Uhuruu Kenyaataa fi Raayilaa Odingaan haraara busuuf

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Keeniyaa fi ogganaan paartii mormituu erga waldiddaa cimaa filannoo bara darbee umameetiin booda amma yeroo jalqabaatiif adeemsa marii haraaraa gaggeessuuf waadaa galan.
Uhuruu Kenyaataa fi Raayilaa Odiingaa erga filannoo gaggeessaniin booda yeroo jalqabaatiif haasaa TV biyyattii irra gaggeessan.
Fannoon walqabatee namoonni 150 ta'an lubbusaanii dhabaniiru.
Jalqaba bara kanaattis, Mr Odiingaan akka 'pirezidaantii ummtaa' ofiin jechuun kaku kan raawwatan yoo ta'u, Mr Keniyaataa akka pirezidaantiitti fudhachuuf didanii ture.
Hanga ammaattis, waamicha mariif taasifamaa ture didanii ture.
Haasaa waliin taasisaniin, Pirezidaanti Keniyaataan Mr Odingaa akka 'obbolleesa' isaatti eereera.
Mr Kenyaataan akka jedhanitti: ''Adeemsa mariin maaltu akka watti nu hidhuufi adda nu baasu irratti taasisuu ni jalqabna.''
Mr. Odiingaa akka jedhanitti ''kun garaa garummaa keenya hiikuuf yeroo saati.''














