Odeeffannoo fayyaa dogoggoraa miidiyaa hawaasummaarraa akkamiin of eegna?

Dubartii bilbila irraa appii miidiyaalee hawaasummaa tuttuqaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo ammaa addunyaarratti miidiyaaleen hawaasummaa jiruufi jireenya dhala namaarratti dhiibbaa guddaa uumaniiru, akkaataa odeeffannoo itti argatanis jijjiiraniiru.

Akkaataa addunyaan odeeffannoo itti argatu gaazexaa hanga raadiyoo, achiis hanga TV, amma ammoo miidiyaan hawaasummaa filannoo sadarkaa jalqabaa ta’eera.

Oduu gandaa, duula filannoo, odeeffannoo waa’ee biyyaa, barnoota, siyaasa, jibbiinsa, qoosaa, daldala… wanti miidiyaa hawaasaarra hin jirre hin jiru.

Hawaasatu achi jiraaf kana ta’e.

Miidiyaa hawaasummaarratti namoonni odeeffannoo hawaasa fayyadan naamusaa fi dhugaadhaan dabarsan akkuma jiran, kanneen xiyyeeffannaa argachuun hordoftoota baay’ifachuuf jecha qabiyyeewwan burjaajii fi rakkoo uuman maxxansanis jiru.

Fulbaana darbe gaafa guyyaa 14, 2023 Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa, odeeffannoo fayyaa qabiyyee nama dogoggorsu dabarsan irraa akka of qusatan akeekkachiisee ture.

Akka Ministeerri Fayyaa feesbuukiisaarratti barreessetti namoonni fayyadamtoota TikTok ta’an qoricha aadaa fi odeeffannoo fayyaa kaan irratti gorsa dogoggoraa kennan.

Ammoo ogeeyyiin fayyaa odeeffannoo dhugaa fi saayinsaawaa ta’e maxxansanis jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr Gurmeessaa Inkoosaa Hospitaala Rifaraalaa Yuuniversitii Wallaggaatti Ispeeshaalistii dhibee keessoo qaamaati.

Odeeffannoo waa’ee fayyaa Feesbuukiirratti barreessuu waggaa 7 dura eegalan, akkasuma odeeffannoon dogoggoraa akka maxxanfamus yerosuma hubatanii irratti qabsaa’uu eegalan.

''Namoonni odeeffannoo dogoggoraa barreessuu qofaan hordoftoota hedduu horatanii, erga horataniis dogoggorsuu itti fufan jiru. Kana waggaa torba dura wayitan feesbuukiirratti odeeffannoo waa’ee fayyaa barreessuu eegalen bare,'' jechuun rakkoon kun akka bubbule himan Dr Gurmeessaan.

Namoonni gaawonii fi waraqaa eenyummaa ogeeyyii fayyaa hojjechiifachuun hojii akkasii hojjetaa turan jiraachuus himan.

''Akka dhuunfaatti fuula feesbuukii irratti qabsaa’ee, yoo xiqqaate amantiin hawaasaa akka namoota akkasiirraa ka’u kanan taasise jira.''

Rakkoon kun babal’atee itti fufee akka jiruu fi kunis akka ogeessa fayyaa tokkootti guddoo akka isaan yaaddessu himan Dr Gurmeessaan.

''Akkuma miidiyaan hawaasummaa babal’ataa deemu rakkoon kun hammaataa dhufeera. Odeeffannoon dogoggoraa waa’ee fayyaa karaa miidiyaa hawaasummaas ta’e karaa marsariitiiwwan garaagaraa faca’aa jiru. Kun akka biyya keenyaatti qofa osoo hin taane akkuma addunyaatti rakkoo jiruudha.''

Namoonni akkasii kaayyoonsaanii xiyyeeffannoo hawaasaa argachuu waan ta’eef dhimmoota wayitaawoo hawaasa of jala oofan irratti fuulleffatu jedhu Dr Gurmeessaan.

''Fakkeenyaaf yeroo weerara Covid 19 talaalliiwwan irratti xiyyeeffataa turan. Wantoota onnee uummataa keessa jiranii fi salphaatti miira hawaasaa hawwatan, dhibeewwan akka shukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dhibee kalee akkasumas waa’ee walquunnamtii saalaa, fayyummaa qaama walhormaataa, waa’ee qorichoota aadaa fi yaala fayyaa aadaa irratti xiyyeeffachuun barreessu,'' jedhan.

Dr Gurmeessaan fuula feesbuukii odeeffannoo dogoggoraa maxxansu arganii ittiin lolaa turan irratti odeeffannoo dogoggoraa dhibee kaleerratti kennamee fi akkaan nama rifaasisu arguu himan.

''Namoonni cirracha kalee qabdan mi’eessituu fi urgooftuu (qimamii) kanaa fi sana walitti makuun yoo dhugdan guyyaa lama keessatti cirracha isin keessaa baasa kan jedhu argeen bira darbuu hin dandeeye.''

Dr Gurmeessaan ogeessa fayyaa dhibeewwan keessoo qaamaa waan ta’aniif, odeeffannoon akkasii nama fayyisuurra miidhaa guddaa akka fidu waan hubataniif guddoo rifatan.

''Namoonni dhibee kana hin qabne callisanii dubbisanii bira darbu ta’a, kanneen cirracha kalee qaban garuu irraa fayyuuf jecha deemanii gorsa kana shaakaluu danda’u.''

''Ijoolleef tapha, simbiraaf lubbuu akkuma jedhamu warra dhibee kana hin qabnee fi warra maxxansuuf waan salphaa ta’uu danda’a, namoota dhukkuba sana qabaniif garuu odeeffannoo murteessaa fi hamaadha,'' jedhan Dr Gurmeessaan.

''Waan kana qajeelchuun qormaata qaba''

Dr Gurmeessaa Inkoosaa ogeeyyii fayyaa Itoophiyaa keessatti waggoota dhihoo as odeeffannoo waa’ee fayyaa karaa miidiyaa hawaasummaa fi miidiyaalee elektirooniksiin (mainstream) dabarsuun beekaman keessaati.

Waan dogoggoraa arginaanis bira hin darban, garuu qormaata qaba jedhan. Sababni isaammoo jedhan ''warri odeeffannoo dogoggoraa ykn saayinsaawaa hin taane tamsaasan hedduun baay’inaan akkassumas baay’ina hordoftootaan waan caalaniif.''

''Jalqaba wayitan rakkoo kana arge namoonni akkasii muraasa turan. Amma heddummaataniiru, hundasaanii baruufiyyuu rakkanneerra. Nammoonni dhuunfaa akka koo qofti waan kana sirreessuu hin dandeenyu,'' jedhan.

''Isaanis hordoftoota isaaniif amanamoo hedduu horataniiru. Namoonni yaada keenya hin fudhannes jiru. Kaan nurratti duulanii kanuma namoota dogoggoraan barreessanii hordofuu kan filatan jiru.''

Kanaafuu hanga tokko gumaachus namoota akkasiirratti duuluu qofaan furmaati ni dhufa jedhee hin yaadu jedhan Dr Gurmeessaan.

Odeeffannoo dogoggoraa irraa akkamiin of eegna?

Odeeffannoo waa’ee fayyaa qofa osoo hin taane, odeeffannoo kamuu ofitti fudhatanii itti fayyadamuu dura yeroof dhaabbatanii ilaalanii xiinxaluun murteessaadha jedhan Dr Gurmeessaan.

''Eenyu akka barreesse beekuu qabu. Yookiin odeeffannoon sun eessaa akka dhufe beekuu qabna.''

Namni miidiyaa hawaasaa fayyadamu irra caalaan nama waa xiinxalee hubachuu danda’u kan jedhan Dr Gurmeessaan, ''odeeffannoon maxxanfame tokko madda irraa fudhatame yookiin ibsa saayinsaawaa hin qabu taanaan shakkiin ilaaluu qabu,'' jedhan.

''Fakkeenyaaf namni tokko waa’ee fayyaa wayita barreessu, kitaabota fayyaa beekamoo, jaarmiyaalee fayyaa bebbeekamoo akka WHO, CDC fi ministeerota fayyaa biyyootaa wabeeffachuu danda’a.''

Namoonni miidiyaa hawaasaa fayyadaman odeeffannoo fayyadamuu dura yoo xiinxalan, namoota odeeffannoo sirrii hin taane barreessan salphaatti adda baasuu danda’u jedhan ogeessi fayyaa kun.

''Namoonni kunneen wal’aansa fayyaarratti xiyyeeffachuun barreessu, yoo kana goote kana fayyadamta jechuun gorsu. Yoo akkas godhan xiyyeeffannoo argatu waan ta’eef.''

Namoonni odeeffannoo dhugaa kennan garuu yaala fayyaarratti osoo hin taane, odeeffannoo waa’ee dhukkubaarratti kennu jedhan.

''Wal’aansa karaa miidiyaa hawaasummaa nutti himame ofirratti yaaluun sirrii miti. Dhibeen kamuu wal’aansa kan argatu mana yaalaatti (hospitaalatti) malee wal’aansi feesbuukiidhaan kennamu hin jiru. Of eeggannoo, ittisaa fi waa’ee dhibee baruuf yoo ta’e malee.''

Dirqama mootummaafi ogeeyyii fayyaa

Itoophiyaatti qabiyyee fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa irratti maxxansan keessaa tokko odeeffannoo waa’ee fayyaati.

Ministeerri Fayyaa biyyattii Fulbaana 14, 2023 namoota TikTok irratti odeeffannoo fayyaa bu’uura saayinsii hin qabnee fi dhugaa hin taane maxxansan akeekkachiisuun hawaasi akka irraa of eegu ibsee ture.

Akeekkachiisi ministeerichi feesbuukii isaarratti maxxanse akka mul'isutti, namoonni kunneen waa'ee qoricha aadaa, fala dhibee daranyoo sombaa fi kaanii mxaansan.

Namoonni kunneen ogeeyyii fayyaa ta'uu fi dhiisuu BBC ofiisaatii adda hin baafanne.

Ministeerri fayyaa kun garuu ''qaamoleen itti gaafatammuummaan itti hin dhagahamne, ogummaa fayyaa osoo hin qabaatin gorsa ogummaa fayyaa kennina jechuun karaa fayyummaa hawaasaa miidhuu danda’uun ergaawwan sirrii hin taane tatamsaasaa jiru,'' jechuun barreesse.

''Odeeffannoo fayyaa madda sirrii fi ogeessa fayyaa qofa irraa argachuun barbaachisaa ta’uu hubattanii, odeeffannoo sobaa miidyaalee hawaasaan tatamsa’an fi miidhaa fayyummaa qaqabsiisuu danda’an irraa of eeggadhaa,'' jechuunis dhaame.

Haata’u malee erga guyyaa sanaatii dhimma kana hordofee namoota kunneen akkasumas kanneen biroo yakka walfakkaataarratti hirmaatan seeraan wayita gaafatu hin argamne.

Dr Gurmeessaa Inkoosaa akka jedhanitti namoonni odeeffannoo dogoggoraa maxxansan eenyummaansaanii sirriitti kan beekaman waan ta’eef Ministeerri Fayyaa seeraan gaafachuu danda’a ture.

Namoonni miidiyaa hawaasaa fayyadamanis odeeffannoowwan ba’an bilchinaan hin ilaalan taanaan, faayidaasaarra balaa inni fidutu caala jedhan.

Kanneen qabiyyee fayyaatiin hordoftoota horachuu kaayyeffatanis itti gaafatamummaa fi dirqamni namummaa itti dhagahamuu qaba jechuun gorsu ogeessi fayyaa kun.

''Dhimma fayyaa irraa of qusachuun dhimmoota kaaniin hordoftoota horachuu danda’u.''

Ogeeyyiin fayyaa karaa miidiyaa hawaasummaa odeeffannoo fayyaa maxxansanis, odeeffannoo dogoggoraa dura dhaabbachuu qabu jedhu Dr Gurmeessaan.

''Odeeffannoo odeeffannoodhaan loluu qabu. Kana jechuun odeeffannoo dogoggoraa namoonni ogummaa fayyaa hin qabne maxxansan dogoggora ta’uusaa erga hubachiisanii booda isa sirrii ta’een bakka buusuudha.''

Haala kanaan yoo dadhabame ammoo namoota akkasii sirriitti adda baasuun seeraan gaafachuutu dirqama jedhan.

Kanaafuu dhimmi kun furmaata kan argatu tumsa hawaasaa, ogeeyyii fayyaa fi mootummaatiin ta’uu akka qabus dhaaman Dr Gurmeessan.