Piraankiin qoosaaf raawwatamu xiinsammuu ijoollee miidhaa jira- qorannoo

Daa'ima killee hedduu, tokko keessaa cabe taa'ee of fuulduratti ilaalu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Piraankii fi qoosaa gidduu garaagarummaan jiru ijoollee burjaajessaa jira

Bara miidiyaan hawaasummaa addunyaa dhuunfate kana keessatti taateewwan burjaajii uuman hedduutu dhagahamu. Kanneen keessaa tokko kan piraankii jedhanii qoosaaf hojjetaniidha.

Qoosaa fi piraankii gidduu garuu garaagarummaan ni jira, kun keessattuu sammuu ijoollee keessatti burjaajii uumaa jira.

Ijoolleen qaamaa fi qalbiin hin bilchaanne qoosaawwan akka piraankii kunneen hubatanii miira bashannanaan simachuuf ni rakkatu.

Fakkeenyaaf taatee tokkorratti kanatu mudate: Daa'imni xiqqaan tokko gabatee golboo harkasaa lamaan qabatee dhaabbata. Nama nyaata wayii keessa kaa'uuf waan qabaafi jiru fakkaata.

Dubartiin (guddistuu isaa taate) tokko killee qabattee garasaa deemti. Inni meeshaa qabee jiru keessatti cabsiti jedhee eega.

Isheenis achumatti cabsuuf qophooftee deemteetu wayita isatti kalooftu addasaatti cabsite. Daa'imni kun akkaan rifate. Addasaa sukkummaachaa ''nama dhukkuba'' jedhee miira dhukkubbii guddaa mul'ise.

Hanqaaquu yookiin killee addarratti cabsuun piraankii dhiheenya kana miidiyaa hawaasaarra akkaan deemaa jiruudha.

Morkiin #eggcrackchallenge jedhuun miidiyaa hawaasummaarratti deemaa ture kun hanga Hagayya 30 namoota miiliyoona 75 ta'aniin Tiktok irratti ilaalalmeera.

Ijoolleen viidiyoo kanarraa mullatan hedduun daa'imman umrii mana barumsaaf hin geenye yookiin ammoo kan of danda'niiyyuu hin deemnedha.

Ijoolleen osoo isaan hin eegiin wayita killeen addasaaniirratti cabu miira adda addaa agarsiisu.

Kaan ni dhukkuba jedhu, gariin miira raajeffannaan ilaalu, kan boo'anis jiru yookiin nama kana irratti raawwate ofirraa dhiibuun mufannaa qaban mul'isu.

Akkaataa adda addaan gocha kana keessummeessanis miirri isaan agarsiisan garuu tokkuma: Maatiin gocha kana daa'imman irratti raawwatanii booda akkaan kolfu, daa'imman garuu akka qoosaatti fudhatanii ittiin hin bohaaran.

Taateen dhiheenya akkaan baratamee fi umrii osoo adda hin baasin daa'immanirrattis nama of beekan irrattis raawwatu kun, hiiki sodaachisuu fi bohaarsuu akka walmaku taasiseera jedhu qorattoonni.

Maatiin irra deddeebiin piraankii yookiin qoosaa daa'imman hin gammachiifne yookiin mufachiisu yoo hojjetan amanamummaa isaan daa'imman isaanii biratti qaban akka gadi buusu qorattoonni ibsu.

Piraankii daa'imman mufachiisu irra deddeebiin hojjechuun amanamtummaa maatii gadi buusa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Keessattuu wayita qaamni piraankii yookiin qoosaa raawwatu kan irratti raawwatamu humnaan caalu sodaachisuu jedhama malee bohaarsuu miti jedhu.

Namni ga'eessa ta'e daa'imman irratti wayita piraankii hojjetu kun hacuucuutti ilaalama jechuun ibsu namoonni dhimma kana qoratan.

Dhaabbata Kunuunsaa fi Eegumsa Xiinsammuu daa'immanii UKtti dubbi himtuu kan taate Rachel Melville-Thomas, ''kaayyoon qoosaa yookiin piraankii waliin bohaaruu ta'uu qaba malee xiinsammuu walii miidhuu ta'uu hin qabu,'' jetti.

Garuu daa'imman ol adeemoo ta'an sababa sammuun sirriitti hin bilchaanneef waan ga'eessonni piraankii hojjetan yaadan dafanii hubachuu hin danda'an.

Ogeettiin xiinsammuu daa'immanii kun daa'imman piraankii yeroo tokko isaan mudate yeroo biraas deebi'ee akka isaan hin mudanneef sodaa fi rifannaa keessa galu yaaddoo jedhu qabdi.

''Kana yeroon jedhu yeroo tokko adda daa'immanii irratti killee cabsinaan yeroo biraas beekanii ofirratti eegu jechuu koo miti,'' jetti qorattuun kun.

''Garuu akkaataa isaan itti yaadan hanga tokko ni jijjiira, kun akka sammuun namaa waan alaa dhufu itti hubatuudha.''

Piraankiin daa'imman qofa osoo hin taane ga'eessota irrattillee miidhaa uumaa jiraachuu ogeeyyiin himu. Yeroo garii hariiroo hiriyummaa irrattillee miidhaa qabaata.

Dhimmi qorattoota akka Melville-Thomas akkaan ajaayibu ammoo wayita daa'imman miira badaa agarsiisan maatiin [namni piraankii irratti hojjete] itti kolfuu yookiin ittiin bohaaruudha.

Ogeettiin dhimma xiinsammuu daa'immanii kun gochaan akkasii hariiroo maatii fi daa'imman gidduu jiru akka hin balleessine yaaddoo qabdi.

Maatiin miira daa'immanii beekanii yoo isaan dallanan yookiin miira badaa agarsiisan itti kolfuu dhiisanii hariiroo daa'immansaanii waliin qaban haaressuu qabu jechuun gorsiti.