Sidaan Ediwaard Kooliston mormitoonni jigsanii bishaanitti gatan baafame

Ibsa waa'ee viidiyoo, Siidaan Ediwaardi Koolistan bishaan keessaa baafame

Siidaan namticha daldalaa garbaa turee kan mormitoonni jibba sanyummaa jigsanii bishaanitti gatan, bishaan keessaa baafame.

Siidaan Ediwardi Koolistan Dilbata darbe ture magaalaa Biristol keessatti mormitootaan jigfamee bishaan keessa kan buufame.

Bulchiinsi magaalattii bishaan keessaa kan baaseef iddoo itti gatame sun iddoo dooniin dhaabbatu ammayyuu tajaajila kennaa jiru ta'uu isaatiini.

Siidaan kun osoo goda hambaa keessa hin kaa'amiin dura ni qulqulleeffama jedheera bulchiinsi magaalattii.

Dabalataan sababa sanaan namni achitti walitti qabamee ykn barbaacha dhufee akka miidhamu hin fedhu jedhe.

Wayita goda hambaa keessa kaa'amu funyoon mormitoonni itti hidhanii fi halluun itti diban akkasumatti waliin kaa'ama jedhame.

Sana dura garuu dhoqqeen isaa irraa dhiqamee qulqullaa'a jedhan aanga'aan magaalattii tokko.

Mormitoonni wayita siidaa Ediwaardi Koolistan bishaan buusan

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoonni wayita siidaa Ediwaardi Koolistan bishaan buusan

Wayita siidaan kun jigfamu poolisiin akka hin dhorkine taasifameera. Kunis walitti bu'iinsa uumamuu malu hambisuuf ture.

Siidaan kun durii kaasee mormiin itti ka'a. Akka diigamus namni hedduun gaafataa ture.

Duraan kantiibaan magaalattii Maarviin Riis 'yoo diigame akka waa badetti natti hin dhagaahamu' jedhanii turan.

Erga mormii kanaatii as dhaabbilee fi manneen barnootaa maqaa Koolistaniin moggaafaman maqaa jijjiirrachuuf yaadaa jiru.

Siidaaleen gabroomfattootaa kanneen hafan UK keessa jiran akka diigamanis waamichi dhiyaateera.

Presentational grey line

Kun kanaan osoo jiruu Ameerikaatti buufataalee waraanaa maqaa jeneraalota warra 'confederate' ykn naannollee Kibba biyyattii gurrachota gabroomsaa turaniin moggaafaman akka jijjiiraman gaaffii dhiyaate Tiraamp didan.

Buufataaleen kunnee "hambaa Ameerikaa guddittiiti" jechuun tiwiitarii irratti barreessan.

Siidaaleen konfedereetotaa qiyyaafannaa mormitoota jibba sanyummaa ta'ee jira.

Magaalota biyyattii adda addaa keessatti siidaleen kunneen mormitootaan diigamaa jiru.

Buufataaleen waraanaa 10 maqaa jeneraalota warra konfedeereetotaan moggaafaman keessaa Foort Biraag kan Kaalifoorniyaa Kaabaa jiru, Foort Huud kan Teeksaas jiru, akkasumas Foort Beeniing kanJoorjiyaa jiru ni eeramu.

Qondaalonni waraanaa Ameerikaa maqaaleen kunneen akka jijjiiraman mari'achuuf hayyamamoo ta'uu isaanii hordofuuni Tiraamp kan didan.