Daa’immaan Itoophiyaa walitti bu'iinsarraa hafan fakkiin waan keessa darban himu

Madda suuraa, Eyob Mergiya
Iyyoob Margiyaa daa'imman sababa walitti bu'insa bakka adda addaatii buqqa'anii magaalaa Dabra Birhaan qubatan gaaffii tokko gaafate.
Deebii isaaniis fakkii kaasuun akka itti himan dhaameef. Gaaffiin isaa 'manni keenya eessa?' kan jedhu ture.
Waraana Kaaba Itoophiyaa dabalatee walitti bu'iinsawwan waggoota darban Itoophiyaa keessatti uumamaniin yakkoonni suukanneessoon raawwatamanii jiru.
Namoonni kumaataman lakkaa'aman yoo ajjeefaman, kanneen miliyoonaan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
Jireenya isaa Ameerikaa erga godhatee waggoota 25 kan lakkoofsise Iyyoob, daa'imman walitti bu'iinsawwan kanaan miidhaman akkaataan itti waraana hubatan qalbii kan nama hawwatu ta'uu hima.
Pirojektiin Iyyoob itti jiru moggaasni 'manni keenya eessa?' jedhu kennameef kun fakkii daa'imman 900 waraanaa fi walitti bu'iinsaan miidhamanii qabate.
Fakkiiwwan kunneen qorannoof akka itti fayyadamu hima Iyyoob.

Madda suuraa, Eyob Mergiya
Daa'imman qofa osoo hin taane nama hunda "nagaa qabaannee kan keessa jiraannu manni keenya eessa?" jedhee gaafachuun barbaada jedha.
Fakkii daa'imman kaasan keessaa tokko daa'imman wayita loltoonni hidhatan haadha isaanii jalaa ajjeesan ilaalan mul'isa.
Fakkiidhuma kanarraa namni moggaa qabatee dhaabbatu akkasumas beeyladi ni mul'ata.
Daa'immaan kunneen 'manni' kan jalaa manca'e yoo ta'u akkanuma yaada isaanii keessaas manni akka bade hima Iyyoob.
Daa'imman kunneen irra hedduun maatiin isaan Lixa Oromiyaa irraa buqqa'anii kan Dabra Birhaan qubatan yoo ta'u, Iyyoob amma dura daa'imman waraana Tigraayiin buqqa'an irrattis hojii wal-fakkaataa hojjetee ture.
"Daa'imman kunneen manni isaanii yoo gubatu, warri isaani ykn firoonni isaanii ykn ammoo olloonni isaanii yoo ajjeefaman akkasumas yoo beela'an, yoo qe'eerraa buqqa'an kan arganidha," jedha.
"Fakkiin daa'imman kunneen kaasan afaan, siyaasaa fi hawaasummaan kan hin daangeffamiinidha. Fakkiiwwan keessatti of ilaaluuf carraa nuuf kennanidha," jedha Iyyoob.

Madda suuraa, Eyob Mergiya
Daa'imman gariin manni isaanii yoo gubatu, reeffa namootaa lafarratti kufe, manneen amantaa gubatan akkasumas loltoonni maatii isaaniitti qawwee qabanii kaasaniiru.
Magaalaa Dabra Birhaanitti dhalatee kan guddate Iyyoob haalli buqqaatonni magaalattii keessa jiran gaddisiisaa tahuu hima.
Buqqaatonni kuma 45 ta'an bishaan dhugaatii qulqulluu, yaala fayyaa akkasumas wantoota bu'uuraa isaan barbaachisan hin qaban jedha.
Daa'imman hedduun tiraakomaa fi dhukkubawwan kaaniin dararamaa jiraachuu arguus hima.
Iyyoob maatii fi hiriyoota isaa hirmaachisuun deeggarsa muraasa godhuu hima. Ta'us ammallee gaaffiin deeggarsaa hedduun dhiyaachaafi akka jiru dubbata.

Madda suuraa, Eyob Mergiya
Suuraan ijoollen kun kaasan kaan ammoo siyaasa badaa fi malaammaltummaarraa kan ka'e bu'aa bahii ijoolleen keessa darban kan agarsisudha jedha.
"Nuyi ga'eeyyiin, kanneen iddoo murtiin kennamu jirru fi hogganoonni maraammartoo keessaa bahuuf daa'imman kanarraa barachuu qabna" jedha.
Iyyoob fakkii ijoolleen kaasan kana Finfinnee fi Laas Veegaas keessatti agarsiisaaf dhiyeessuuf qophiirra jira.
Fiilmii dookumentarii fi bu'aa qorannoo daa'imman kana ilaalchisee hojjete waliin fakkiiwwan kana Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Huuman Raayits Waachi fi mootummaa Itoophiyaaf akka dhiyeessus hima.
Hojii isaa kun namoonni badii waraanaa namoonni dhaabbatanii akka yaadan akkasumas waa'ee nagaa dubbachuu akka eegalan taasisa jedhees amana.












