Maayik Soonkoo: Bulchaan Naayiroobii 'salphina malaammaltummaan' hidhame

Madda suuraa, AFP
Bulchaan Naayiroobii, namni siyaasaa falmisiisaa yakka malaammaltummaa doolaara miliyoona hedduu keessaa harka qaba jedhamuun to'annaa jala oole.
Qorannoon nama kanarratti taasifamaa ture daran rakkisaa ture jedhan direektarri tajaajila abbaa alangaa uummataa. Sababni isaa ammoo Maayik Soonkoo irra deddeebiin qoranicha dhorkisiisaa ture jedhe.
Maayik Soonkoo warqee fi uffannaaf jaalala addaa qabaachuun beekama.
Erga to'annoo jala ooleen booda ibsa gama waajjira isaatiin baaseen, qaama farra malaammaltummaa Keenyaa 'hojii gadi fageenya hin qabne' jechuun qeeqe.
Shira siyaasaa isarratti xaxame akka ta'eefi warra kana godhaniif deebii akka qabus himeera.
Gabaasaan BBC Imaanu'eel Iguunzaa akka jedhutti, Maayik Soonkoo nama siyaasaa waa'een isaa falmisiisaa ta'eefi ammaan duras daddabarsa wanta sammuu namaa hadoochuu fi maallaqa seeraan alaa seera qabeessatti jijjiiruun (maallaqa dhiquu) himatamaa ture.
Himata kana Maayik Soonkoo ni haala.
Waggoota 20 dura mana hidhaa eegumsi jabaan taasifamuuf keessa miliqee bahe jechuun aanga'oonni mana midhaa dhiyeenya kana isa himatanii ture.
Amma maaliin qabame?
Maayik Soonkoo irra deddeebiin seeraan ala caalbaasii namoota isatti siqaniif kennuu, ragaalee sobaa fi baajata mootummaa akka malee fayyadamuun himatame.
Bulchaan kaawuntii Nayiroobii kun ammaan dura qorannoon isarratti adeemaa jiru akka dhaabbatu mana murtii ajaja gaafatee jalaa kufaa ta'e.
To'annoo jala akka oolu ajaja kan dabarse direektarri tajaajila abbaa alangaa uummataa Noordiin Hajii, Maayik Soonkoo fi aanga'oota biroo seeratti dhiyeessuuf ragaa gahaa qaba jedhan.
Ragaaleen kunneen kan maallaqa seeraan alaa seera qabeessatti deebisuu fi seeraan ala qabeenya uummata dhuunfachuu isaanii agarsiisudha jedhan.
Malaammaltummaan Keenyaa keessatti rakkoo jabduu pireezidant Uhuuruu Keenyaata irratti duulaa jirani.
Namoota hedduu to'annoo jala haa oolchan malee, amma dura aanga'aan olaanaan malaammaltummaan gaafataamee itti murtaa'e hin jiru.
Adoolessa darbe ministirri maallaqaa biyyattii Heenirii Rotiich malaammaltummaan shakkamee to'annoo jala oolee ture.
Maayik Soonkoo miseensa paartii Uhuuruu Keenyaataa yoo ta'u bara 2017 bulchaa Naayiroobii ta'ee filame.












