Burkinaa Faasoo: Haleellaa mana sagadaarratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 14 ajjeefaman

Burkina Faasootti haleellee hidhattoonni waldaa kiristaanaa tokkorratti Dilbata bananiin namoota waaqeffataa turan keessaa yoo xiqqaate 14 ajjeefamaniiru.
Yeroo namoonni hidhannaa qaban dhukaasa banan namoonni miidhaan qaqqabe kunneen waldaa kiristaanaa keessatti Dilbana sagadaa turan .
Haleellaan waldaa kiriristaanaarra gahe kun bakka Hantokuura jedhamu gara baha biyyattiitti argamtuttidha.
eenyummaan hidhattoota kanaa kan hin beekamneefi kaayyoon isaan badii kana raawwataniifillee wanti ifa ta'e hin jiru jedhameera.
Waggoota muraasa darban keessa qofa namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru.
Warreen ajjeefaman kunneenis harki caalaan garee jihaaddistootaa warra jedhamaniin yoo ta'u kun ammoo keessumaa gara daangaa Maaliirratti walgaarerfachuu sabaafi saboota gidduu akkasumas amantaalee gidduutti uumeera.
Akka ibsa mootummaa naannichaarraa baruun danda'ametti namoonni hedduunis madaa'aniiru.
Maddeen dhimma nageenyaa madda oduu AFP'tti akka himanitti, gareen hidhannaa qaban haleellaa qaqqabsiisan kunneen "Paasterii waldaa kiristaanaa dbalatee amantootaafi daa'imman ajjeesaa turan."
Maddi biraan akka jedhetti namoonni haleellaa kana raawwatan doqodoqeedhaan baka sanaa miliqan.
Onkoloolessa darbe, haleellaa masjiidarra ga'een nnamoonni 15 ajjeefamanii lama ammoo ciminaan madaa'anii turan.
Bara 2015 irraa kaasee haleellaan Jihaaddistoonni qaqqabsiisan Burkinaa Fasootti dabalaa dhufuun manneen barnootaa kumaan lakkaa'aman akka cufamaniif sababa ta'eera.
Rakkoon nageenyaa kun naannoo biyyattiin Maalii waliin waldaangessitutti kan hammaatu yommuu ta'u, bakka sana ammoo hanga loltoonni Faransaay bara 2012 dhiibanii baasanitti milishoota Isilaamistootaan to'atamee ture.















