Daa'imman Itoophiyaa egeree isaanii miidiyaaleen saamaman

Daa'imman miidiyaa hordofan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaaleen miidiyaa daa'imman keessummaa godhachuun daawwattoonni isaanii immoo ga'eessota ta'an Itoophiyaa keessa baay'achaa jiru

Sagantaaleen bohaartii miidiyaa baay'achuun hordoftoota garaa garaa horachuuf yaalii taasifamun sagantaalee daa’imman keessummaa taasifatan hedduun doowwattoota hedduu hawwachuu akka danda'an oggeettiin guddina daa’immanii Joorgoo Dirribaa taajjabdee jirti.

Oggeessi xin-sammuu fi gorsaa akkasumas hojii gaggeessaan leenjii Obbo Birhaanu Raaboos yaada kanaan waliigalu.

‘‘Daa’imman osoo miidiyaatti hin dhiyaatinu mataansaanii jidduugala xiyyeeffanaati. Daa’imman ilaaluuf, leellisuu dhiisuun, nama hin dhungannee arguun ni ulfaata’’ jedhu waa’ee jaalala daa’immanii yoo ibsan.

Afaan isaanii ni mi’aawa, sodaafi qaanii tokko malee kan sammuutti dhufe dubbatu. Seequunsaanii haala salphaan gara hordoftootaatti darba, jechuun sababii daa’imman kessummaa sagantaaleef filatamaniif dubbatu.

Joorgoon gama isheetiin, sagantaaleen bohaartii tibbana daa’imman keessummaa taasifatan ijoollee waggaa afurii hanga 10 jidduutti argaman irratti xiyyeeffannaa taasisuu hubachuu dubbatti.

Haata’u malee, sagantaaleen daa’imman keessummaa taasifatan kunneen keessummaan isaanii daa’ima ta’u akka dagatan kaasu oggeessoonni kunneen.

Nageenyi, xiin-sammuuf miirri daa’immanii akkuma salphaatti darbamuun, maallaqni, doowwattoonniifi maqaan kaayyoo waan taasifameef sagantaaleen kunneen daandii irraa goraniiru jechuun akka danda’amu dubbatu.

Sagantaalee kunneen gaheessota bohaaran jiddugala taasifachuun mirga daa’immannii cabsaa jiraachu kaasuu.

Ogeettiin guddina daa’immanii Joorgoo Durbaa, ''jaalatamummaa daa’immanii qofaa yaaduun sagantaa bohaartii ga'eessotaa qopheessuun daa’immaniin daldaluudha.

''Sagantaaleen akkasiii kunneen kaayyoo kan taasifatan gaheessota,'' kan jettu Joorgoon, sagantichi daa’imman kunuunsuu, fayyadamtoota taasisuu kaayyoo waan hin qabneef daa’imti jidduutti miidhamu danda’u jetti.

‘‘Qopheessitoonni daa’imman kana keessaa maal fayyadamu danda’u? maal buufatu? kan jedhu osoo hin dursiin, hordofaan maal buufata, ani hoo maalan buuufadha jechuun yoo ka’an daa’imman miidhamtoota ta’u.’’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sagantaaleen dhimma daa’imman irratti xiyyeeffatan, ‘‘Daa’imman dhiyaataniifi daa’imman kaan kanarraa maal fayyadamu? … jechuun dursa bashannana isaanii, barnoota, xabaafi tajaajila isaaniif dursa kennu qabaatu’’ jechuun gorsiti.

Beekamtummaa, ga'eessota bashannansiisuu, maallaqa argachuun dhimma kanatti aanee dhufuu qabuudha jetti.

‘‘Daa’immaniif bilisummaa sammuu, qaamaa fi afuraatu barbaachisa’’ kan jedhan oggeessii xin-sammuu Obbo Birhaanuun, erga miidiyaaleerratti keessummaa ta’un dhiyaatanii booda garuu bilisummaa isaanii kana akka dhaban dubbatu.

‘‘Daa’imman erga miidiyaarratti dhiyaatanii booda sanuu, hirriba dhabuu danda’u. Keessattuu miidiyaalee hordoftootaafi dowwattoota hedduu qaban irratti erga dhiyaatanii booda, daandii, taaksii fi atobisii keessattilleen namoonni deemsa dhorkuu danda’u.’’

Kana ammoo daa’imman dandamachu hin danda’an. Kanaan kan ka'ees dhiphina sammuutiif haalli itti saaxilamu danda’an jiraachuu kaasu.

Sagantaaleen kunneen daa’imman mana keessatti, manneen barnootaafi bakka namoonni walitti qabamaniitti sodaa malee haasaa akka taasisan, akka ija jabaatan fi akka jajjabaatan gochuu akka danda’an oggeettiin tun ni kaafti.

Haa ta’u malee, daa’imman kunneen of eeggannoo malee miidiyaalee irratti dhiyaachun balaa akka qabaatu kaasu Obbu Biraanuun.

Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa Gaazexessummaa fi Komunikeeshinii kan ta’an Dr Abduli’aziizi Diinoo, maatii ykn guddiftoonni sababii garaa garaatiin kakaafamuun ijoolleensaanii miidiyaa irratti akka dhiyaataniif ni hayyamu jedhu.

‘‘Ogummaan daa’imasaanii warra kaaniitti akka mul’atu, deeggarsa maallaqaafi carraa barnootaa barbaacha, daa’imman kaaniifi barnoota gaarii dabarsuu barbaachuun, akkasumas namoota bohaarsuu barbaachuun daa’imasaanii qabatanii miidiyaatti dhiyaachu danda’u.‘‘

Haa ta’u malee, daa’imman miidiyaarratti dhiyaachunsaanii akkuma waan gaarii qabaatu, miidhaa qabaachu malus ifatti itti himamuu qabaata jedhu Dr Abdulaaziiz.

Sagantoota hirmaachisoo hin taane

Sagantaaleen kunneen haala filannaa keessummootaatiin baay'ee murtaa’oo ta’u oggeessonni guddina daa’immanii ni dubbatu.

Daa’imman sagantaa kanneen irratti argaman kan kennaawwan adda addaa qabanidha.

Keessumaa dubbachuu, nama kofalchiisuu, kan taphatan, dandeettii bohaarchiisuu kan qaban ta’u dubbatu.

Joorgoon sagantaaleen kunnin “kan bifatti amanan, magaalaa keessa kan jraatan akka keessummaa taasifatan‘‘ taajjabuu dubbatti.

Itti dabaluunis “ijoolleen Itoophiyaa kan magaalaa qofa jiraatan ykn bareeddota, sadarkaa jireenyasaanii kan irra deddeebinee argannu qofaa miti‘‘ jetti.

Sagantaarratti kan dhiyaatan ijoollee Itoophiyaa yoo ta’an “kan hundarraa bakka bu’an yoo ta’an daa’immaniif filatamoo ta’a‘‘ jetti Joorgoon.

Obbo Biraanuunis miidiyaaleen daa’imman gara waltajjiitti fiduun dorgoomsiisan “ijoolleetti fayyadamaa jiraachuu‘‘ hubachuu kaasu.

Daa’imman kunneen miidiyaarratti dhiyaachuu kan sammusaaniitti dhufe wayita dubbatan, “boru maaltu ta’a?‘‘ waan jedhu yaaduun barbaachisaadha jedhu Obbo Biraanuun.

Yeroo tokko tokkoos daa’imman waa’ee gadi fageenyaan hin beekne fa’i gaafatamu. Boru maal hordofsiisa waan jedhu waan hin hubanneef waa’ee maatiifi namoota kaanilleen yoo dubbatan yeroo baay'ee dhagahamu.

Dr Abdullaaziiz ammoo daa’imman maqaa namaa haala malee kaasuun yaada akka kennan gochuun sirrii miti jedhu.

Kana malees daa’imman waa’ee ragaa maallaqaa, fayyaa fi icciitii dhunfaalleen kaasu waan danda’aniif of eeggannoon barbaachisaa ta’u himu.

Kanaafu miidiyaaleen sagantaa isaanii wayita karoorsan, wayita waraabaniitti fi gulaalaniitti waan daa’imman waa’ee naannoosaanii, ofiisaaniifi maatiisaanii jedhan ilaalu qabu jedhu.

Sagantaaleen kan haala egeree ijoollee yaaddoo keessa hin galchineefi dhiibbaa hin barbaachifne keessa hin galchiifneen of eeggannoon hojjatu akka qabaatu gorsu.

Gaaffilee ga'eessotaa daa'immaniif dhiyaatan

Sagantaalee kanneen irratti gaaffileen ijoolleef hafee gaheessotaaf illeen hin dhiyaanne yoo dhiyaataniif, yoo naasisan arguu dubbatu oggeessoonni xin-sammuu kunneen.

Kunis qopheessitoonni sagantichaa kan qor-qalbii daa'immanii hubatan waan hin taaneef jedhu.

‘‘Akka ogeessaatti mana teenyee yoo ilaaluu gaaffilee daa’immaniif dhiyaataniin ni naana’’ jedhu Obbo Biraanuun.

Dhimmoota amantaa, dhimmoota siyaasaa ta’an daa’immaniif dhiyyeessuun ‘‘daa’imman hubuudha’’ jedhu.

Kana malees dhimmoota addunyaa dhiphisanii daa’immaniif kaasuun dogongorsuun ‘‘akka abdii kutatan fi akka waan eenyummaan isaanii achumatti dhaabbateetti akka itti dhagahamu taasisuu danda’a’’ jedhu.

“Gaaffileen daa’immaniif dhiyaatan hundi kan umurii, dandeettii hubannoo, guddina isaanii jiddugala taasifate ta’u qaba’’ jetti Joorgoon.

‘‘Daa’imman gaaffilee cimaa gaafataman akka egeree isaaniitti qaana’an taasisa’’ jedhu Obbo Biraanuun.

Dr Abulaaziiz gamasaaniitiin, gaaffilee siyaasaa, amantaa fi kaan kanneen umurii daa’immaniitiif sirrii hin taane akka deebisaniif dhiibbaa taasisuun daa’imman waan hin barbaadamneef saaxila jedhan.

Daa'ima

Madda suuraa, VYSTEKIMAGES

Sagantaalee kunneenis yeroo dheeraafi gabaabaa keessatti daa’imman irratti miidhaa qaqqabsiisuu akka danda’an dubbatu oggeessonni.

Daa’imman kunneen ‘‘gitoota umuriisaanitiin hin jaalataman’’ kan jedhan Obbo Biraanuun, daa’imman miidiyaarratti dhiyaatan maqaansaanii saffiisaan babal’ata jedhu.

Joorgoon daa’imman hundi wayita dubbatan ariitii akka hin qabneefi sun ammo madaallii dandeettiin daa’imannii kan ittiin safaramu akka hin taane dubbatti.

Kanaafuu dafanii akka dubbatan osoo hin taane, yaadanii, tasgabbaa'aanii dubbachuutu gorfama jetti.

Daa’imman haasa’aan alatti karaa barreeffamaa, muuziqaa, fakkii kaasuu fa’in ofiisaanii akka ibsan dubbatti. Kanaafu malawwan daa’imman ittiin of ibsan kunneen kabajamuufii qaba jetti.

Fakkeenyaaf daa’imti abbaan ykn haatii isaa gaazexeessaa taatee tokko wayita haasa’u TV irratti arguun, daa’imtiisaan akka homaa hin beekneetti ibsuun sodaan akka itti dhagahamu taasisan jedhu oggeessonni.

Joorgoon akka jettutti, ‘‘daa’imman ofiisaanii ta’u dhiisanii ijoollee argan ta’uu eegalu’’ jetti.

Miirri gadaantummaa akka itti dhagahamus ni taasisa jedhu. Obbo Biraanuun ogeessonni daa’imman miidiyaarratti dhiyeessanis, wayita ‘‘nuti akka tasaa ijoolleen kanneen dhiyeessine malee mana manatti daa’imman akkanaa jiru’’ jechuun daa’imman taa’anii doowwatanif beekamtii yoo kennani akka hin argine dubbatu.

Maatiifi miidiyaaleen maal hubachuu qabaatu?

Maatiin wayita ijoolleen isaanii midiyaarratti dhiyaatan, ‘‘omaa akka hin taaneetti yaadu’’ jedhu Obbo Biraanuun.

Haata’u malee, daa’imtisaanii gara miidiyaa ykn miidiyaa hawaasaa kamuu osoo hin geeffamiin dura maatiin waa’ee daa’imasaanii ifaafi sirriitti hayyamni isaanii gaafatamuun barbaachisaadha.

Ijoolleen kaan waan dhiyaataniif qofaa jajjabeessanii geessuu osoo hin taane, ‘‘Anis nan danda’a… haa deemnu’’ jechuu qabu.

Yeroo sana ammo, bu’aafi faayidaa miidiyaa irratti dhiyaachu maatiitti himun itti-gaafatamummaa bahu akka qaban kaasu oggeessoonni.

Sagantaaleen daa’imman keessummummaan dhiyeessan fedhii maatii ykn guddiftootaa barreeffamaan argachuu qabu jedhu.

Yeroos kaayyoon sagantichaa maali? Sangataa kamiif, yoom fi sa’aatii meeqaafi daqiiqaa meeqaa akka darbu ifatti hubachuun barbaachisaadha.

Miidiyaanis daa’immaniif hayyama maatii irraa yoo argatuutti balaa qabaachu danda’uu hunda itti himu qabaatu jedhu.

Kana malees naamuusa gaazexeessummaa yeroo hunda irraanfachuu akka hin qabne gorsu.

Maatiiwwan daa’imtii isaanii miidiyaa irratti yoo dhiyaatan, ‘‘bu’aa maalii argachuuf’’ gaaffi jedhu deebisuu akka irra jiraatu kaasuun, ‘‘daa’imman fayyadamtoota diinagdee taasisuu akkasumas deeggarsa qor-qalbii argachuu qabaatu’’ jedhu.

Qopheessitoonni sagantaalees osoo daa’imman waltajjiitti hin baasiin dura waa’ee xin-sammuu isaanii hanga tokko beekuun barbaachisaa ta’u dubbatu oggeessonni.

Daa’imman waan dhagahaniifi arganiin dhiibbaa keessa akka seenan kan dubbattu Joorgoon, oggeessonni sagantaalee qopheessan of eeggannoo gaarii gochuufi haala yaadameen ergaan daa’imman bira akka gahuutti madaalamee hojjatamu qabaata jedhu.

Sagantaaleen wayita hojjatamaniitti, ‘‘daa’imman jaalachuu, daa’immaniif garaa laafuun’’ hojjatamu akka qabaatu dubbatti Joorgoon.

Kanaafuu sagantaaleen kaayyoonsaanii bohaarsuu, dhaloota ijaaruu, naamusa gaarii cimsuu, kanneen dandeettii adda addaa qaban akka bahaniif jajjabeessuu, daa’imman maqaa gaariidhaan akka beekaman ta’u akka qabu gorsu.

Daa’imman jiddugaleessa taasifachuun daa’imman bashannansiisuun, xabachiisuu, guddinasaanii deeggaruu, umriifi qophii sadarkaa guddinasaanii gitu jaalalaa fi gara laafummaan dhiyaachu akka qabu oggeesonni BBCn dubbise waliigalu.

Akkasumas wayita daa’imman irraa odeeffannoofi beekumsi gaafatamutti, haala nageenyaafi kabaja ijoollee hubannoo keessa galchee ta’u akka qabaatu gorsu.

Akkasumas gaaffiileen dhiyaatan kan umuriifi sadarkaa guddina daa’immanii hubannoo keessa galcheen, daa’imman bira yoo qaqqabuutti ergaa akkamii kenna? kan jedhu yaadamuu akka qabaatu cimsanii kaasu.