Masiriin dhimma laga Abbayyaa irratti biyyoota ollaa Itoophiyaa hunda waliin mari'atte

Hidha Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Dhimma Alaa Masirii Badir Abdellaatii dhimma itti fayyadama laga Abbayyaa irratti biyyoota ollaa Itoophiyaa jiran waliin bilbilaan mari'atan.

Badir Abdellaatii ministiroota dhimma alaa Sudaan, Sudaan Kibbaa, Jibuutii, Yugaandaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti bilbiluun waliin mari'atan.

Karaa seera idil-addunyaa cabsuun laga Naayil irratti murtee gam-tokkee taasifamu kamuu hin fudhannu jedhan Ministirri Dhimma Alaa Masirii kun.

Kun yerootti Itoophiyaan hidha guddicha abdii uummata biyyattii tahe waggoota 14 oliif ijaaraa turte eebbisiisuutti dhiyeettettidha.

Itoophiyaan hidha guddicha bishaan meetir Kuubii biliyoona 74 qabatu ijaaruu ishee Sudaanii fi Masiriin mormaa turan.

Erga ijaarsi isaa eegalee ammoo hidhicha bishaaniin guutuu dura waliigaltee dhaabbataa ittiin bullu irra gahuun walii mallatteessuu qabna jedhu.

Garuu Itoophiyaan hidhicha bishaaniin guuttee xumuruun Fulbaana fuuldura kanaa keessa akka eebbisiiftu himteetti.

Sirna eebbichaa irratti akka hirmaataniif Masiriif waamicha gootee ture. Masiriin garuu waamichicha hin fudhadhu jettee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaaddoo Masiriin qaba jettu waliigaltee dhaabbata tokko malee hidhicha bishaaniin guutuun hamma bishaanii argadhu najalaa xiqqeessa kan jedhudha.

Dabalataan ammoo akka yaaddootti kan kaastu nageenya hidhichaati. Hidha kana Itoophiyaan qulqullina olaanaan hojjechuu ibsiteetti.

Ministirri Masirii kun gara gita isaanii biyyoota ollaa Itoophiyaatti yeroo bilbilanii mari'atan ''nageenyi bishaanii Masiriif dhimma du'aaf jireenyaati'' jechuu isaanii AL Aharam gabaaseera.

Qabeenya bishaanii waloo qabnu karaa seera idil-addunyaa eegeen fayyadamuu qabna jedhan Badir Abdellaatii.

Biyyoonni yaa'a Abbayyaa irra jiran waliigaltee dhaabbataa ittiin bulan qabaachuu qabu jechuun dubbachuu isaanii miidiyaaleen biyyattiis gabaasaniiru.

Pirezidaantiin Masirii Abdel Fattaa al-Siisii torbanoota darban keessa pirezidaantii Yugaandaa Yuweerii Museevenii waliin dhimma laga Abbayyaa [Naayil] irratti mari'ataniiru.

''Wabii bishaanii uummanni keenya argatu mirkaneessuuf akkaataa seera idil-addunyaatti tarkaanfii danda'amu hundayyuu ni fudhanna'' jedhan Al -Sisiin.

Waan laga Abbayyaa irratti hojjetamu callisanii akka hin ilaalle himanii hordofaa jiraachuus ibsan.

Itoophiyaan gama isheen Masiriin sirni eebba pirojeektichaa akka hin gaggeeffamneef Masiriin danqaa tahaa jirti jechuun himatte.

Itoophiyaan hidha kana doolaara biliyoona shanii oliin ijaarte. Humna ibsaa Meeggaa Waattii 5,000 ol maddisiisa jedhamee eegama.

Dabalataan Gamtaa Afrikaa jabeessuu, dhaabbilee dhimma Afrikaa irratti hojjetan cimsuu fi misooma wlaoo irratti biyyoota AFrikaa kaan waliin hojjechuu akak barbaadan ibsaniiru.

Afrikaa keessaa dursa argachuun irratti hojjetamuu akka qabu kan kaasan nageenya, tasgabbii tahuu kaasaniiru.

Isaan kunneen dhugoomnaan ardicha keessatti wabii nyaataa mirkaneessuu fi, walitti hidhaminsa dinagdee fiduun akka danda'amu himaniiru.

Misooma Gaanfa Afrikaa keessaa fi nageenya Galaana Diimaa kaasuunis irratti dubbachuu himameera.

Dhimma Galaana Diimaas yoo kaasan karaa nagaa fi tasgabbii qabuun irratti mari'achuu akka barbaachisu kaasaniiru.

Itoophiyaan guddina dinagdee waloo fi uummata ishee miliyoona 120 darbeef hulaa galaanaa argachuuf yeroo Somaaliilaandi waliin waliigaltee wal hubannoo mallatteessitu Gaanfa Afrikaa keessatti muddama uumeera.

Masiriin Ertiraa fi Somaaliyaa waliin dhaabbachuun walabummaa isaanii kabachiisuuf waliin akka hojjettu ibsite.

Biyyoonni daangaan isaanii galaanatti hin ejjennes dhimma bulchiinsaa fi nageenya hulaa galaanaa irratti hirmaachuu hin qabu jechuunis Masirii fi Ertiraa wlaiigalanii ture.

Waliigaltee waraanaa dabalatee Masiriin biyyoota kanneen waliin kan gaggeessite erguma Itoophiyaan hulaa galaanaa gaafachuu jalqabdeeti.

Hulaa galaanatti baasu argachuun Itoophiyaaf ''dhimma du'aa fi jireenyaa'' tahuu kana dura MM Abiy Ahimed ibsaniiru.