Qabiyyee 'dheekkamsa kaasu' maxxansuun maaliif galii argamsiisa?

Madda suuraa, Winta Zesu
Waan fokkisaa safuu cabsu miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuun dhiheenya kana baay'achaa dhufeera. Itoophiyaa keessattis kunis mul'achaa jira.
Namoonni viidiyoowwan saalqunnamtii dabalatee barreeffama uummata dheekkamsiisan miidiyaalee hawaasaarratti facaasaa oolu. Kunis ammoo isaaniif faayida guddaa qaba.
"Jibba baay'eetu na qaqqaba" jetti Wiintaa Zeesuu, kan qabiyyee miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuun bara darbe qofa doolaara kuma 150 ykn paawundii kuma 117 argatte.
Wiintaa fi namoota miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa uuman biroo maaltu adda godha? Namoonni maxxansa ishee irratti yaada kennanii fi viidiyoo ishee irratti tiraafika fidan yeroo baayyee aarii irraa kan ka'een akkas godhu.
"Viidiyoonkoo hundi yaada jibbiinsaa irraa kan ka'een daawwattoota miliyoonaan lakkaa'aman argatan,'' jechuun ibsiti dubartiin ganna 24 tun.
Viidiyoowwan sana keessatti jireenya moodeela magaalaa Niiw Yoorki kan rakkoonshee guddaan garmalee bareedduu ta'uu isheeti fakkeessuun agarsiifti. Wanti namoonni yaada keennan kunneen hin hubanne, Wiintaan jireenya nama biroo fakkeessuudhaan akka diraamaa hojjattu dha.
"Yaada fokkisaa baay'een argadha, namoonni 'ati intala bareedduu miti' ykn 'maaloo of gadi buusi, ofitti amanamummaa garmalee qabda' naan jedhu,"jetti.

Madda suuraa, Winta Zesu
Wiintaan namoota miidiyaa hawaasarratti qabiyyee nama aarsu maxxansan keessaa tokko. Namoonni waan akkanaa hojjatan guyyaa guyyaan dabalaa jira.
Kaayyonsaanii salphaadha: viidiyoo waraabuu, 'memes' hojjechuu fi maxxansa fayyadamtoota biroo garmalee aarsu barreessu. Sana booda namoota kumaatamaan ykn miliyoonaan lakkaa'aman kaan waliif qoodanii yaada kennan taa'anii ilaalan.
"Qabiyyeen nama dheekkamsiisan kunneen yaada jijjiirsisuu yaaluuf kan qophaa'edha jetti Andiree Joons kan poodkastii dinadgee hojjattu.
Garuu qabiyyeen gadheen saayikoloojii namaa irratti waan hidhamee jiruudha jedhu Dr Wiliyaam Biraadii, kan sammuun teeknooloojiiwwan haaraa waliin akkamitti akka walqunnamu qoratu.
"Yeroo durii, kun gosa qabiyyee xiyyeeffannaa kennuuf qabnu turre" jechuun ibsa. kanaaf loogii barumsa keenyaa fi xiyyeeffannaa keenya keessatti ijaaramne qabna."

Madda suuraa, Megan Muir
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guddinni qabiyyee nama aarsuu kunin waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa gurguddoon qabiyyee isaaniif fayyadamtootaaf kaffaltii dabalataa kaffaluun walqabata.
Dhaabbileen kun fayyadamtoota qabiyyee uumaniif like, comment fi share isaan argatiin badhaasu, akkasuma qabiyyee ispoonsara ta'e akka maxxansan ni hayyamu.Kanaaf wanti kun babal'achaa dhufe.
''Yoo adurree miidiyaa hawaasaarratti argine, ooo.. bareedduu.. jenne bira darbina. Garuu namni tokko waan fokkisaa maxxanssinaan namuu yaada kenna. Algooriziimiin yaada aarii nutti kennuun sanaan hirmaannaa ol kaasa." Jetti Andiree Joons
"Fayyadamaan tokko qabiyyee baay'ee akkuma uumuun hirmaannaa guddaa argatee kaffaltiin isaa dabalaa deema."
"Kanaaf, fayyadamtoonni hirmaannaa dabalataa argachuuf waanuma fedhan godhu, yoo hamaa ta'e ykn namoota keessatti dheekkamsaa fi aarii kakaasu ta'us," kunis yaaddessaa ta'uu dubbatti.
Qabiyyeen dheekkamsa uuman bifa hedduudhaan dhufa, qophii nyaataa nama gaddisiisu irraa kaasee hanga haleellaa artistoota jaallattu irratti kan hojjatamu.
Garuu bara filannoo addunyaa keessatti baayyate kana qabiyyeen akkanaa gama siyaasaatinis babal'ateera. Keessattuu filannoo US keessatti gaggeeffame keessatti baay'ee mul'ate.
Akka Dr Biraadiin jedhutti: "Filannoon Ameerikaa imaammata irratti salphaa ture, kanaa mannaa aarii irratti kan hundaa'edha. "'Tiraamp sababa kanaaf badaa' ykn 'Haariis sababa kanaaf badduu' irratti garmalee xiyyeeffatee ture."

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon rippoortarri BBC Marianna Spring miidiyaa hawaasaa irraa gaggeessite akka agarsiisutti, fayyadamtoonni X gariin qabiyyee odeeffannoo dogoggoraa dabalatee, suuraa AI-maddisiifame fi yaada shiraa bu'uura hin qabne qooduun isaaniitiin "doolaarri kumaatamaan lakkaa'amu" akka kaffalamuuf argateera.
Namoonni adeemsa kana qoratan qabiyyeen gadheen garmalee baay'achuun namoonni dadhabanii miidiyaa hawaasaa akka gadhiisan taasisuu danda'u jechuun yaaddoo qabu.
Yunivarsiitii Michigaan keessatti gargaaraa piroofeesara komunikeeshinii fi miidiyaa kan taʼan Ariʼeel Haazel, "Yeroo hunda miira olkaʼaa akkasii qabaachuun nama dadhabsiisuu dandaʼa" jetteetti.
"Sababa kanaaf addunyaa guutuutti namoonni oduu irraa fagaachuun dabaluu argaa jirra."
Kaan ammoo aarii toora interneetii waan baratamaa gochuun, namoonni qabiyyee ilaalan irratti amantaa akka dhaban dhiibbaa geessisu danda'a jedhanii yaadda'u.
"Algorizimiin qabiyyee aarii baay'ee guddisuun akka namoonni hedduun argan godha, akkanaan namoonni akka waanuma idilee ta'etti akka yaadan taasisa," jedhu ogeessi xiin-sammuu hawaasummaa Dr Wiliyaam Biraadii.
"Waltajjiiwwan akka X irraatti qabiyyeen siyaasaa namoota muraasan kan oomishamu taʼus, algoorizimiin garuu akka waan namoonni harki caalu barreessutti guddisuu dandaʼa."jedha.
BBC'n waa'ee qabiyyee kanaa irratti waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa gurguddoo qunname, garuu deebii hin arganne.
Onkoloolessa bara 2024, hoji gaggeessaan Meettaa Aadam Mosserii waa'ee "qabiyyeen aarri kaasu dabaluu" waltajjii Threads irratti maxxansee, "to'achuuf hojjachaa jirra."jedhe
Waltajjiin dorgomaa isaanii Eloon Mask X, dhiheenya kana Sagantaa Qoodinsa Galiisaa irratti jijjiirama beeksise. Kunis namoonni X fayyadaman baayyina like, replies, fi reposts argataniin beenyaa akka argatan labse.
TikTook fi Yuutiyuubin fayyadamtoonni maxxansa isaanii irraa maallaqa akka argatan ykn qabiyyee ispoonsara ta'es akka qooddatan hayyama. Haata'u malee odeeffannoo dogoggoraa yoo maxxansan mirga piroofaayilii san balleessaniin ykn akka addaan kutaniin qabu.
Wiintaa Zeesuu namoonni sababa siyaasaatiin qabiyyee aarri kaasu fayyadamuu irratti walii hin galu jetti.
"Yoo dhugaadhaan namoota barsiisuu fi beeksisuuf itti fayyadamaa jiran ta'e gaariidha. Garuu odeeffannoo dogoggoraa babal'isuuf itti fayyadamaa jiran yoo ta'e, ani guutummaatti sana irratti walii hin galu."
"Kana booda qoosaa miti."












