Hakimni Itoophiyaa Somaaliilaand tajaajilaa turtee deebite maal himti?

Madda suuraa, Dr. Mahlet Gush
Dr. Maahileet Guush Gabrawald jedhamti. Digiriishee jalqabaa ogummaa wal'aansaa fayyaa (medicine)n bara 2014tti Yunivarsiitii Maqalee irraa eebbifamte.
Ispeeshaalistii ishee ammoo Paatoologijiidhaan Hospitaala fayyaa kolleejjii Miliiniyeemii Qul. Paawuloositti baratte. Yunivarsiitiiwwan Addigiraat, Aarbaamiicii fi Aksum barsiisteetti.
Akkuma hakimoota Itoophiyaa kaanii haalli jireenyaa biyya keessa ture akka itti ulfaate yaadachiisti. Boodarra gara Hargeessaa, Somaaliilaand deemuun ganna lamaa ol tajaajila waldhaansa fayyaa kenniteetti. Waan achitti argite yeroo ibsitu kan Itoophiyaa waliin "fardaafi lafadha" jetti.
Jijjiirraa doolaaraa amma jiruun kafaltiin ji'aan paatoolojistii kanaaf Hargeessaatti kaffalamaa ture Itoophiyaatti giddugalaan mindaa hakimoota 20 ta'uu danda'a. Amma deebitee biyya keessa jirti. Gaa'ilas dhaabbatteetti. Dhaabbata fayyaa dhuunfaatii tajaajilti.
Itoophiyatti ogeeyyiin fayyaa haala mijataa hin taane keessatti waldhaansa kennaa jiraachuun irra deddeebiin himama. Faayidaa, mindaa, haala hojii mijataa, insuraansii fayyaa dabalatee gaaffilee ijoo 12 ta'an tarreessuun gaafachaa jiru. Gaafileen kunneen kan bubbulanidha.
Hakimni ganna kudhaniif tajaajilaa jirtu tun, "waadaa galle sanatu yeroo hunda nu qaba" jechuun haala rakkisaa ogeeyyii fayyaa dubbatti.
Maaliif Itoophiyaa dhiistee Somaaliilaand akka deemteefi haala rakkisaa dabarsite akkanaan BBC'tti himteetti.
Yeroo sadarkaa lammaffaa barattu gosa barnoota Baayolojii daran jaalatti. Harmeenshee ogummaa qorichaa (Pharmacology) akka barattu fedha qabaachuus yaadachiisti. Boodarra hakima ta'uuf murteessitee barnoota hakima namaa akka seente dubbatti Dr. Maahileet.
"Banoota medicine [hakima namaa] galuukootiin dura doktarri ani beeku kan Yunivarsiitii Maqaleetti barattu tokko baay'ee huuqqattee [arge]. Medicine sitti haa hafu jettee akkan hin seenne baay'ee na gorsitee turte. Ani garuu lakki jedheen gale.
''Garuu boodarra waan baay'ee ennaan argu gam-tokkoon sirrii turten jedha hanga yoonaatti" jechuun kan yaadachiistu Dr. Maahileet hakimni sun erga eebbifamteen booda ogummaashee gara fayyaa hawaasaa (public health) tti akka geeddaratte dubbatti.
'Inni ulfaataan barnoota isa ganna jahaati'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barnoota hakima namaa eegalanii ganna tokko guutuu barnootaan erga dabarsanii dhumarratti akka afgaaffii barsiisota bakka biraatii dhufanii (external exam) mata duree fedhan keessaa gaaffii fedhan gaafatu himti Dr. Maahileet kan naannoo Tigraayitti dhalattee guddatte.
Haalli sun daran ishee dhiphisaa turuu yaadachiisti. Sodaa sanaanis waggaa jalqabaa [pre-clinical] yeroo barattu oldeebisiisuu akka jalqabe kan kaastu hakimni kun, hanga yoonaatti akka ishee hin dhiisnee fi yeroo qorumsi akkasii jiraatu akka isheetti dhufu dubbatti.
Qorumsi gahumsaa [Qualification] waggaa dhumaarratti fudhatan ammoo yeroo itti barattoonni caalmaa dhiphattan ta'uus yaadachiisti. Kana cinaatti yeroo hunda dubbisuu fi halkan hojiirra buluunis haala ulfaataa hakimoonni keessa darban ta'uu kaasti.
"Namni biraa ciisaa bulaa, ati sa'aatii 24 guutuu taa'aa bulaa, halkan yeroo hojjettummoo machaa'ee kan dhufu jira. Namoonni si aarsu. Maal yoo natti hafeera ta'e jetta" jechuun haala jalqaba yeroo ogummaa hakima namaa baratan mudatu kaasti.
Halkan bulanii waldhaanuu fi yaalmatoota waliin yeroo dheeraa haasa'uun akka itti ulfaatu kan kaastu hakimni kun barnoota ispeeshaalistiitiif Paatoolojii akka filatte dubbatti.
Gosti barnootaa kunis waa'ee dhukkubaa qorachuudha waan ta'eef yeroo baay'ee waa'ee dhukkubaa qorachuu fi dubbisuu [diagnosis] irratti yeroo dabarsiti.
"Inni ulfaataan barnoota isa ganna jahaati. Ennaa eebbifamtu ammoo yeroon hamaan sun waan darbeef, sitti tola" kan jettu Dr. Maahileet, erga banoota ispeeshaalitii jalqabdee akka wayyuuf kaasti.

Madda suuraa, Dr. Mahlet Gush
"Akka suusii wayiiti, gadhiisee sin gadhiisu" jechuun ogummaa waldhaansa fayyaa kan ibsitu paatoolojistiin kun, haalli mijataan jiraachuu baatus hariiroon waldhaansaa fi dhukkubsataa waliin qaban garuu akka salphaatti kan isaan hin gadhiisne ta'uu dubbatti.
"Hanga ammaatti dhibbantaa dhibba siistama [waldhaansaa fayyaa] keessaa bahuuf hin murteessine garuu, sadarkaa dhumaarra" akka geesse dubbatti.
Hospitaala meedikaalaa Paawuloositti warra ispeeshaalitii Paatoolojii baratan arfan jalqabaa keessaa tokko akka turte kan kaastu hakimni kun, "akka biyyaatti Paatoolojistiin kuma sadiiyyuu waan geenyu naatti hin fakkaatu" jetti.
Ogeeyyii muraasa ta'anis sababa hanqina meeshaalee fi haalli mijataan waan hin jirreef warrumti jiranuu akka sirnaan hin hojjenne kaasti hakimni kun.
Naannoo Tigraay keessatti haalli ittiin ogeeyyiin fayyaa waldhaansa dhaabbilee dhuunfaatiif kennan mijataan akka hin turre kan yaadachiistu hojjettuun Yunivarsiitii Addigraat duraanii kun akka eebbifamteen gara Kibba Itoophiyaa yunivarsiitii Aarbaamiinc deemuu himti.
"Yeroo sanatti paatoolojistii jalqabaa qacaramten ture" jechuunis ibsiti Dr. Maahileet.
Aarbaamiincis ganna tokko hojjechuun, sana booda ammoo gara Aksum demetee hojjechuu turuu kaasti. Aksumittis ogeessa "tokkoo ni kafalama; tokkoof hin kafamu" jechuun haalli wal hin fakkaanne jiraachuu kaasti.
Haalli itti MM Abiy ogeeyyii fayyaatiif itti deebii kennan akka isheetti hin tolle kan yaadachiistu hakimni kun, dhimmoota tokko tokko kallattiin deebisuu caala haguuganii darbuu fi miira dheekkamsaan haasa'uun isaaniitti dallanuus dubbatti.
Dhimma kafaltii barnootaa digrii jalqabaa (cost sharing) nuuf sirreessaniiru kan jettu Dr. Maahileet, duraan hakimni tokko otoo tajaajila isarraa eegamu hin xumuriin yoo bahuu barbaade hanga kuma dhibba afurii gaafatamaa akka turan kaasuun sun fooyya'uus dubbatti.
Kaffaltii hojii yeroo dabalataa (duty) kennamurraa duraan gibirri katama ture. Innis sirratee ture jetti. Ta'us garuu gaaffiin waliigalaa jireenyaa akkasumas haala hojiitiin walqabatee ka'aa ture akka hin deebines dubbatti.
Sana booda garuu waantonni jedhaman guutummaatti akka eegame akka hin turre kan kaastu hakimni kun haalli kaffaltii hojii dabalataa, dhiyeessiin meeshaalee yaalaa, inshuraansiin fayyaa ogeeyyii fayyaa otoo deebii hin argatiin akka hafeefii kan murtaa'es haala wal hin fakkaanneen raawwachaa akka ture dubbatti.
'Idaadhaan hamman oliif gadi jooru jedheen bahe'
Aarbaamiicii deebitee Yunivarsiitii Aksum ammoo naannoo ji'a jahaaf turtee haalli jireenyaa waan itti ulfaateef gara Somaaliilaand deemte.
Kafaltii Somaaliilaandis biyyoota hakimootaaf kafaltii gadaanaa kennan keessaa tokko ta'uu ibsuun, "samiif lafa" jechuun kafaltiin Itoophiyaatti argattuun walbira qabdee ibsiti.
"Akka ilaalchakootti akkan eegetti hin deebisne. Wantoonni irra diddibaman [turan]. Anaan badaa nan hawwanne. Gara dhumaa yeroo deebii kennan ammoo amala dheekkamuus mul'isaniiru" jechuun miirri MM Abiy marii ogeeyyii fayyaa waliin taasisan irratti agarsiisan ishee mufachiisuu yaadachiisti.
"Akkan bahu kan na taasise keessaa tokko, yeroo ispeeshaalitiif barattu [resident-ship] hojjechaa baratta. Sun garuu akka tajaajilaatti siif hin lakkaa'amu. Kun hin deebine.
''Yunivarsiitii si barsiise waliin waliigaltee mallatteessita. Deebitee tajaajilta yookaan ni kafalta" jechuun yeroo Yun. Aarbaamiincii tajaajiltu yunivarsiitiin ishee barsiisee Addigiraat akka ishee gadhiisuuf xalayaa galchitus, isaan dafanii deebii akka hin kennineef yaadatti.
Yunivarsiitiin Addigiraat bu'uuraalee ogummaa paatoolojiif barbaachisanis hin qabu. Hospitaala mataa isaas hin qabu; kadhateetu itti barsiisa ture jechuun ibsiti.
"Idaa gara qarshii kuma dhibba shanii ta'un mallatteessee ofirraa qaba. Tajaajilan Yunivarsiitii Aarbaamiincii fi Aksumitti kenne herreegee Addigirat tole jedhee ragaa barnootakoo naaf kenna jedhee amanuun natti ulfaateera.
''Qarshiin kuma dhibba shan ammoo na yaachisaa ture. Maafan waan kana dafee ofirraa kafalee waraqatakoo" hin fudhadhu jechuun biyyaa baatee hojjechuuf akka murteessites dubbatti.
Abjuun Dr. Maahileet idaa mootummaa ofirraa kafaltee, giddugala paatoolojii dhuunfaashee banuun tajaajiluu akka ture.
"Maatiitti dhiyaachuun barbaada. Mindaa quubsaan hin jiru. Joormaadhuma. Qarshii kuma kudhaniin ji'aa hanga ji'aatti hamman eegu, idaadhaan hamman oliif gadi jooru jedheen bahe" jechuun Itoophiyaa gadhiistee Somaaliilaand deemuu yaadachiisti.

Madda suuraa, Dr. Mahlet Gush
'Mindaankoo kanan asitti argadhu waliin lafaafi samiidha'
Somaaliilaanditti kilinika dhuunfaatti haala hojii mijataa fi kafaltii gaariin qacaramuu kan kaastu hakimni kun haalli hawaasummaa fi aadaa ammoo qormaata biroo akka itti ta'e himti.
Itoophiyaa hospitaalota gurguddoo ta'aniin ala laabiraatooriin sadarkaasaa eeggate waan hin jirreef paatolojistoonni waanuma sadarkaa gadaanaarra jiru qofa akka hojjetan kan kaastu Dr. Maahileet, bakka deemtetti garuu haalonni mijatoo jiraachuu dhabuu, wantonni barbaachisoon paatoolojistii tokkoof guutamuu qaban jiraachuu himti.
"Kilinika dhuunfaan gale. Haala hojii ani barbaadu ture. Mana jireenyaa naaf kennaniiru. Geejiba ofii isaaniitiif kafalu. Mindaankoorraa gibira xinnoon mootummaaf kafalurraan kan hafe baasii biraa hin qabu.
Kan keenya faana homaa wal hin dorgomu. Mindaankoo kanan asitti argadhu waliin lafaaf samiidha. Tasgabbaa'een hojjedha. Bakka baay'ee seentee akkati hojjettu hin hayyamani. Akkati ofkennitee teessee hojjettu barbaadu. Kanaaf waan garii kan siif kafalan" kan jettu Dr. Maahileet mindaan ji'aan kafalamuuf $2,500 akka ture dubbatti.
Jijjiirraa doolaaraa amma Itoophiyaa jiruun kafaltiin ji'aan isheef kafalamaa ture Itoophiyaatti giddugalaan mindaa hakimoota 20 ta'uu danda'a.
Biyyoota Afrikaa keessaa Somaaliilaand kafaltii gad aanaa hakimootaaf akka kafaltu kan kaastu Dr. Maahileet, "Itophiyaa waliin garuu fardaaf lafa" jechuun garaa garummaa kafaltii ogeessota fayyaa ibsiti.
Mindaa ji'aa $2,500 cinaatti, manaaf $400, geejibaaf $150 kafalamaafii turuu dubbatti oggeettiin kun.
Biyyoota akka "Ruwaandaa, Laayibeeriyaa yeroo deemtu ammoo doktara tokkoof hanga $5,000" akka kafalamuuf dubbatti.
Kanan yaadee ol natti ta'e..
Isheedhaan dura hakimni ilkaanii tokko achi turuu kan himtu Dr. Maahileet, isheenis erga deemtee hojii jalqabdeen booda carraa argatteen hakimoota Itoophiyaa biroo garasitti waamaa turuu dubbatti.
Otoo haalli mijataan, kafaltiin madaalawaan jiraatee, afaanan dubbadhuun dhukkubsattoota otoon waldhaanee natti tola kan jettu Dr. Maahileet, bakki turtes qormaata mataasaa qabaachuu kaasti. Aadaan Itoophiyaa jiruu fi Somaaliilaanditti ishee mudateen akka qoramte dubbatti.
"Waan na hubataniif baayeessuma ture; garuu qoollifataa jiraatta. Ilaalchi dubartiif qaban ammoo dadhabaadha. Yeroon deemu hamma kana waan cimatu natti hin fakkaanne. Rifeensakee haguuggadhu yeroo jedhanan haguuggadha jedheetuman yaade.
''Ergan deemee garuu otoon hojjechaa jiruu gidduudhaan rifeensikee xinnoo yoo mul'ate dhufaniit sitti dubbatu. Rifeensikee ni mul'ata sirreessi naan jedhu. Hojiirraa si yaadakee bittinneessu. Hakima dubaraa taatee dhiiras dubaras waldhaanuun rakkoo hin qabu. Hakima dhiiraa mana keessa otoo jiruu dubartiin yaalamuuf seennaan ulfaataadha.
''Waan hakimichi hin gooneyyuu akkasitti na tuttuqe [jechuun himachuu danda'u]. Waan hin gooneen si himatu. Si rifachiisa" jechuun haala Hargeessaatti ishee mudate dubbatti.
Erga Somaaliilaand deemtee waraanni Tigraay ka'uu kan yaadachiistu Dr. Maahileet, aadaa biyya sana tureen nama itti dhiyaatee jajjabeessu akka dhabdee qofummaan ishee miidhuus kaasti.
Itti dabalunis, "Ennaa mana shayii deemtu dhiirriif dubarri waliin taa'uu hin danda'an. Yeroo nyaattu dubarootaaf kutaan qofaatti jira. Kanan yaadee ol natti ta'e. Ennuma ol seenan ati Kiristanamoo Musliima siin jedhu. Otoo waldhaanaa jirtuu maaliif Musliima hin taatu siin jedhu.
''Sin fuudha siin jedhu. Otoo waldhaantuu [Fannoo mormarratti kaa'atamu] yoo argan baay'ee dheekkamu. Dhiironni inumayyuu dhufuu isaaniitiin duran baafadhaa jedhaan. Anillee iskaarpii waanan uffadhuuf yeroo murtaa'eef keewwadheen baafadhe. [Ogeeyyiin] achitti walitti qabamne hunduu [lammii] biyya abdii kutateti. Hakimoonni baay'een Sooriyaa, Yamanii fi Itoophiyaa irraatti" jechuun dubbatti.
Somaaliilaand "Biyya maatii qabattee keessa jiraattu miti. Wabiis hin qabdu. Yeroo si ari'an sitti himuu dhiisuu malu. Dirqama yeroo itti ta'u ogeessa alaa fudhatu malee lammiin biraa otoo itti seenuu baatee itti tola" jechuun haala ture ibsiti.
Kafaltiinsaa gaarii ta'us biyya waggaa dheeraaf keessa jiraachuuf mijatu waan hin taaneef, biyya kanarra fooyya'aa jiraachuuf gadhiistee akka baate dubbatti paatoolojistiin kun.
"Aniyyuu afur fideera. Kilinika biroo kan galanis gara kudhanii ta'u. Puuntilaand yeroo deemtu ammoo ni dabala" jechuun ogeeyyii fayyaa Itoophiyaarraa gara Somaaliilaanditti godaanan ibsiti.
'Baay'ee sodaachisaadha'
"Kan jiran gara barnoota ispeeshaalitiitti galaa hin jiran. Digirii isaanii jalqabaa qabatanii taa'aniiru. Humni namaa barachuuf galu xiqqaadha. Kan baraata jiranis addaan kutaa jiru. Biyyaa bahaa jiru. Baay'ee sodaachisaadha. Yookaan akka haaraatti Itoophiyaan alaa [hakimoota] waamuufii jechuudha.
Yeroo digirii jalqabaa barannu barsiisaan waan hin turreef hakimoonni Ruwaandaa, Kuubaa, Hindifaarraa dhufanii barsiisaa turan" jechuun kan yaadachiistu Dr. Maahileet, amma garuu hakimoonni biyya keessaa gara biyyoota birootti gadaanaa akka jiran ibsuun haalli kun itti fufnaan hanqinni ogeeyyii fayyaa akka uumamu kaasti.
Tajaajilli waldhaansa fayyaa wareega guddaa baasuu akka ta'e ibsiti. "Akka paatoolojistii tokkootti tasgabbaa'ee xiyyeeffannoodhaan waa'ee dhukkubaa dubbisuu, qorachuun qaba" kan jettu paatoolojistiin kun haalli mijataan Itoophiyaa keessa akka hin jirre dubbatti.
"Kan mootummaa hojjechaa, hir'inakee guutuudhaaf kan dhuunfaatti oliif gadi fiigaa dhukkubni ani amma arge bor ganama boca biraa qabatee arguun danda'a. Ogummaa tasgabbooftee, hubannaadhaan xiyyeeffannoon hojjettudha" kan jettu Dr. Maahileet, mindaa quubsaafi jireenya tasgabbaa'aa yoon hin qabaanne, asiif achi fiigaa beekumsa keenya hin gabbisnu, dhukkubsataanis ni hubama jechuun ibsiti.
Tajaajilli fayyaa xiyyeeffannoo hin arganne
Tajaajilli fayyaa Itoophiyaatti kennamu wantoota barbaachisoo ta'anillee akka hin guuttanne ibsiti. Biyyoonni biroo teknoolojiddhaan sadarkaa olaanaarra gahuu kan kaastu paatoolojistiin kun, kan Itoophiyaa "akka kocaatti tirannaarra" jiraachuu dubbatti.
"Ani kana kanan dubbadhu deebi'ee Itoophiyaa waanan dhufeef hojjechuunkoo hin hafu, akka naaf kafalamuun barbaada yaada jedhuun miti" kan jettu paatoolojistiin kun, tajaajilli fayyaa xiyyeeffannoo hin arganne. Sochiin taasifamaa jiru waanuma sirriidha" jechuun ibsiti.
"Paatoolojii torban lama, sadii eegsisa. Waldhaansa baqaqsanii yaaluu argachuuf ji'a tokkotti beellamama. Dhukkubsataan kaansarii waggaa tokkotti beellamama. Yaadimee yeroo bilbiltuuf erga duutee ji'a meeqaffaasheeti yeroo jedhamtu. Kun tajaajila akkamiiti, waldhaanaan jiraa?" jechuun kan gaafatti.
Waggaa waggaadhaan dhukkubsataan gara biyya alaa deemee yaalamu baay'ee ta'uu kan kaastu Dr. Maahileet, "ji'a ji'aan dhukkubsataan haaraan kaleen isaa bakka bu'uufamuuf biyya alaa" deemu baay'ee ta'uu kaasti.
"Hamma achi deemu maaliif asitti haalasaa hin mijeessine. Ogeessi fayyaa barachuu barbaadu otoo jiruu, otoo hin barannu jennee dinnee balleessaa keenyadha. Ddukkubsataan tajaajila kennamutti itti quufinsa akka argatuufis dursi kennamu hin jiru" jechuun haala waldhaansa fayyaa Itoophiyaa jiru ibsiti.
Daldalaan yeroo jireenyi qaala'u wajjin akka dabalu kan kaastu paatoolojistiin kun, "Abbaan manaakoo hin jiru otoo ta'ee" jireenya mo'achuun akka itti ulfatu dubbatti.
Mana kiraa kuma digdamii jaha kafalti. Aannan Niidoon kuma shanidha. Ji'aan baasiin ishee naannawaa kuma shantamaati. Hakimni waa'ee fayyaa gorsaa ofiisaatii garuu fayyaasaa hin hordoftu. Yoo xiqqaate waggaa waggaadhaanan of ilaalan ture. Amma waggaa lama darbeera. Baasii biraa waanan qabuuf asiifi achi jechaa qubayyuu hin qabu.
Hospitaala Zawudituutti qacaramuuf ji'a lama deddeebi'aa akka turte kan himtu oggeettiin kun, wal hubannaa dhabuudhaan akka rakkataa turuu dubbatti.
Hospitaalichi ogeessa paatoolojiif rammaddii hin qabnu jedhan kan jettu boodarra garuu biiroo fayyaarraa ramaddiinsaa jiraachuu mirkaneessuu dubbatti. Ramaddii sanaanis mindaan ji'aa ispeeshaalistii paatoolojii qarshii 10,727 ta'uu ibsiti.
'Hakimni tasgabbaa'ee waldhaanuu qaba malee oliifi gadi jooraa ooluu hin qabu'

Madda suuraa, Dr. Mahlet Gush
Paatoolojistiin Hargeessaa Somaaliilaanditti ganna lamaaf ji'a sadiif waldhaansa yaala fayyaa kennitee deebite kun erga biyyatti deebitee ammoo mana dhaabbachuun, dhaabbata dhuunfaatii hojjechaa akka jirtu dubbatti.
Kan dhuunfaa hojjechuunis "dadhabbiidha" kan jettu kan dhaamaatuu fi kan argattu akka wal hin ginne ibsiti. Ogeeyyiin fayyaa jireenya mo'achuuf jecha oliif gadi fiiganii kan mootummaa, kan dhuunfaa hojjetanis waldhaansa dhukkubsattoota irratti miidhaa akka qabaatu dubbatti.
"Barsiisuu nan barbaada. Gara Hargeessaa yeroon deemu deebii MM [Abiy] kennan barattoonni dhaga'anii waan turaniif, miira abdii kutannaa keessa turan, maal jedhee akkan gorsun wallaale" jetti Dr. Maahileet.
Akkasumas, "kan dhuunfaan jiraachuun na hin amansiisu. Dhibaa'aa na taasisa. ammas yoon argadhe yunivarsiitiin gala. Abdii kutadhee hamman caljedhutti, yaannikoo kan mootummaan yaaluudha" jetti.
"Yeroon deebi'ee dhufu dhaabbleen waldhaansa dhuunfaa Finfinnee jiran baay'ee geeddaramaniiru. Warri dhuunfaa mootummaarraa qarshii liqeeffatanii fidu miitii, baankiilee irraa mitii" jechuun kan gaafattu Dr. Maahileet, dhaabbileen fayyaa mootummaas jijjiiramuu akka qaban gorsiti.
Duraan leenjiin gara garaa ogeeyyii fayyaaf kennamaa ture; amma gadi deebi'aa deeme. Sababnisaa xiyyeeffannoo hin arganne. Hakimni maallaqa argachuuf oliifi gadi fiiga. Xiyyeeffannoon hojjechaa hin jiru. Hakimni tasgabbaa'ee hojjechuu qaba malee oliif gadi jooraa ooluu hin qabu" jechuunis dubbatti.
'Nu'idha hakimmoonni cimoon: Yeroo ispeeshaalitii barannu, qoqarii nyaachaa baranne'
"Addigiraat qrashii kuma kudhan naaf erga ture. Isa keessaa kiraa manaa kuma lama boodarra kuma lamaaf dhibba shaniin kafalan ture. Achirraa kan hafe nyaatakootiif godheen baradhe. Yeroo ispeeshaalitii barannu, qoqarii nyaachaa baranne. Barataa waan taateef akkuma ta'etti si gaha ture" jetti Dr. Maahileet.
Warreen gaa'ila qaban ammoo kan dhuunfaas hojjechaa baratu malee maallaqni yunivarsiitiin isaanii kafaluuf gahaa akka hin taane dubbatti.
"Waraqata hin qabu. Kan hirriba nama dhorkudha. Ufftakee gattee yoo fiigdeyyuu nama hin dhibu. Baay'ee obsaa jirra" kan jettu oggeettiin kun. ogeeyyiin fayyaa hedduun gara suusii gara garaatiif saaxilamaa jiraachuu dubbatti.
Yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti ka'e miira hamaa keessa akka turte kan yaadachiistu hakimni kun, "erga barnoota fayyaa eegalee guyyaa tokko seeraan taa'ee maatiikoo haasofsiisee hin beeku" jechuun miira gaddaan dubbatti.
"Hikkiminaaf jecha otoon jooruu maatiikoo garuu hin ilaalun ture. Akkasiin otoo du'aniiru ta'ee maal akka ta'u hin beeku. Isa kaaniif otoo dadhabduu, otoon dhukkubsataa waliin asiif achi fiiguu, guyyaa meeqa ayyaanaaf maatii bira deemuuf jedhee balaliin na jala darbe. Ni gaabbita.
Waadaa galle sanadha yeroo hunda kan nu qabu. Hakimni siistama hin taane keessa jira. Baay'ee obsaa jirra. Yeroo ta'e yoon bahes natti tola. Garuu taa'ee ennaan qoradhu [diagnosis] ammoo natti paatoolojiin, ogummaan jaaladhudha" jechuun miira wal falmuun dubbatti.
"Otoon doktara sanaa dhaga'eera ta'ee" jechuun gorsa ganna kudha shan dura hakimni yunvarsiitii Maqalee akkasheen hakima hin taaneef gorsite gaabbiin yaadatti. Yookaan sirnaan hin waldhaanne yookaan ofii hin taanee jechuun walhanqattee ta'uu ogeeyyii fayyaa ibsiti.
"Hakimni Ameerikaa jiru, hakimni biyya alaa jiru baay'ee cimaa waan ta'e nutti fakkaata. Garuu cimoon nu'idha. Isaan yeroo medicine galan waanti barbaachisu hundi kennameefii haala mijataa keessatti baratu. Waa'ee nyaataa, kiraa manaa, uffataa hin yaadan.
''Dhiphina hin qabani. Nu'idha kan dhiphina meeqa keessa taa'ee baratu, waldhaanu. Nuti sammuun keenya waa meeqatti qabameetu kan waldhaannu. Nu'idha hakimmoonni cimoon, isaan miti" jechuun yaada kanaan dura miiltoonshee qoode kaasti.
Sochii ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa miindaa fi faayidaalee biraa ilaalchsuun miidiyaalee hawaasaa irratti taasisaa jiran ji'a tokko guutuuf jira. Kibxata Caamsaa 6 ammoo dhaabbilee fayyaa biyyattii gara garaa keessatti hiriira bahuun dhaadannoo dhageessisaa jiru.
Ministeerri fayyaa ibsa karaa miidiyaa hawaasaa Caamsaa 4 baaseen gaaffilee oggeeyyii fayyaatiin ka'aniif beekmatii akka kennuu kaasuun, gaaffilee isaaniif deebii kennuuf karooraan itti adeemaa akka jiru beeksisuunsaa ni yaadatama.
Waldhaan Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaas gaafiilee ogeeyyiin fayyaa gaafachaa jiran sirrii waan ta'eef mootummaan hatattamaan deebii akka kennu ibsa Caamsaa 7 baaseen gaafatee ture.












