraasa booda gara Masiriitti deebitee na waliin haasofte.

Yeroo hundumaa yeroon waa hojjedhu, waan guddaa akka tahen yaada. Allaah carraa haaraa isa kanaan duraa caalu anaaf banuun na raajeffachiise,'' jechuun natti himte.

''Bara dorgommii darbe tapha walakkaa xumuraa liigii Masirii kan dhiirotaa akkan taphachiisuuf nan filatame. Sun matuma isaan milkaa'ina tokkodha.''

Bara kana ammoo Saaraan gahumsa ishee kana gara sadarkaa caalutti ceesisuun, tapha xumura waancaa dhiirotaa Masirii fi tapha Kubbaa Kachoo Ligii Afrikaa taphachiifte.

Isaan kunneen anaafis tahe murteessitoota dubartoota tahan Masirii keessa jiraniif tarkaanfii guddaa turan. Sababni isaas biyyicha keessatti yeroo jalqabaafidha dubartiin tapha xumura waancaa dhiirotaa irratti murteessituu tahuun kan taphachiifte.

Saaraa Gamaal fi muerteessitoota kaan waliin suuraa ka'an

Madda suuraa, Sara Gamal

Ibsa waa'ee suuraa, Saaraa Gamaal dubartii Arabaa fi Afrikaa jalqabaa hijaaba uffachuun Olompikii irraatti Kubbaa Kachoo irratti taphachiistu tahuu isheeeti

Daandii lama deemuu

Milkaa'ina Saaraa yeroo dhiyoo kanaa akkuma jirutti tahee garuu imalli isheen gara Olompikiitti goote baay'ee dheeraadha.

Ijoollee durbaa xiqqoo taatee yeroo obboleettiinshee hangafaa kubbaa kachoo taphattu ilaalaafi yeroo isheen shaakala deemtu ishee gaggeessaa guddatte.

Yeroo umuriinshee waggaa shan tahu, Saaraan Kubbaa Kachoo taphachuu jalqabde. Yeroo umuriin ishee waggaa 15 tahu ammoo murteessituu taate.

Waggoota saddeetiif Saaraan taphattuu fi murteessituus tahuun hojjechaa turte.

Akka jettutti tapha dhiisuun hojii murteessummaa irratti qofa xiyyeeffachuuf murteessuun qormaata guddaa itti taheera. ''Waan kana keessatti nama jalqabaa yeroo taatu salphaa miti- kana gochuuf jagna tahuu qabda.''

''Garuu yeroo waan tokkotti amantu, akkasuma yoon tarkaanfii tokko fudhe ni taha jettees amanuu qabda.''

Saaraan wantoota hedduu al tokkotti wal madaalsiftee deemaa turte. Ammayyuu injiinera tahuun ni hojjetti. Yerooma abjuu tapha kubbaa kachoo ishee ari'aa turte sanadha waggaa shaniif kan injineriingii baratte.

Ulfaataa ture jette, garuu yerookoo daandii lamaan gidduu jiru wal madaalsisee akka deemuuf maatiikoo na barsiisuun na deeggaraa turan.

Amma miiltoowwan hojii ishee warra ishee dinqisiifatan keessaati. ''Tapha koo ni ilaalu. Olompikii irrattis na deeggaru.''

Sara Gamal on the court

Madda suuraa, Sara Gamal

Ibsa waa'ee suuraa, Saaraan akka jettutti Tookiyootti imaluun ''abjuu'' ishee ture

'Rabbii na qajeelche'

Karaa hundumaan amantaan ishee jabeessee akka ishee dhaabe dubbatti Saaraan.

''Waan kaniin dandahu hundaan yoon hojjedhe waan gaariin naaf dhufa jedheen amana. Waan qabdu hundaan cimtee hojjechuu qabda. Kanaaf 'waan dandahu nan godheen, Waaqaaf dhiise, inni imalakee qajeelcha.''

Tapha hundumaa dursitee nama akkasiiti. ''Nan kadhadha, adaraa yaa Waaqayyo tapha yookaan dorgommii cimaa akka haa tahu nu gargaari.''

Dirree keessatti waan uffattu kanas amantichuma kanatu ishee qajeelche. Saaraan erga bara 2017 seerri isaa jijjiiramee murteessituu jalqabaa FIBA sadarkaa dorgommii idil-adunyaatti hijaaba uffachuun taphachiistu tahuu isheeti.

Saaraan deebiin argattu hunduu gaarii akka tahe himte. ''Taphattootni tokko tokko uffannikee gaariidha naan jedhu,'' jette. Murteessitootni dubaraa baay'een akka abjuu isaanii fi amantaa isaaniin mul'ataniif karaa saaquukoof, anaaf waan gaariidha.''

Saaraan shamarran murteessitoota tahan biyyashee keessaa baay'een, ''dorgommii idil adunyaa guddaa irratti carraa hirmaachuu yookaan addunyaa guutuu irra imaluu hin arganne,'' jedhanii naa barreessuu jette.

''Ana caalaa hojjechuu dandeessu jedheen isaanitti hima. Bakka barbaaddanitti mul'ata keessan dhugoomsuu dandeessu. Humna kana gochuu qabdu.''

''Fuuldura isaanii murteessituu tahuuf yaaduun isaanii kabajaa guddaadha. Yoo jabaatanii hojjetan abjuu isaanii bira ni gahu.''

Shamarran Musiliimaa addunyaa irraa ishee daawwatan milkaa'ina ishee irraa akka baratan barbaaddi. Tokiyootti dirree cinatti waan ishee arganiif.

''Xiyyeeffannookee waan gaarii tahuu barbaaddu irra godhi. Galma guddaa qabaadhu. Akkasiin bakka guddaa yaaddee sana ni geessa. Ani nuyi dubartoonni humna ajaa'ibsisaa qabna jedheen amana. Nuyi baay'ee baay'ee cimoodha.''