Mormi siidaa koloneeffataa duraanii Afrikaa Kibbaa Sisiilii Rohodees irraa cabe

Madda suuraa, AFP
Mormi siidaa koloneeffataa duraanii Afrikaa Kibbaa Sisiilii Rohodees irraa cabe. Siidaan nama Ingilizii Afrikaa Kibbaa koloneeffatee ture kun Keep Taawon keessatti argama.
Siidaan Nahaasiirraa hojjetame kun torban darbe Dilbata akka mormi isaa irraa cabe Paarkiin Afrikaa Kibbaa beeksiseera.
Erga lammiin gur'aachi Ameerikaa Joorji Filooyid poolisii adiidhaan mormarra jilbeeffatamee ajjeefameen booda siidaawwan namoota daldala garbaa keessatti qooda fudhataa turanii, kanneen namoota cunqursaa turaniifi garboofataa turan guutummaa addunyaarraa barbadaa'aa jiru.
Dabalataanis, mormiin guutummaa addunyaatti haalaan finiinseera.
Namni adii ta 'e Rohodees, sirna gita bittaa Ingiliiz jaarraa 19ffaa keessa gaggeessaa ture. Afrikaa Kibbaas akka gagaatti ishee baqsee bituudhaan qabeenya albuudaa biyyattiin qabdu saameera, qabeenyas horatee ture.
Namoonni hedduun siidaan sun siidaa warra Imeeriyaalizimii (warra abbaa lafaa) fi kan warra sanyummaa leellisaniiti waan ta'eef diigamuu qaba jechuun duula gaggeessaa turan.
Siidaan tohodess Keep Tawonitti kan ijaarame bara 1912 keessa ture. Paarkiin Afrikaa Kibbaa cabuu siidaa kanaa poolisiitti beeksisuu isaa ibseera.
Siidaan kun jalqaba kan miidhaan irra gahe bara 2001 keessa yoo ta'u, halluun diimaallee itti dhangala'ee ture.
Waggaa sadii duras funyaan isaa irraa muramee irra deebi'uun haaromfamee ture.
Siidaan sirna gita bittaa duraanii Yunvarsiitii Keep Tawon keessatti argamu bara 2015 keessa mormii jabaa "warri nama fixaafi nama bitaa turan diigamuu qabu" jedhuun akka diigame taasifameera.
Seenaa gita bittaa Ingiliiz keessatti bakki guddaa kan kennamuufi nama hamaafi gara jabeessa kan ta'e Rohodees biyya yeroo ammaa Zimbaabuwee jedhamtu maqaa duraan qabdu Rohodeezhiyaa jedhamtuun bitaa tureera.
Ilaalcha of tuulmaa warri Ingilizii sanyii dhala namaa hunda caalaa filatamoodha jedhuun beekama ture.
Biyyoonni Afrikaa Kibbaafi Zimbaabuween garee muraasa warra adiitiin waggoota dheeraatiif bitamaa turan, hedduus garee kanaan dhumaa turan.
Kanatti dabalataan, siidaan Yunvarsiitii Okisfoord keessatti argamus akka diigamuu qabuuf gaafiin hedduun dhiyaataa jiru.


















