''Chaayinaan addunyaa irratti yeroo shoora olaanaa taphattu keessa seentee jirti"

Ibsa waa'ee viidiyoo, Yaa'ii Paartii Koministii Chaayinaarraa maal eegna?

Chaayinaatti waltajjii siyaasaa guddaa kan ta'e walga'iin Paartii Komunistii, toa'annoo nageenyaa cimaadhaan Beejiingitti eegalee jira.

Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi hirmaattoota 2,000 ol ta'aniif magaalaa guddoo biyyattiitti haasaa taasisaa jiru.

Walgahiin karra cufaan waggoota shanitti al tokkicha gaggeefamu kunis, eenyu Chaayinaa akka ogganuufi kallattii biyyattii kan gara fuula duraa ni murteessa.

Bakka buutonni baniinsa walga'ii biyyaalessaa 19ffaa Paartii Koministii Chaayinaatiif galma guddichaa uummata Chaayinaatti Onkololeessa 18, 2017 qophaa'aa turani

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni 2000 ol walga'ii kanarratti ni hirmaatu

Bara 2012 hoogganaa kan ta'an Mr Shii, aangoo isaanii kan cimsachaa turan yoo ta'u, dursaa paartichaa ta'uun akka itti fufanu eegamaa jira.

Walga'iin waggoota 5 itti aananiif kallattii Chaayinaan itti adeemtu kaa'u kun torbee dhufutti ni xumurama jedhamee eegama.

Akkuma walga'iin kun xumurameen, Chaayinaatti qaama murtee olaanaa kennu (koree dhaabbii Pooliitbuuroo biyyattii hoogganu) keessatti miseensoota galan paartichi ni ifoomsa jedhamee eegama.

Manichi pireezidaantii bira darbaa wayita jiru suuraa fudhatameedha Beejiingii daandii irraatti Onkolooleessa 16, 2017

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidaanitii Chaayinaa Zhii Jiinpiing

Mr Shii haasawa isaanii keessatti guddina Chaayinaan yeroo dhihootti galmeessisaa jirtu ibsuun, ''bara kana keessa soshaalizimiin Chaayinaa jechuun, Chaayinaan addunyaarratti humna guddaa adduunyaa kanaa ta'uu'' jechuudha. Kanaafuu nuti siyaasa biyyoota gara biraa irraa garagalchuu hin qabne '', jechuun cimsuuun beeksisanii jiru.

Itti dabaluunis:

  • ''Sirna Sooshaaliizimii Chaayinaa ammayyeessuuf'' karoora sadarkaa lama qabu, 2020 fi 2035 akka guyyaa dhumaatti kaa'uun ibsa bal'aa kennaniiru.
  • Sochiiwwan kutaalee Zhiinjiyaang, Tiibeet, fi Hoong Koong keessa jiran kaasuun, gargar ba'uu irratti akeekkachiisa kan kennan yoo ta'u - imaammata Taayiwaan qaama Chaayinaati jedhus jabeessanii jiru.
  • Chaayinaan ''balbala ishee adduunyaatti hin cuftu'' jechuun sirreeffama diinagdee waadaa seenuun, danqaawwan invastaroota biyya alaarra jiran akka hirrisan himaniiru.

Pireesidantichi itti dabaluunis, malaammaltummaa ilaalchisuun angawoota paartichaa miiliyoonaan lakkaawwaman irratti tarkaanfii cimaa fudhachuu isaanii ibsaniiru jechuun riippoortaroonni BBC Beeyjiing irraa ni gabaasu.