Fa'izaa Shamsuu: Injinara meeshaa qulqullina dubartootaa warqeefi muuzii irraa kalaqxe

Madda suuraa, Faiza Shamsu
Fa'izaa Shamsuu jedhamti, ijoollummaadhaan injinara ta'uu hawwiti. Barnoota Keemistirii ammoo garmalee jaalatti. Yunivarsiitii Adaamaatti gosa barnootaa Maateeriyaal Inginariingii (Material science and engineering)n digirii jalqabaa xumurte. Ganna torbaaf ammoo yunivarsiitii Jimmaatti barsiistuu fi qorattuu turte.
Itoophiyaatti dubartoonni dhibbantaa 75 ol ta'an yeroo laguu ji'aasaaniitti meeshaalee qulqullinaa gahaa waan hin arganneef rakkachuu kan himtu Fa'izaan, sababa kanaan barattoonni dubaraa dhibbantaa 45 ol ta'an ji'a ji'aan guyyoota sadii ol mana barumsaatii hafu jechuun qorannaa eeruun ibsiti.
Waan haadha isheerraa dhageesse bu'uura godhachuun kalaqa meeshaalee qulqullina dubartootaaf oolu, Biinaa Paad jedhamu hojjette.
'Biinaa Paad' jirma warqee fi muuzii irraa kan hojjetamu yoo ta'u, miicuudhaan yoo xiqqaate ganna sadiif tajaajila kennuu danda'a jetti.
Biinaan jechuunis afaan Guraagee yoo ta'u, hiika 'nu'iin' jedhu akka qabu himti.
Fa'izaan dhaabbata qorannoo keessa hojjetaa kan jirtu yoo ta'u, hundeessituu fi hoji geggeessituu meeshaa qulqullina dubartootaa 'Biinaa paad' ta'uun hojjechaa jirti.
Waa'ee kalaqaashee fi gorsa dubartootaaf qabdu BBC'tti himteetti.
Fa'izaan guyyaa tokko haadhashee waliin osoo haasoftuu meeshaalee dur dubartoonni qulqullina isaanii ittiin eeggatan maal akka ture gaafatte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Duratti dubartoonni yeroo laguu argan baala warqee fayyadamuun qulqullina isaanii akka eeggatan harmee isheerraa dhagahuu yaadatti.
Fa'izaanis yaada harmeeshee kana bu'uureffachuun jirma warqee fi muuzii irraa meeshaa dubartoonni ittiin qulqullina isaanii eeggatan oomishuudhaaf qorannootti seente.
"Yeroo baay'ee Yunivarsiitiin Jimmaa barattoonnis ta'ee barsiisonni qorannaa hawaasa bu'uureffate akka hojjetan jajjabeessa. Kalqni hawaasa fayyadu gadi bu'amee akka hojjetamu taasisa" jechuun yaadamni sun hojii kalaqaashee har'aatiif akka gumaache yaadatti.
"Waa'een meeshaa qulqullina dubartootaa ittiin eegsifatanii sammuukoo keessa deddeebi'aa ture" jetti Fa'izaan.
Yeroodhaa gara yerootti gatiinsaa dabalaa waan deemuuf, oomisha gatiinsaa nama hin miine hojjechuun hin danda'amuu? gaafiin jedhu sammuusheetti akka uumame dubbatti.
"Haatikoo baadiyyaa Guraageetti dhalattee guddatte. Dur yeroo [laguun isinitti dhufu] maalitti fayyadamtanii qulqullina keessan eeggattu jedheen gaafadhe. Yeroo dahan [qulqullinasaanii eeggachuuf] baala warqeetti akka fayyadaman natti himte.''
''Warqeen akkamitti akkas ta'uu danda'a jedhee yeroonshee waliin ilaalu dandeettii bishaan qabatee turuu qaba. Achiin na ajaa'ibeen gara laaboraatooriitti gale, akka itti waanti kun gara meeshaa qulqullina dubartootaa eeguuf oolu qorachuuf," jechuun ariitiin qorannoo eegaluu dubbatti.
'Yeroo sanatti kaayyoonkoo qorannoodhuma taasisuu ture'

Madda suuraa, Faiza Shamsu
"Yeroo sanatti kaayyoonkoo qorannoodhuma geggessuun waraqaa qorannaa maxxansiisuu ture" kan jettu Fa'izaan, qorannichi gara biizinasiitti jijjiiramuu akka danda'u erga hubatteen booda meeshaalee qulqullina dubartootaaf oolan lama hojjechuu dubbatti.
Kan amma gabaarra jiru, kalaqaa meeshalee Biinaa keessaa tokko modeesiidha. Moodesii yeroo dubartoonni laguu ji'aa arganiitti kan ittiin qulqullina isaanii eeggatan.
Moodeesiin amma gabaarra jiru altokko qofa kan tajaajilu yoo ta'u, qaala'aa deemuus himti. Kan isheen hojjattee kun garuu miiccuudhaan irra deddeebiin fayyadamamu akka danda'amu dubbatti.
Dubaroonni hundi ji'a ji'aan modeesii bitachuu hin dandeenye jiraachuu kan kaastu ogeettiin saayinsii maateeriyaal injinariingii tun, keessumaa barattoonni dubaraa baadiyyaa jiraatan modeesii bitachuun qulqullinasaanii eeggachuu waan hin dandeenyeef barnootasaanii akka addaan kutan dubbatti.
Meeshaa dubartoonni ittiin qulqullina isaanii eeggatan amma gabaarra oolchite irraas galii argachuu jalqabdeetti.
Hanqina maashinaa fi maallaqaa irraa kan ka'ee oomishni gabaatti hin baanellee jiraachuu dubbatti ogeettiin kun. "Dhaabbilee miti mootummaa waliin hariiroo uumnee meeshaleen qulqullina dubartootaa gurgurre jira. Galii hamma ta'es argachuu jalqabneerra" jechuunis ibsiti.
Seenaa harmeeshee kalaqaaf bu'uura ta'eef

Madda suuraa, Faiza Shamsu
"Otoo isheen [seenaa ittiin dubartoonni qulqullina eeggatan] natti hin himne ta'ee waan uumamaan jiru yaaduu hin danda'un ture. Kanaaf, seenaan isheerraa dhaga'etu akkan gara sana seenu na taasise" jechuun seenaan haadha isheerraa dhageesse kalaqa har'aatiif bu'uura ta'uu himti.
Kalaqni meeshaa qulqullina dubartootaa yookaan modeesiin gabaarra jiru kan dubartoonni miicuudhaan yeroo dheeraaf itti fayyadamuu danda'anidha. Meeshaan kunis qaanca warqeerraa haala mijataa ta'een hojjetame ta'uu ibsiti.
"Meeshaa sadarkaa isaa eeggatedha. Dhangala'aa kan hin yaasne yoo ta'u, gadameessa irras rakkoon geesisu hin jiru. Paadii wantoota uumamaarraa tolfame kan qulqullinasaa eeggatedha.
''Gama gatiitiinis madaalawaadha. Waggaa lamaaf itti fayyadamuu danda'u. Keessuma maatii galii gahaa hin qabneef, akkuma paantii miicaa itti fayyadamuun ni danda'ama" jechuun waa'ee Biinaa Paad dubbatti.
Meeshaaleen dubartoonni qulqullina isaanii eeggachuuf itti fayyadaman kan hojjetaman keemikaalaa fi pilaastikarraa ta'uu kan kaastu Fa'izaan, erga gatamee boodas naannoo akka faalu ibsiti. Oomishni paadii Biinaa garuu qulqullina naannoo kan hin miine ta'uus dabaluun ibsiti.
Dubartoonni duraan modeesii gabaarra jiru fayyadaman "tokko tokko na hooksisa, na guba kan jedhan jiru" kan jettu qorattuun kun, dubartoonni Paadii Biinaa fayyadaman yaada gaarii akka kennaniif kaasti.
Dubartoota warshaalee hucuu keessa dalaganiif tolaan arjoomuufii kan kaastu Injinar Fa'izaan, "Yeroo dheeraadhaaf dhangala'aa qabata. Hanga sa'aa laaqanaatti yaaddoo malee dhangala'aa qabatee tura. Sa'aa laaqanaatiin booda ammoo kan biraa jijjiirrannee hojiitti deebina.'' jetti.
Yeroo baay'ee kan nama siqiqsu miicee akkamittan afa kan jedhudha kan jettu Fa'izaan, ''waan ijatti tolu waan ta'eef, yeroo miicinee afnus nama hin jibbisiisu. Namni paadii ta'uusaayyuu hin beeku" jechuun yaada fayyadamtoota oomishichaa irraa argatte dubbatti.
Hammisaa akka guddatuuf fayyadamtootarraa yaanni kaa'uufii kan kaastu hundeessituun meeshaalee qulqullina dubartootaa Biinaa, yaada fayyadamtootaa bu'uureffachuun foyya'insa barbaachiisu akka taasistu ibsiti.

Madda suuraa, Faiza Shamsu
Dubartoonni %75 ol meeshaalee qulqullinaa gahaa hin argatan
"Dubartoonni Itoophiyaa %75 ol ta'an yeroo laguu ji'aa arganiitti meeshaalee qulqullina isaanii ittiin eeggatan gahaa" akka hin arganne kan kaastu Injinar Fa'izaan, sababa kanaanis barattoonni "dubaraa dhibbantaa 45 hanga 53 ta'an" guyyaa sadii ol mana barumsaa irraa akka hafan qorannoo eeruun dubbatti.
Arjooma dubartii tokkootiin barattoota dubaraa mana barumsaa magaalaa Finfinnee tokkoof paadii Biinaa kennuu kan yaadachiistu Fa'izaan, barattoonni dubaraa meeshaalee qulqullina isaanii ittiin eeggatan gahaa hin argannee barnoota addaan kutuun gara manaa deemu jechuun waan barsiisota mana barumsichaarraa dhageesse himti.
"Ani baay'een siqiqa. Sababa [meeshaalee qulqullinaa hin arganneef] addaan kutaniitu bahu. Natti dhaga'ama. Barattoonni [dubaraa] na hayyamsiisaniitu gara mana isaanii deemu" jechuun barsiisoota irraa dhagahu kaasti Fa'izaan.
Uffata jirbii qulqullina qaban bituun, oomisha muka warqee fi muuziitiin dabaaluun akka meeshaalee qulqullina dubartootaaf oolan oomishu.
Dubartoota qindeessuun naannawaa Guraagee irraa qaanca warqee walitti qabuun akka barbaadamutti erga bocanii booda bakka qulqullina qabu kaa'uun oomishaaf akka fayyadaman ibsiti, haati kalaqaa meeshaalee qulqullinaa kun.
Yaada kalaqaa kanaanis dorgommii kalaqaa yunivarsiitii Jimmaa irraa badhaasa argachuu kan yaadachiistu Fa'izaan, akka biyyoolessaatti ammoo dorgommii kalaqa hojii Biruuh jedhamu irraa bara 2023 sadarkaa sadaffaa irratti akka badhaafaman kaasti.
Dhiheenya kana ammoo dorgommii dhabbata Riich Foorchuun jedhamuun qophaa'e irrattis hirmaachuun badhaafamuu kan kaastu Fa'izaan, carraalee invastarootaa fi dhaabbilee kalaqaa idil-addunyaa irratti hojjetan waliin wal arguus himti.

Madda suuraa, Faiza Shamsu
'Ibsaan sun si qofatti mul'ata, imallisaas ulfaataadha'

Madda suuraa, Faiza Shamsu
Meeshaa qulqillinaa dubartoonni yeroo laguu argan fayyadaman miicuun waan hin baramneef, dubartoota barsiisuun, amansiisuun ulfaataa akka ta'e kan kaastu Fa'izaan, oomisha bal'aa gara gabaatti baasuuf hojjechaa jiraachuus himti.
Imalli kalaqa qorumsa bal'aa qabaachuu kan kaastu qorattuun kun, hanqinni maallaqaafi adeemsi nuffisiisaan waajira mootummaatti ishee mudatan isaan ijoo ta'uu dubbatti.
"Ibsaan sun si qofatti mul'ata. Maatiin illee maal hoojechaa jirti jedhanii si gaafatuu malu. Ni ta'amoo hin ta'u jettee yeroo ati ofiikee waliin falmii keessa galtu jira. Imallisaa ulfaataadha. Waajirri mootummaas [tajaajila si'ataa hin kennu].
''Hayyama daladalaa, bakka hojii argachuun keessumaa dhaabbileen mootummaa hojii kalaqaa deggarra jedhan humna si buusu. Waadaan siif galama, garuu humtuu hin jiru" jechuun qormaata imala kalaqaa irratti ishee mudate kaasti.
"Maatii keessaa ennaa baatu kaappitaala homaa hin qabdu. Yaada sana hojiitti jijjiiruuf kaappitaalli si barbaachisa. Kaappitaala ammoo hin argattu. Liqii fudhachuuf illee isteetimantii baankii, qabeenya qabsiistu" gaafatamuun qorumsa akka itti ta'e kan kaastu Fa'izaan, hanqinni faayinaansii fi maashina argachuu dhabuunis qorumaata biraa ta'uu ibsiti.
"Itoophiyaan meeshaalee biyyoota biraarraa galchuu biyya bilisa ta'uu dadhabdedha" kan jettu ogeettiin saayinsii maateeriyaal injinariingii kun, "meeshaalee biyya alaatii galan kan bakka bu'an" oomishuun daran barbaachiisaadha jetti.
"Wanti hundumtuu maateeriyaaliidha. Wanti inni [Maateeriyaal Injinariingiin] hin tuqne hin jiru" jechuun ogummaa akka biyyaatti xiyyeeffannoo barbaadu ta'uu dubbatti.
Biyya keessa qabeenyi hedduun otoo jiruu Itoophiyaan meeshaalee baay'ee biyya alaatii akka galchitu kan kaastu Fa'izaan, sirriitti yoo irratti hojjetame furmaata guddaa ta'uu akka danda'u gorsiti.
Barattoonni yunivarsiitiis yaada kalaqa hojii jedhu qabatanii akka bahaniif irratti hojjetamuu akka qabus dhaamti.
Kalaqa meeshaalee qulqullina dubartootaa Biinaa kan beekumsa hawaasaa bu'uureffate erga eegaltee naannawaa ganna sadii turuu kan kaastu Fa'izaan, bal'inaan oomishtee gabaaf dhiyeessuuf karoora qabaachuus dubbatti.












