Aayyoon qinxaaboo cileefi pilaastika gurguruun Hidha Haaromsaatiif waggoota 14'f tumsan maal himu?

Madda suuraa, WKMSH
Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa guyyoota muraasaan booda eebbifamuf eegamuuf lammiileen Itoophiyaa bakka garaagaraatti argaman tumsa taasisaa turan.
Isin hoo boondii birrii meeqaa bittan? Ykn marsaa meeqa gummaattan? Gaaffii kana waa malee hin kaafne. Waa'ee haadha rakkoon osoo isaan hin daangeessiin boondii hidha Abbayyaa kanaaf gumaatan tokkoo isin dubbisiisuuf.
Isaanis Aadde Assallafach Tsaggaayee jedhamu. Jiraattuu magaalaa Shaashamanneeti.
Ayyoon tunis jalqabaa hanga dhumaa ijaarsa hidha kanaatti dadhabbiifi nuffii tokko malee kutannoon tumsa kanneen taasisaa turan keessaa tokkodha.
Maanguddoon umuriinsaanii naannoo waggaa 60 akka ta'e himan kun, pilaastika (feestaalii) daandiirraa guuruudhaan akkasumas kasala (cilee) qinxaaboon gurguruun waggootaaf ijaarsa Hidha Haaromsaa tumsan.
"Feestaalii yoo namni darbu fiigeen qoca, isa gurguraan Abbayya ijaare" jedhu.
Aadde Assallafach, pirojektiin ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ALI Bitootessa 2003 erga ifoomee ji'oota sadi booda ALI Waxabajjii bara 2003 boondii isaanii kan jalqabaa kan bitan.
"Bara 2003 bu'urrisaa erga kaayamee booda ani saantima kuufadhe. Achumaan gara baankii deemeen warra baankiin 'boondii naaf kennaa' jedheen. Warri baankii ni gammadan, sababnisaas namni na dura boondii bite hin turre," jedhan.
Boondiin yeroo jalqabaatiif bitanis birrii 1,000 yemmuu ta'u, sharafni boondicha ittiin bitanis saantima callaa akka ta'e dubbatu.
Harmeen kun boondii Hidha Haaromsaa bituuf jalqaba gara baankii yeroo deemanitti maalummaa boondiillee akka hin beekne kan himan yemmuu ta'u, waggoota 14 darban keessa birrii miliyoona 1.1 oliin boondii bituu himu.
Kana malees, birrii kuma 100 fi kuma 45 bifa kennaatiin ijaarsa hidhichaaf gumaachuusaaniis himaniiru.

Madda suuraa, Ministeera Bishaan fi Anniisaa

Madda suuraa, MInisteera Bishaaniifi Annisaa
"Jaalala biyyaatu na kakaase"
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aadde Assallafach Tsaggayee tumsa walirraa hincinne Hidha Haaroomsaa Guddicha Itoopiyaaf taasisaniif sababni ijoon jaalala biyyaa akka ta'e himu.
"Jaalala biyyaatu na kakaase. Daa'ima ta'ee xiiqii keessan ture. 'Abbayya iddoo bultii hinqabu, muka baatee joora' yoo jedhan dhagahaan guddadhe" jedhan.
Sababa kanaanis xiiqiin isaan keessatti uumamuu kan himan maanguddoon kun, maallaqa feestaalii daandiirraa guuruun argatan guutummaatti boondii Hidha Haaromsaa bituuf akka oolchan himu.
"Feestaalii gurraacha kan meeshaa ittiin qaban amma birrii 10, 20 fi 5'tti gurguramu kana biinxanii yeroo darban ani ammoo isa fudhadhee warra gabaa geessee warri meeshaa chirchaaroon gurguru narraa bitu" jedhan.
Dabaluunis, "Feestaalii kana daandiirraayiin guura. Sana booda walitti qabee hidhee mana kaa'ee yeroo inni itti gurguramutti nan gurgura. Sana booda boondiin bita" jedhan.
Feestaalii daandiirraa walitti qaban kana gurguruun guyyaatti birrii 500-1,000 yeroon itti argatan akka jirus himuun, "akkuman gurgureen boondii bituu malee waan biraa ittiin hin hojjedhu" jedhu.
Haala kanaanis torbeetti yeroon boondii afur fi shan itti bitan akka jirus himan.
Haadha ijoollee dubaraa lama kan ta'an Aadde Assallafach, boondii Hidha Haaromsaa maqaa ijoollee isaaniitiinis bitaniiru.
Gama biraatiin jireenya dhuunfaasaanii gaggeessuuf shiroofi barbaree qopheessuun balbalasaanii duratti akka gurguran dubbatu.
"Soogidda, buna xiqqoollee, barbaree, shiroos xiqqoo nan charachara. Kan feestaalii gurguruun argadhu garuu hundasaa Hidha Abbayyaafan kenna" jechuun ibsan.

Madda suuraa, WKMSh
Badhaasa, beekamtii fi mudannoo MM Mallas waliin
Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoopjiyaa erga eegalamee yeroo afur ijaarsasaa daawwachuusaanii kan himan Aadde Assallafach, yeroo jalqabaatiif Ministira Mummee Itoophiyaa duraanii Obbo Mallas Zeenaawii waliin hidhicha daawwachuusaanii himan.
Kunis boondii 4 yookiin 5 akkuma bitaniin akka ta'e akka ture kan himan maanguddoon kun, "Jalqaba Mallas Zeenaawiitu helikooptara isaaniitiin na fide, akkuma bu'urri bu'een," jedhan.
Daawwannaa isaanii kanaanis Ministirri Mummee Mallas "nama cimtuu" jechuun akka isaan leellisanis dubbataniiru.
Aadde Assallafach waggoota 14 darban keessa tumsa Hidha Haaromsaaf taasisaniif waraqaalee ragaa fi beekamtii akkasumas badhaasawwan garagaraas argachaa turaniiru.
"Abbee Saanoo (Pirezidaantii Baankii Daldalaa Itoophiyaa) cheekii birrii kuma 100 na badhaasanii jiru," jedhan.
Gama biraatiin sadarkaa ijaarsa hidhichaa itti fufiinsaan gama miidiyaaleen hordofaa akka turan kan himan Aadde Assallafach, xummuramuu hidhichaa yemmuu dhagahan gammachuun akka itti dhagahame himu.
Gammachuu isaaniis "kan duraan Abbayyaadhaan 'muka baatee naanna'a' jedhan amma misooma nuuf fide" jechuun ibsan.
Kana boodas pirojektiiwwan walfakkaataan yoo ijaaraman tumsi isaanii akka wal irraa hin cinnee kan himan maanguddon kun, "Hidha Abbayyaa 20 ijaaruu yoo jalqaban 20 irrattuu akkuman amma hirmaadhetti nan hirmaadha.
Hangan du'utti gara duubaatti deebi'uun hin jiru" jechuun kutannoo misoomaafi jaalalaa biyya saaniif qaban ibsaniiru.












