"Dogoggorri Galaana Diimaa bor sirreeffama" - MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, PM Office/fb
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Galaanni Diimaa waggaa soddoma dura harka Itoophiyaa akka tureefi "dogoggorri kunis bor sirreeffama" jechuun marii televizhinii biyyaalessaarratti dubbataniin dubbatan.
Ministiri Muummee Abiy xumuramuu Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayyaa ilaalchisuun gorsaa dhimma hawaasummaa isaanii waliin marii taasisanirratti akka dubbatanitti dogoggorri Galaana Diimaa ilaalchisee raawwatame akka sirreeffamu eeraniiru.
"Galaanni Diimaa waggaa 30 har'aa nu harka ture. Galaanni Diimaa waggaa 30 har'aa seenaa kaleessaati. Dogoggorri uumame kaleessadha. Bor sirreeffama, baayyee rakkisaa miti," jedhan.
MM Abiy Ahmad marii eebba Hidhaa Haaromsa Laga Abbayaa Fulbaana 9 gaggeeffamu ilaalchisuun taasisanirratti, seenaan Laga Abayyaa waggaa kumaaf ture akkuma jijjiirame, dogoggorri Itoophiyaan Galaana Diimaa itti dhabde akka sirreeffamu dubbataniiru.
Yeroo Ertiraan walabummaashee argatte Galaana Diimaarraa kan adda baate Itoophiyaan waggoota muraasa dura MM Abiy Itoophiyaan karaa Galaana diimaa ulaa galaanaa argachuuf fedhii akka qabdu erga ifa godhaniin booda gama Ertiraatiin yaaddoon uumameera.
Ertiraan Itoophiyaa waliin dhimma Hidha Laga Abbayyaarratti atakaaroo keessa kan jirtu Masirii waliin hariiroo ittin wal tumsan uummachuu hordofee ammoo muddamni jiru hammaateera.
Hariiroon biyyoota lamaanii daran kan hammaate MM Abiy "ulaan galaanaa Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuudha" jechuu hordofeeti.
Haasaa MM Abiy waa'ee ulaa galaanaafi buufata galaanaa taasisaniifi fedhiin agarsiisan aanga'oota Ertiraa hin gammachiifne.
MM Abiy fedhii buufata Galaanaa ilaalchisuun "waa'ee dhimma Galaana Diimaa osoo hin kaasiin nagaan turreerra waan ta'eef maaliif amma cal hin jennu? Ertiraa waliin akka walitti hin buuneef yoo nutti hafe hoo? Jibutii waliin yoo walitti buune hoo kan jedhu namoonni yaaddoo qaban jiru," jedanii ture.
Gaaffii kun akka ka'uuf akka sababaatti kan dhiyeessanis baayyina ummata Itoophiyaa dabalaa dhufe karaa ittiin gara galaanaatti darbi waan hin qabneef "hidhamaa teessuma lafaa" ta'ee itti fufuu isaa eeranii ture.

Madda suuraa, Screenshoot Praayim Meediaa
Sababoota amansiisoo afur Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf gaafattuuf...
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhiyeenya kana Piraayim Miidiyaa irratti gaaffiifi deebii kan taasisan Ministeera Ittisaa Itoophiyaatti Daarektarri Daarektoreetii Hariiroo Halaafi Tumsa Loltummaa Meejer Jeneraal Tashoomee Gammachuu, sababoota amansiisoo afur Itoophiyaan Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf gaafattuuf dubbataniiru.
Sababoota kanneen keessaa tokko hariiroo seenaa Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin qabdu ta'uu kan kaasan jeneraalli kun, "walitti hidhamnsa seenaa qabna gaafa jennu Galaanni kun nu waliin ture. Galaanni diimaa Asab ture. Asab ammoo akkuma beektan kan ofiin of bulchu tre," jedhan.
Meejer Jeneraal Tashoomee Gammachuu itti dabaluun seenaa qofa osoo hin taane seerri idil-addunyaas nu deeggara jechuun fageenya Itoophiyaan Galaana Diimaarraa qabdu xiqqaa ta'uu akka ragaatti eeraniiru.
Jeneraalli kun Itoophiyaan Galaana diimaatti dhiyoorratti waan argamtuuf seerri idil-addunyaallee akka ishee deeggaru ibsaniiru.
Kan MM Abiy dhimmi ulaa galaanaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti jedhanis irra deebiyuun, "haala amma jiruun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta'eera" jechuun dabaluun dubbataniiru.
"Ittiin of jajuuf osoo hin taane, ulaa galaanaa qabna jennee hawwuuf osoo hin taane amma dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta'eera. ... Dhimmi jiraachuufi jiraachu dhabuu ammoo fedhii biyyaalessaa gatii kamiyyu itti kaffaltudha," jechuun kana milkeessuuf Raayyaan Ittisa Biyyaa karaa dippilomaasiitiin yaalii gochaa jiraachuu ibsaniiru.
Jeneraal Tashoomee Gammachuu haasaa taasisan kanaan sadaffaarratti kan kaasan yaaddoowan Itoophiyaan qabdudha.
"Yaaddoowwan keenya itti dhiyeenyaan qolachuuf ulaan galaanaa kun ni barbaachisa," kan jedhan Meejer Jeneraal Tashoomeen, "yaaddoo gaafa jedhamu kan galaanarraa dhukaafamu, furguggaasifamu, fageenya dheeraa deemuu kanneen danda'an magaalota keenya, magaalaa guddoo keenya kan yaaddessan" ta'uu kaasuun kana dura dhaabatanii qolachuuf ammoo ulaan galaanaa barbaachisaa ta'uu eeran.
Ittoophiyaan Afrikaatti biyya guddoo garuu ulaa galaanaa hin qabne kan taate waggaa 30 dura yeroo Ertiraan walaboomtettidha.
Ergasii as biyyittiin daldala alaa galchituufi alatti ergituuf buufata doonii Jibuutii biyya ollaa xiqqoo taate fayyadamaa turte.
Ertiraan yeroo walabummaa argatte daandiirra deemte kaasuun jeneraalichi, mootummaan ce'umsaa yeroo sanaa buufata galaanaa kana dabarsee kennuuf aangoo seeraa akka hin qabne dubbataniiru.
"Mootummaan ce'umsaa ummataan hin filatamne buufata galaanaa dabarse ekennuuf aangoo hin qabu."
Ministirri Muummee Abiy kanaan dura "Itoophiyaan Galaana Diimaaf Ertiraa loluuf fedhii hin qabdu" jedhanii akka turan ni yaadatama.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itiyoophiyaaf buufata galaanaa argachuun dhimma lubbuun jiraachuu akka ta'e erga dubbatanii as biyyoota lamaan gidduutti waldhabdeen ol'aanaa ture.
Miseensota Mana-Maree Bakka Bu'oota Ummataatiif akka himanitti, Itoophiyaan "fedhii qabdurratti haa mariyannuudha" kan jedhan Ministirri Muummee Abiy, "bu'uura kennanii fudhachuun, bu'uura ummanni itti fayyadamuu fi bu'uura gabaa irratti hundaa'uun irratti haa mari'annu. . . Waraanni hin barbaachisu" jechuun dubbatanii ture.
Ertiraan gama biraatiin Itoophiyaan dubbii barbaaddi jechuun kan himatte yoo ta'u, Pirezidaant Isaayyaas hawwataan "abbummaa bufata galaanaa" argachuu kan jedhu harkisoo ji'oopoolitikaa biroo qaba jechuun, humnoonni biroo maal nadhibdeetiin socho'an kana duuba akka jiran agarsiisa jechuun himatanii ture.












