Uhuuruu Kenyaataa: Malaammaltummaa irratti maatiin kiyyallee araarama hin argatan

Uhuuru Kenyaataa
Ibsa waa'ee suuraa, Uhuuruu Keenyaataan marsaa lammataaf Kenyaa bulchaa jiru

Pireezidantiin Keenyaa Uhuuruu Keenyaataa duulli malaammaltummaa dhabamsiisuu eegalame maatii isaaniillee kan hin baraarre ta'uu dubbatan.

"Malaammaltummaa balleessuu eegallee jirra...eenyullee ta'u namni bira tarru hin jiru, maatii koo maaf hin taane" jechuun BBC sagantaa HardTalk'tti himaniiru.

Maatiin pireezidantichaa sooressoota gameeyyii biyyattiin qabdu keessatti ramadamu.

Akka Uhuuruu jedhanitti qabeenyi isaanii uummata jalaa kan dhokate miti. Nama baruu ykn qoratuu barbaaduufis banaadha jedhu.

Namni qabeenyi keenya seeran ala jedhu yoo jirate, "mana murtiitti dhiyaachuuf qophiidha" jedhan.

Duula farra malaammaltumma pireezidant Uhuuruu kana namoonni hedduun 'warra ofii barbaadan qofa irratti kan xiyyeeffate' jechuun qeequ.

line

Pireezidanti Uhuuruun gaaffiifi deebii VOA waliin taasisaniin waa'ee MM haaraa Itoophiyaa gaafatamanii turan.

"MM Abiy Ahimad biyya isaafi Baha Afriikaafis mul'ata qaba jedheen amana. Kanaaf ammoo hoggantoota akka kooti irraa deeggarsa barbaada. Kenyaan deeggarsa guutuu kennuuf murannoo qabdi, walitti dhiyaanne hojjenna" jedhan.

"Waahillan isaa biroo waliin hojii Itoophiyaa keessatti hojjetaa jiru cimseen deeggara, akka inni mul'ata nu hundaaf qabu milkeessus akka hiriyaatti bira dhaabadha."

Hariiroon nagaa Itoophiyaa fi Eeritiraa gidduutti uumamuun isaa nageenya naannoo keenyaaf barbaachisaadha, gammachuu guddaas irraa qabna jedhaniiru.

"Fuula keenya waraanaafi dhimma nageenyaa irraa gara misoomaafi badhaadhina uummata keenyaatti deebisuu nu fayyada" jedhan.