Haleellaan Kaaba Maalii loltoota 49 galaafate

Loltoota Maalii Burkinaafaasootti leenji'aa turan

Madda suuraa, AFP/Getty

Hidhattoonni Baha Maalii keessa maadheffatanii jiraatan haleellaa loltoota biyyattiirratti bananiin miseensota waraanaa 49 ajjeesan.

Akka humni waraanaa Maalii ibsetti ajjeechaan kun kan raawwate Kaaba Maalii naannawa Menaka jedhamu keessatti raawwate.

Gareen maqaa Islamic State (IS) jedhamuun of waamu haleellaa sana akka raawwate ibseera.

Maaliin erga bara 2012tii haleellaaf saaxilamaa jirti. Bara kana keessa gareen IS kaaba Maalii qabate.

Haata'u malee gargaarsa mootummaan Firaansiin humni waraanaa Maalii naannwa gareen IS to'atanii turan deebisanii of harka galfatan.

Ta'us garuu rakkoon nageenyaa naannawa kanatti itti fufeera, haleellaan naannoo kanatti hammaate gara kutaalee biyyattii biroottis babal'ateera.

Haleellaa guyyaa kaleessaa raawwatameen loltuun Firaansi tokko ajjeefameera.

Hoogganaan Birgeedii waraanaa naanna haleellaan itti dhalatee Ronan Pointeau konkolaataan waraanaa inni ittiin deemaa ture erga boombii hidhamee ture gidduutti qabamee booda ajjeefame.

Asxaa loltoota Maalii

Madda suuraa, Getty Images

Haleelaa raawwaten lubbuu namaa qofa osoo hin taane qabeenyi hedduunis barbadaa'eera.

Fulbaana darbe gara dhumaarratti haleellaa kaampii waraanaa naannawa daangaa Burkina Faasootti argamurratti raawwateen loltoonni 38 ajjeefamanii turan.

Biyyoonni shanan Saahel kanneen akka Maalii, Burkina Faasoo, Chaad, Niijeer fi Mauritania, Firaansi waliin ta'uun biyyoota loote seentota haleellaa qaqqabsiisan qolachuurratti hojjetaniidha.

Biyyoonni shanan kunneen haleellaa Fulbaana darbeef garee 'Ansaarul Islaam' jedhaman komatan.

Ansaarul Islaam jechuun eegdota amantaa Islaamaa yoo ta'an Maalii keessatti bara 2016 hundaa'an.

Qaamni kun garee IS waliin ta'uun bara 2012 Kaaba Maalii keessatti haleellaa eegalanii turan.