Waldhaansi kun Mohs surgery kan jedhamu yoo ta'u gogaa kaansaariin irratti mul'ate mara muranii baasuudha. Waldhaansi kun hanga gogaarratti mallattoon kaansarii hin mul'annetti kutanii baasuu gaafata.
Maanguddoo ganna 82 kan ta'an Baayidan, dhiyeenya kana kutaa fuulasaanii isa mirgaarra madaan mul'ateera.
Waa'ee intala Kim Jong Un bakkasaa bu'uu dandeessi jedhamtuu maal beekna?
Madda suuraa, KCNA
Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un Chaayinaatti kora dureewwan biyyootaa hirmaachisee fi aanga'oota waliin iwalitti isa fidurratti yeroo jalqabaaf hirmaachuunsaa mata duree oduu addunyaa ta'eera.
Shamarreen kun Kim Ju Ae jedhamti, intala Kim Jong Un.
Akka dhaabbata basaasaa Kooriyaa Kibbaatti shamarreen kun abbaashee kan ta'e buclhaa Kooriyaa Kaabaa bakka bu'uu dandeessi.
Garuu waa'een shamarree kanaa bal'inaan hin beekamne. Lafarratti daa'ima xiqqoo kan fakkaattu intalli Kim Jong Un kun umriinshee hangami? Waa'ee shamarree kanaa hangam beekna?