Itoophiyaan Hidha Abbayyaa irratti mari'achuuf ammalleen qophii ta'u ibsite

Dr Haabtaamuu Ittafaa, Ministira Bishaaniifi Inarjii Itoophiyaa waajjira keessa taa'anii suuraa ka'an

Madda suuraa, AMENSISA IFA/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Haabtaamuu Ittafaa, Ministira Bishaaniifi Inarjii Itoophiyaa

Itoophiyaan ijaarsa Hidha Guddicha Haaroomsaa xumuriidhaan Fulbaana 9, 2025 eebbisiisuuf qophiitti jiraachuu beeksiisuun ishee ni yaadatama.

Ijaarsa hidha kanaatiifi haala bishaan itti guutamun wal qabates keessattuu bishaan Abbayyaa qofaatti fayydamaa kan turte Masriin Itoophiyaa waliin falmii keessa galtee turuun ni yaadatama.

Waggoota darban keessa Sudaan dabalatee Itoophiyaafi Masriin dhimma kanarratti marii taasisaa turan illeen osoo waliigalte irra hin gahiin hidhichi marsaa shan bishaan guutamuun ijaarsi isaa xumuramee ebbaaf qophiitti jira.

Masriin Itoophiyaan dhimma hidha kanaarratti akka waliigaltee ittigaafatamummaa qabu (binding) mallatteessitu irra deddebiin gaafattulleen, Itoophiyaan kana hin fudhanne.

Itoophiyaan ijaarsa hidha kanaa xumurtulleen ammalleen mariidhaaf karrishee banaa ta'u Ministirri Bishaaniifi Inarjii, Dr Haabtaamu Ittafaa BBCtti himaniiru.

Hidhi guddichi kun kan anniisaa elektirikaa olaanaa maddisiisuu yoo ta'u, kunis lammiilee biyyattii hedduuf ibsaa akka argataniif carraa akka uumu ministirichi kaasaniiru.

Xumuramuun ijaarsa hidha guddicha Haaromsa kanaas mootummaan ummata biyyattii %46 ibsaa elektirikaa hin arganne fayydamaa taasisuudhaaf yaalii eegale akka deeggaru Dr Habtaamuun BBCtti himaniiru.

Itti dabalunis, yeroo ammaatti ummata Itoophiyaa %54 ta'u qofaatu ibsaa elektirikaa argataa jira jedhaniiru.

''Ummanni biyyattii %46 ta'u ammalleen ibsaa elektirikaa argataa hin jiru. Waggoota ittaanan shan keessatti lakkoofsa kana gadi buusuuf hojjataa jirra'' jedhan.

Ministirichi waggaa shaniin booda bara 2030tti mootummaan yoo xinnaate ummannii biyyatti harka 90 ibsaa elektirikaa akka argatuuf karoorfachu dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hidhi Guddichi Haroomsaa humna elekitirikaa meegaa waattii 5000 ol maddisiisuun Afriikaatti isa guddicha ta'un kan himameef, ijaarsi hidha kanaa wagga shaniif karoorfamee ture waggaa 14tti xumurame.

Hidhi baasii doolaara biiliyoona shanii oliitiin Itoophiyaan ijaarame kun erga yeroo dhihootiin asitti pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp ''kan ijaarame irra caalaa maallaqa Ameerikaatiin'' jechuun isaanii ni yaadatama.

Irra dedeebiin Itoophiyaan hidha kana ijaaruudhaaf Ameerikaarraa deeggarsa argachu kan dubbatan Tiraamp, garuu Ameerikaan yoomiifi attamiin maallaqa Itoophiyaaf akka kennite kan ibsan hin jiru.

Ministirri Bishaaniifi Inajrii itoophiyaa Dr Haabtaamuu Ittafaa gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, ''Hidhi guddichi Haaromsaa maallaqa ummataa fi mootummaa Itoophiyaatiin kan ijaarameedha'' jechuun, biyyattiin qaama kamu irraa osoo deeggarsa maallaqaa hin argatiin dandeettii isheeiin ijaaruushee mirkanneessaniiru.

Itti dabaluunis ''Maallaqa qulqulluu Itoophiyaanotaatiin ijaarree, kan maallaqa ummata Itoophiyaatiin eebbaaf gahuudha'' jedhan.

Ijaarsa hidha kanaatiin ummanni Itoophiyaa qabeenyaasaa gummachuu cimsanii kana dubbatan Ministirri kun, yaadni hidhichaaf eeggarsa taasifneera jedhu sirri miti jedhaniiru.

Masrii ammo ''haala seera addunyaa cabseen tarkaanfii dhuunfaa yaa'aa baha Abbaarratti taasifame'' jechuun akka hin fudhannee biyyoota Afrikaa hedduutti beeksiifteetti.

Ministirri Dhimma Alaa Masrii, Baadir Abdalaatii, ministiroota dhimma alaa biyyoota yaa'aa Abbaayyaa ta'an Sudaan, Sudaan Kibbaa, Yugaandaa, Keeniyaa akkasumas kanneen yaa'ichaan alatti argaman kan akka Jibuutii fi Somaaliyaa waliin bilbilaan marii taasisaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Masrii kun kana kann dubbatan yeroo Itoophiyaa ijaara hidhichaa xumuruun eebbaaf qophiitti jirtuuttiidha.

Ministiir Bishaaniifi Inarjii Itoophiyaa Dr Haabtaamu Ittafaa, Itoophiyaan yeroo hidha kana ijaaruu eegalteetti, Masriifi Sudaan qaama ''marichaa waan turaniif ni beeku. Akka beekan erga taasifamees Itoophiyaan hidhichi miidhaa akka hin qabaannee hubachiisuufi mari'achuuf qophiidha'' jedhaniiru.

Mariiwwan irra dedebbiin taasifamaa akka turan kan yaadatan Ministirrichi, gareen oggeessoota idil-addunyaas ijaarsa hidhichaa gamagamuun, biyyoota yaa'aa gadii irratti miidhaan qaqabsiisu akka hin jirre dubbachu ibsaniiru.

Pirezidantiin Masrii Abdal Fattaah Al Sisii, ibsa torbaniin dura biyyoota yaa'aa Abbayyaa keessaa tokko ta'an pirezidantii Yugaandaa, Yuweerii Musevanii waliin kennaniin, ''bishaan lammiilee keena miiliyoona 105 fi keessummoota miiliyoona 10biyya keenyatti argaman lubbuun tursiisuu gonkumaa akka xuqamu hin hayyamnu'' jechuun dubbii akeekkachiisa fakkaatu haasa'anii ture.

Dr Haabtaamuu Ittafaa, Ministira Bishaaniifi Inarjii Itoophiyaa biirosaanii keessa alaabaan duubaan mul'ataa

Madda suuraa, AMENSISA IFA/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Haabtaamuu Ittafaa, Ministira Bishaaniifi Inarjii Itoophiyaa

Ijaarsaafi marsaalee bishaan guutuu hidha kanaa kan mormaa turan Al Sisiin, biyyisaanii adeemsa ijaarsa hidhichaa keessatti hrimaannaa akka qabaattuu fi hojii laga Abbaayyaa irratti biyya dhunfaan hojjatamu kamiyyuu Masriin akka hin fudhannee irra deddebiin beeksiifteetti.

''Qaamni Masriin yaaddoo nageenya bishaan ishee irratti aga'ame calliiftee ilaalti jedhee yaadu kamuu dogongureera. Seera idil-addunyaarratti bu'uurreefachuun qabeenyaa jiraachuu ummata keenyaa eegsiisuuf tarkaanfii kamuu ni fudhanna'' jechuun akeekkachiisanii ture Al Sisiin.

Dr Haabtaamuun gamasaanittin, raga bahumsa oggeessoota addunyaa qofaa osoo hin taane, waliigalteen wal hubannoo Itoophiyaa, Sudaaniifi Masrii jidduutti mallatteefamu kaasaniiru.

''Waliigalten kunis Itoophiyaan hidhicha osoo ijaartuu biyyoota yaa'aa gadii waliin ni mari'atti jedha. Kunifatti barraa'e jira. Kanaafu hidhicha ijaaruu akka dhaabnuuf osoo hin taane, osoo ijaartuu akka mari'annu, ijaaraa odeeffannoo akka wal jijjirru, akka yaada wal jijjirru, ijaaraa yoo yaaddoon jiraate akka mari'annudha.''

Mariiwwan Itoophiyaa, Sudaan fi Masrii dhimma hidha kanaarratti taasisaa turaniin osoo biyyi tokko kan biraa itti gaafatamaa taasisuu bu'aa malee harkafataa, garuu ijaarsi hidhichaa xumurarra gaheera.

Itoophiyaan haala gaheeshee Laga Abbaayyaarratti haala haqa qabeessaa fi fayyadaman sababa qabuu mirkanneesseen waliigalte irra akka gahamuu fi ijaarsichis nageenya bishaan Masrii irratti balaa akka hin qabaannee beeksiisaa turteetti.

Mariichi kana qaamooleen lamaanuu ittiin injifataniidha kana jedhan Dr Haabtaamuun, ''qaamni tokko marii jechuun maal jechuu akka ta'e kan hin beekne yoo ta'e garuu itti fufuun baayyee rakkiiraa ta'a'' jedhan.

Itoophiyaan haala faayidaa fi mirgashee eegeen maricha keessatti hirmaataa turteetti jedhan.

''Mariiwwan hidha Guddicha Haaromsaa irratti taasifaman hundarratti Itoophiyaan hirmaatteetti'' kan jedhan Ministirrichi, ''Gara fuulduraattis kanaan itti fufna. Ammas qaamni mari'achuuf fedhii qabu yoo jiraate nutti qophiidha'' jedhan.

Haata'u malee, ''Masriidha kan mariicha keessaa bahe ykn wagga lamaan dura kan marii hin barbaadnu jedhan'' jedhaniiru.

Sababii isaatti kan jedhan yoo eeran ammo, ''Dirqisiisuun hanga bishaan isaan barbaadanii akka gadi dhiiftuuf Itoophiyaa mallatteessisuuf. Nuti bishaan Abbayyaa kan biyyoota yaa'aa hundaa ta'usaa ni ammana. Isaan garuu ammalleen waliigaltee bara koloneeffannaa sana qabatanii hafan. Inni ammo kan biyyoota yaa'aa olii xaphaan ala taasisuun mirga Sudaaniifi Masriif maree kannuudha. Sun ammo haqa-maleessadha. Enyumtu hin fudhatu.''

Masriin waliigaltee bala kolanii bara 1959tti mallattaa'eefi kan gahee bishaan Abbayyaa irra caalaa isheef kennu bu'urreffachuun, fayyadamamummaa seenaa jechuun, bishaan Laga Abbaayyaa gutummaan qofaatti fayyadamuuf fedhii akka qabdu kaasuun Itoophiyaan irra deddebiin mormaa turtetti.

Waliigaltichi kan Itoophiyaan hin hirmaachifne ta'usaatiin alaatti, Masriin bishaan kubiiki biiliyoona 55.5 akkasumas Sudaan bishaan kubikii biiliyoona 18.5 akka argataniifi bishaan Abbaayyaa harka 86 ol kan maddisiiftuu Itoophiyaan bishaan malee kan hambsuu, waliigaltee loogiifi haqa qabeessa hin taane akka ta'e kaafti.