Tookiyoo 2020: Dubartoota Olompikii ykn haadhummaa filachuun dirqama itti ta'e

Madda suuraa, Getty Images
Shaampiyoonaa Olompikii ta'uun leenjiif kutannoo cimaa qabaachuu barbaachisa. Keessattuu atileetoota dubartootaa hedduuf kaka'umsi isaan medaaliyaa warqee argachuuf qaban filannoo daa'ima godhachuun walitti makuu hin qabaatan.
Jijjirama qaamaa dubartoonni wayita garaatti baataniifi tibba dahumsaa booda dorgommiitti deebi'uuf yeroo bayyanachuu ishee barbaachisa.
Kana malees, haalawwan walxaxaan kunuunsa daa'imaafi daa'imarraa fagaachuun jiraachuu mala.
Haata'u malee, atileetonni baayyeen hanga ogummaan ispoortiisaanii wal faana xumuranitti maatii godhachuu kan hin barbaadne yoo ta'u, kaan ammoo maatii ni qodhatu.
Kanaanis waan haadha ta'uurraa eeggamuufi ogummaa atileetummaan gaafatu jidduu dhiphatu.
Atileetonni afur waa'ee imala jireenyaasaanii gama atileetiksiiifi attamiin murteessanii ijoollee godhachuun akka isaan miidhee ilaalchisuun BBCtti dubbataniiru.
Injifannoo teknikaa?
"Anaaf dhimma onnee nama cabsudha sababii daa'ima godhachuun haala akkanaatiin nama miidha jedhee hin yaadne waanan tureef,'' jechuun BBCtti himte lammii Kaanaadaafi ispootii bunyaa kan beekamtuMaandii Bujold.
Taphawwan Tookiyoo silaa yeroo itti ogummaa isheetiin sadarkaa olaanaa irra geessu ture. Haata'u malee, wayita qophii calallii sababii weerara koronaatiin haqametti ulaagaa guutuuf yaalii taasisaa turte.
Boodas Koreen Olompikii Addnyaa (IOC)n atileetoonni Kaabaafi Kibba Ameerikaa dorgommicharratti hirmaachuuf sadarkaasaanii kan dorgommiiwwan sadii 2018 fi 2019 keessaa fayyadamuu qabu jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo sanatti ammoo atileetiin umurii waggaa 33 kun sababii garaatti baataa turteef hin dorgomne turte. Kana jechuunis shaampiiyoonii Kaanaadaa yeroo 11 kan taate kun meedaaliyaa Olompikii dhaabuuf jirti jechaadha.
''Ulaagaan ittiin hirmaatanii ni geeddarame. Anaaf kun sirrii natti hifakaatu,'' jeetti Bujold.
''Hiriyyaa tiyyaaf bilbileen battalumatti Google irra ilaaluun murteen chaartarii Olompikii loogii kan qabu ta'uu hubanne.''
Ammattis Bujold sadrkaa ishee isa wayita garaatti baatteen duraa akka ilaalamuuf gaafachuuf Mana Murtee Araara Ispoortii (Court of Arbitration for Sport)tti ol iyyannoo galfattee jirti.
Jalqabarratti abdataa turtulleen garuu baatii darbe keessa IOCn atileetota biraatiif daandii saaqa jechuun gaaffiishee osoo hinfudhachu dide.

Madda suuraa, Getty Images
Amma calalliin tabichaan waan xumurameef, Bujold hirmaachuuf haa hayyamamuuf ykn haa didamu osoo hinbariin leenjii taasisaa jirti.
Isheenis tabawwan Riyoo 2016n bood gaa'ila dhaabbachuun hanga Olompikiin gahuutti mucaa godhachuuf murteesite.
''Akka atileetiitti jireenya kee geengoo tabawwan waggaa afuriitiin karoorsita. Kanaafan Riyoon booda mucaa godhadhchuun booda qophaa'ee itti deebii'uuf murteessee ture,'' jetti.
''Kanan raawwadhees isuma. Dorgommii biyyaaleessaa galuun waltajjii bira qaqabeera. Akkan raawwachu danda'us mul'iseera. Amma cimina haadhaa argadheera.''
Foddaa dhiphoo

Madda suuraa, Getty Images
"Akka caarraa ta'ee yeroon ogummaan guddachuu dandeessu yeroo itti akka dubartii sadarkaa dahumsaa irra geessuudha,'' jetti Paaraalompikkiitti shaampiyoonaa Biritish kan taate Jodii Girinhaam.
''Yerooumuriin koo 28, mucaa godhachuun jaaladha ture. Garuu ogummaa kiyya waliin hin ta'u. Bara 2028 keessas dorgumuu nan barbaada. Yeroo sanatti ammoo waggaa 40ttin dhiyaadha.''
Girinhaam dubartoota ogummaafi maatii hundeeffachuu jidduutti yaadaan rakkataa jiran keessaa tokko.
Taphawwan Paariis kan 2024n dura garaatti baachuuf karoorfatte. Garuu sababii koronaavaayorasiitiin haaliiwwan jijjiramaman.
''Baayyee turanii eeggachuun onnee nama miidha. Osoo kan dorgomiin hin gaggeeffamne ta'ee hoo? Hojii kiyya nan jaaladha. Kanaaf, jireenya kiyya gama kanaas dhiisuu hin babraadu.''
Dhiibbaa haalli turtii kun gama abbaa manaasheetiin qabaatus akkasiin himti, ''inni daa'ima godhachuuf qophaa'aa ta'ee osoo jiru gama kiyyaan turuun gaarii hin ta'u. Haata'u malee, akkan garaatti hin baanneef of eeggannoo danda'u hundan taasisa. Abbaan manaa kiyyas na hubata. Kaanafan baayyee isa jaaladhas,'' jetti.
Qorannoo bara darbee BBC atileetota irratti gaggeesseen namoota hirmaatan keessaa %4 kan ta'an sababii ogummaa isaanii irratti dhiibbaa qabaata jedhanii yaadaniif jecha ulfa ofiirraa baasuu himan. Kuni sadarkaa biyyaaleessaatti kan Inglaandiifi Waalsiin dachaa lamaan caala.
Gaadda onnee

Madda suuraa, Getty Images
Shaampiyoonaan Olompiikii Ameeriaa fageenya meetira 400 duraanii Saanyaa Tiichaards- Ross 2008tti tabawwan Beejingii deemuun dura ulfa ofiiraa baasu dubbatti.
''Ulfa ta'uu baruun anaaf dhimma jireenya kiyya keessatti baayyee na sodaachisee ture. Guyyoota baayyeefis eenyuttuu hin himneen ture. Yeroo sanatti yaadni kiyya hundi shaampiyoonaa Olompikii ta'uu qofa ture,'' jechuun BBCtti himte.
"Sadarkaa kiyya sanatti dubartii mucaa godhattes hin agarreen ture.''
Richaardis-Rooz kan fiigicha meetira 400n warqee argachuun beekamti, garuu yeroo sana sadaffaa ta'un xumurte.

Madda suuraa, Getty Images
"Beejiingitti gaabbiin natti dhagahamee ture hin dubbatamu. Shaampiyoonaa ta'uun akka waan naaf ta'uutti natti hin dhagahamu ture.
''Wayitan sadaffaa bahuuf sarara sanarra dhaabbadhutti onneen kiyyaa baayyee gaddaan guutamee waan tureef injifannoon gammaduu hin dandeenyee ture,'' jetti.
Yeroo sana Naasii haa argattu malee yeroo afur meetira 400tiin warqee argattee turte, bara 2012tti ammoo Landaniitti m400n shaampiyoonaa taate.
Yeroo hunda abbaa manaashee Aaroon Rooz waliin ijoollee gochuu ni barbaadu.
''Lamaan keenyayyuu hanga sirriitti hojjannutti turuu akka qabnu tni baakna. Yoo baayyee ispoortii irratti xiyyeeffatte, wantii biraa caalee sitti mulatu hin jiraatu. Achiin bara 2017tti ilma godhadheen innis jireenya kiyya geedare.
''Atileetii ta'uun addunyaa kanarratti ofi jaalachuu isa guddaadha. Haadha ta'uun ammoo dhimmaa ofii dagachuu isaa olaanaadha. Ilmi kyyas jireenya kiyya hunda mo'ate.''
Irra deebiin warqee

Madda suuraa, Getty Images
Dhiira ykn dubartoonni atileetiksii Olompikii meeqa ijoollee akka qaban irratti daataan hin jiru. Garuu haadhummaan yeroo hunda injifannoo nama hin dhorku.
Lammii Kaameeruun fi dorgommii utaalchootiin shaampiyoonaa yeroo sadii Françoise Mbango Etone seenaa keessatti atileetii lammaaffaa dahumsaan booda sadrkaa deebiifte qabachuu dandeesseedha.
Etone bara 2004tti Ateensitti warqee argatte; ittaansee ammoo bara 2008ttii fi bara 2006tti mucaa godhatte.
''Osoon isportii keessa jiruu haadhummaas dhamdhamachuuf waanan murteesseef tibba ulfaattis baayyeen gammadaa ture,'' jetti.
"Yeroo jalqabaatiif sagalee mucaa kiyyaa dhagahuun mira natti uumee; dhugaan jedha yeroo warqee argadhe miira akkasii natti hin dhagahamne. Gammachuun kiyyaa injiifannoowwan kiyya kamiinuu ol.
"Haadha ta'uun ispoortii sadarkaa olaanaa keessatti hirmaachuu nama hin dhorku. Hirmaachuus haadhas ta'uu ni dandeessa.''
Etone dorgommii Sidinii kan 2000n booda ammas waggaa 20 booda Tokiyootti dorgomuuf qophaa'aa jirti.
'Maamii rookkeetii'

Madda suuraa, Getty Images
Atileetoonni haadhuumaafi Olompiikii wal duukaa milkaa'inaan baha jiran jiru.
Shelley-Ann Fraser-Pryce, seenaa dubatootaa keessatti saffistuu lammaaffaa ta'un baatii darbe kana keessa galmeessuun moggaasa 'maamii rookkeetti' jedhu argatte.
Atileetiin Jaamaayikaa kun bara kanas fiigicha meetira 100n meedaaliyaa Olompikii torbaffaa ta'uuf jirti.
''Atileetii yoo taate ni nyaatta, ni rafta, ni leenjita, kan biraa hin jiru. Amma ani haadha, caalaas jireenya madaalawaa jiraachaan jira.''

Madda suuraa, Getty Images
"Haadhummaa, dahuuniifi garaatti baachuun dhimmoota baayyee barbaachisoo garuu dubartoota irratti dhiibaa qabaniidha," jetti Bujoldshee.
''Wayita murteewwan dubartoota irratti dhiibbaa taasisan murtaa'anitti xiyyeeffannoo keessa galfamu qabaatu'' jetti.
"Yeroon garaatti baadhetti akka carraa yeroosaa kan eeggate ta'uusaatti nan carroome. Ammas ogummaa kiyya Tokiyootti meedaaliiyaadhaan golabuun barbaada,'' jetti.














