Hogganaan dargaggoota Afrikaa biratti leellifamaa jiru Ibraahim Tiraaworee eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Tibba kana haala hin baratamneen maqaan Kaapteen Ibraahim Tiraaworee, hogganaa dargaggeessa Burkinaa Faassoo kan mirga Afrikaaf qabsaa'aa ta'uu of ibsu miidiyaa hawaasaa irratti akkaan qodamaa jira.
Hogganaan kun, fonqolcha mootummaa gaggeesseen qofa osoo hin taane, Ameerikaan isa hidhuu barbaaddi jedhamee ibsamuudhaanis mata duree addunyaa ta'eera.
Bara 2022tti fonqolcha mootummaa gaggeessee umuriisaa waggaa 34tti aangoo biyya bulchuu qabate. Kunis hogga'aa biyyaasa kan umuriin xiqqaa isaa taasiseera.
Bara 1988 naannawa magaalaa xiqqoo daandii magaalaa Burkinaa Faassoo lammaffaa Booboo Diwulaasitti dhalate. Barnoota digirii jalqabaa erga xumuree booda, bara 2010tti umuriisaa waggaa 22tti humna waraanatti makame.
Bara 2014tti gara gulanataa leetenaantiitti guddachuun boodarra Ergama Tasgabbii Walitti Makamaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Maalii (Minusma) keessatti nagaa eegduu ta'uun tajaajileera.
Bara 2020tti umuriisaa waggaa 32tti gara Kaapteeniitti guddate. Baatii Amajjii bara 2022tti ammoo hogganaan isaa Koloneel Sandaago Damiba pirezdaantii biyyatti yeroo sanaa Kiristiiyaan Kaabore irratti fonqolcha mootummaa taasise.
Kaapteen Ibraahim Tirowaareen ji'a sadeetiin booda baatii Fulbaanaa bara 2022 hogganaa isaa duraanii, Saandaago Daamibarratti fonqolcha mootummaa taasisuun angoo irraa fudhate.
Waggoota sadan darban kana keessas hogganaa ce'uumsaa Birkinaa Faassoo ta'ee biyya gageessaa jira.
Haasawaa fi gocha isaatiin faalla biyyoota dhiyaa kan akka Ameerikaafi Awurooppaa ta'uu isaatiin ammoo xiyyeeffannoo dargaggota Afrikaa argateera.
Kana malees, ijjennoo gareewwan hidhatan irratti qabunis deeggarsa ummataa harka guddaa akka argatu isa taasiseera.
Torban kana keessa qofaa ergaawwanii fi barreeffamoonni deeggarsa Kaapteen Tiraawore dhibbaan lakkaa'aman miidiyaa hawaasaarratti maxxanfamaa jiru.
Akkasumas namoonni hedduun deeggarsa isaaf qaban kallaatti addaa addaan dhageessisaa jiru.
Ameerikaan Tiraawore hidhuu barbaaddii?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimmi kun ammoo erga Jeneraalli Ameerika Mikaa'el Laangliin Afrikaatti ajajaa addaa Ameerikaa (AFRICOM) ta'e, seenetii Ameerikaa torban darbe kana gaggeeffamee irratti, dhimma Afrikaa wayita dhiyeessu addatti dhimma Kapiteen Ibraahim Tiraaworee kaasuun akka hidhamu gorsina jedhanii booda, caalaatti hammate.
Jeneraalichi hiddi dhaloota isaa Afrikaa ta'us gurraacha Ameerikaa jalqabaa sadarkaa Jeneraal Urjii Afurii hojii waraanaa addunyaa irratti, keessumaa ardii Afrikaa biyyoota 50 ol keessatti hojii waraanaafi basaasaa gaggeessu irratti murtoo tarsiimoo akka murteessu aangoon kennameefidha.
Jeneraal Mikaa'el Laanglii mootummaan waraanaa Burkinaa Faassoo qabeenya kuufama warqee biyyattii dabalatee, faayidaa ummataaf osoo hin taane faayidaa dhuunfaaf fayyadamaa jira kanaf tarkaanfii cimaa idil-addunyaa irratti fudhachuun barbaachisaa ta'uu ibsan.
"Tarkaanfiiwwan addaa, qoqqobbii maallaqaa, tumsa idil-addunyaa, yoo barbaachisaa ta'e ammoo dantaa naannoo fi idil-addunyaa eeguuf Tiraaworeen hidhamuu ni gorsina" jedhan
Yaadni kun namoota hedduu biratti akka waamicha ifatti hogganaa kana to'annoo jala oolchuuf godhameetti hiikameera. Garuu Tiraaworeen dhuguma nageenya addunyaatiif balaa ta'aa ammoo hogganaa ajaja biyyoota warra dhihaa jalatti hin bitamnedha?
Yaadni dhiyaate garuu caalatti Afrikaanota irraa deeggarsa akka argatu isa taasiseera.
Dargaggonni hedduu, artistoonni, aktivistoonni, hoggantoonni dhaabbileefi kanneen biroo yaada qondaala Ameerikaa sanaan aarii qaban ibsaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Amma maqaan Kaapteen Ibraahim Tiraaworee kanneen tokkummaa Afrikaanotaa cimsaa jiranii fi tarree namoota Paan-Afrikaanizimiif qabsaa'aatti kaafamurra ga'eera.
Tiraaworeen ''biyyootni dhiyaa yeroo itti albuuda Afrikaa guurratanii maqaa liqiitin gadadoo Afrikaanotatti dheerassan dhaabbachuu qaba'' ijjannoo jedhu qaba.
Kanaanis imaammata albuudaa biyyattii jijjiiruun eeyyama dureeyyootni Ameerikaa biyyatti keessaa albuuda baasuuu addaa kuteera.
Baatii Waxabajjii bara 2024tti hayyamni albuudaa dhaabbilee biyya alaatiif kenname akka haqamu godheera.
"Warqee keenya ofiif akkamitti akka qotannu ni beekna, Afrikaanonni albuudni isaanii akka samamu heyyamuu hin qaban,'' jedha.
Sababoota kanneeniin dargaggootaa fi hawaasa hedduu keessatti leelifamus garuu erga bara 2022 gara aangootti dhufee haala nageenyaa biyyattii hammaataa dhufe akka hin fooyyessine xinxaltootni kan himan.
Erga inni aangoo qabatee lakkoofsi namoota hidhattootan walqabatee du'anii dachaa lamatti dhiyaateera, loltoonni dhibbaan lakkaa'amanis ajjeefamaniiru.
Lakkoofsi namoota ummataa biyyatti %10 ol ta'u sababa tasgabbii dhabuutiin rakkoo keessa jiru.
Saankaara haaraa?

Madda suuraa, Captain Ibrahim Traoré
Tiraaworeen amma akka mallattoo mormii dhiibbaa warra dhihaa, keessumaa dhiibbaa Faransaay (koloneeffattuu biyyatti duraaniitti) ilaalamaa jira.
Gaggeessaa dargaggeessa ta'uufi ifatti faalla biyyota dhiyaa dubbachuu isaatiin qofaa utuu hin taane, ijjennoo warraaqsaa fi tokkummaa Afrikaaf dubbii dubbatuun xiyyeeffannoo argateera.
"Jireenyi koo dhibbeentaan 80 waraana, nuti of ittisna isinis faayidaa hunda keenyaaf of ittisaa qabsoon amma itti jirru Burkinaa Faassoof qofaa osoo hin taane, kan Afrikaa guutuuti" jechuun wa;ga'ii uumtaa tokkorratti ergaa dabarsera.
Kanaanis pirezidaantii Burkinaa Faassoo duraanii jaalala hawaasaa gudda utuu qabuu ajjeefamee Kaapteen Toomaas Saankaaraa waliin walitti fakkeeffama.
Kaapteenonni lamaanuu umurii isaanii waggaa 34tti aangoo kan qabatan yoo ta'u, mul'ata Afrikaa jijjiiruu qabuu kanneen jedhan akkuma jiran waanti wal isaan fakkeessu hin jiru jechuun Sankaaraa gaggeessaa qixa hin qabne akka ta'e kanneen kaasanis jiru.
Deeggarsa ummataa amma argataa jiruun garuu jiruun Sankaaraa haaratti isa moggaasaniiru.
Tomaas Saankaaraa naannawa bara 1980moota keessa, yeroo xumura Waraana ololaa fi qoqqoodinsa ilaalchaa waraana keessatti mul'atutti nama aangoo qabate ture.
Biyyattii keessatti qofaa utuu hin taane nama Afrikaa keessatti jijjirama guddaa fiduu danda'uu fi akka mallattoo warraaksa Maarkisizimitti ilaalama ture. Bara 1987 fonqolcha mootummaa irratti taasifameen ajjeefame.
Ifatti dubbachuu Tiraaworee fi biyyota dhihaa

Madda suuraa, Getty Images
TIraaworeen gidduu seenummaa humnoota warra dhihaa, keessumaa Faransaay cimsee qeeqa.
Haala kanaan Burkinaa Faassoo michoota warra dhihaa hin taane, keessattuu Raashiyaa fi Iraan waliin hariiroo qabdu cimsitee, michoota biyyatti warra duriirraa of fageessiteetti.
Fedhii "Abbaa biyyummaafi gaaffii ummata Burkinaa Faassoo deebisuuf" ijjannoo cimaa akka qabutti of ibsa. Kanaaf dhimma biyyatti keessa biyyoota alaa akka gidduu seenan himn eeyyamu.
Biyyoonni dhiyaa tokko tokko shororkeessummaa dhabamsiisuu akka meeshaa tasgabbiitti fayyadamuun qabeenya biyyattii saamuu akka barbaadan himate.
"Nuti miidhamtoota qabeenya keenyaati, qabeenya keenya kanaaf akka gabrummaa jala turru barbaadu'' jedhe.
Jalqaba koloneeffattu biyyatti duraanii Faransaayitti dugda garagalchee. Naannawa bara 2023tti loltoota biyyattii keessatti bobbaafamanii fi dippilomaatota biyyaattii Burkinaa Faassoo keessa ari'e.
Raashiyaa waliinammoo hariiroo cimaa ijaarrateera. Biyyoota dhiyaa waliin atakaroo keessa galuun dinagdee biyyatti akkan hubaa jiraa kanneen jechuun qeeqanis jiru.
Biyyoonni hedduus aangoon gara bulchiinsa siivilitti akka darbu gaafataa turaniiru.
Dhuma Caamsaa 2024tti garuu biyyattiin chaartara sirni waraanaa waggoota shan dabalataaf aangoorra akka turu hayyamu mallatteessiteetti.
Ameerikaan erga sababa Albuudaan Burkinafaassoo waliin walitti mufattee biyyatti keessatti malaanmaltummaan guddachuu, tasgabbii dhabuu fi aangoo bulchiinsa Siivilitti dabarsuu dhabuun Tiraaworee irratti dubbi cimsaa jirti.
Diinagdeen biyyatti fi dhaabbileen dimokiraasii dadhabuu fi dhiibbaa Chaayinaan Afrikaa irratti qabdus qeeqxi Ameerikaan.












