Hidha Abbayyaa ilaalchisee wantota beekuu qabdan

Hidha Abbayyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhi Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtu gaafa xumurame Afrikaarraa guddinaan kan jalqabaa ta'a

Itoophiyaan Hidha Abbayyaa bishaaniin guutuu marsaa afraffaafi isa xumuraa haala milkaa'aa ta'een xumuruu Fulbaana 10, 2023 beeksifte. Kana hordofee Masiriin ammoo hanga bishaan Laga Abayyaarraa argattu na jalaa miidha jechuun mufii qabdu ibsatte.

Pirojektiin guddichi Itoophiyaa saddeeta tokkoofi walakkaa waa'eensaa odeeffame kun maalidhaa?

Maqaa guutuu Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha jedhuun beekama. Hidha Laga Abbayyaas ni jedhama. Addunyaan ammoo The Grand Ethiopian Renaissance Dam ykn gabaabinaan GERD jechuun waama.

Hidhi kun Laga Abayyaarratti hojjetame. Lagni Abbayyaa ammoo laga guddicha Afrikaa yoo ta'u, dheerinaan ammoo addunyaarratti tokkoffaadha.

Ammas addunyaan Laga Abbayyaa 'The Nile River' jechuun waamu.

Lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessaa ka'ee Sudaaniifi Masirii keessa darbee galaana Mediteraaniyaan qaqqaba.

Bishaan Laga Abbayyaa %85 kan gumaachitu Itoophiyaadha.

Hidhi Laga Abbayyaa kun kan hojjetame Lixa Itoophiyaa, naannoo Beneshaangul Gumuz, bakka Gubaa jedhamu keessatti yoo ta'u bakki kun daangaa Sudaan irraa kiiloomeetira 30 qofa fagaata.

Hidhaan Laga Abbayyaa Afrikaa keessatti isa guddaafi kan ittiin qixxaatu hin jirredha.

Hidhi kun lafarra kiiloomeetira 1.6 ol dheerata. Hojjaan isaa ammoo meetira 145 ta'a.

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa

Madda suuraa, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa

Hidhaan kun ammallee ijaaramee kan hin xumuramne yoo ta'u, erga jalqabamee waggaa 12 guuteera.

Hidha Laga Abbayyaa kana ijaaruuf baasii uummanni Itoophiyaa walitti buuse $4.2bn gaafateera.

Lafti Hidhaa kana duubaan bishaan irra ciise ammoo ballinnisaa hanga Gireeter Landan gaha.

Bishaan inni qabatu ammoo Kiyuubiik Meetira Biliyoona 74 yoo ta'u, hanga Haroo uumamaa Xaanaa lama jechuudha.

Hidhi kun Itoophiyaa attamiin gargaara?

Itoophiyaan uummatashee %60 ta'u ammallee dukkana keessa jiraniif elektiriikii maddisiisuuf Hidha kana ijaaraa jirti.

Kun ammoo adadumaan elektiriikii biyyattiin maddisiisaa jirtu dachaa lamaan guddisuuf kan gargaaru yoo ta'u, humna ibsaa dhaabbataadhaan dhiyeessuun misooma jajjabeessa jedhamee abdatama.

Sudaan, Sudaan Kibbaa, Keenyaa, Jibutiifi Ertiraa dabalatee elektiriikii biyyoota hollaafis dhiyeessuuf gargaara.

Laga Abbayyaa Masirii keessatti

Hidhi kun maaliif Masiriifi Sudaan mufachiisa?

Ummata miliyoona 107 kan qabdu Masriin bishaan ishee barbaachisuu hundaaf Laga Abbayyaa kanarratti akka hirkattu dubbatti.

Bishaan kana mana keessaafi qonnaaf, keessumaa ammoo kan bishaan hedduu gaafatu jirbii omishuuf akka ishee barbaachisu dubbatti.

Bishaan Abbayyaa kun Haroo Naasir jedhamu kan humna ibsaa bishaanirraa maddu Hidha Guddaa Aswaan maddisiisuuf gargaaru guutachuudhaaf gargaara.

Ummata miliyoona 48 kan qabdu Sudaanis bishaan ishee barbaachisuuf guddaa bishaanLaga Abbayyaa kanarratti hirkatti.

Ijaarsi hidha kanaa waggoota muraasa darban jijjiirama agarsiiseera
Ibsa waa'ee suuraa, Ijaarsi hidha kanaa waggoota muraasa darban jijjiirama agarsiiseera
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni lamaan Hidhi Laga Abbayyaa kun hanga bishaan isaan argatan akka to'attuuf gargaara jechuun yaaddoo qabu.

Masriin Itiyoophiyaan yeroo roobni xiqqaan roobu bishaan gahaan gara gadiitti akka yaa'u wabii ni kenniti moo humna maddisiisuuf bishaan hidhuu itti fufa jechuun yaaddoo keessa jirti.

"Tarkaanfiin Itoophiyaan qofaasheetti fudhattu fedhiiwwaniifi mirgoota biyyoota yaa'a gadiirra jiran ilaalcha keessa kan hin galchineefi wabii bishaanii isaanii kan dagatedha,"jedha ministirri dhimma alaa Masirii.

lafa jallisuu Bsihaan Laga Abbayyaa irraa %2 hir'isuun lafa jallisii hektaara 80,900 ol dhabuudha jedhamee dubbatama.

Lagicharraa bishaan hir'achuun geejjiba Laga Abbayyaarraas ni miidha.

Masiriin Hidha Laga Abbayyaa bishanaiin guutuun waggaa 12 hanga 21 keessatti ta'uu qaba jettus, Itoophiyaan garuu yaadni Masirii kun fudhatama hin qabu jechuun waggoota sadii keessatti guutte.

Bishaan Laga Abbayyaa kun hir'achuun Sudaaniinis akkuma Masirii kan yaaddessu ta'ullee, deebiin dhimma Hidha kanaaf kennitu walitti bu'insa biyyattii keessa jiruun laaffateera.

Dhimma Hidha kanaarratti waliigalteerra ga'uun danda'amaa?

Erga bara 2011 ijaarsi isaa jalqabeetii Hidhaan Laga Abbayyaa kun madda waldhibdee biyyoota sadaniiti.

Waligalteen bara 1929 (waliigaltee kan bara 1959 waliin) Masiriifi Sudaaniif bishaan Laga Abbayyaa hundatti akka fayyadaman mirga kennaaf.

Waliigalteen durii kun pirojektoota kamiyyu biyyoota yaa'a gara oliitti (akka Itoophiyaatti) gaggeeffaman mormuuf mirga guutuu kennaaf.

Itoophiyaan ammoo waliigalteewwan dulloomaa kanaan ta'uu hin qabu jechuun Hidha kana ijaaruu jalqabde.

Masirii, Itoophiyaafi Sudaan waliigaltee haaraa bara 2015 mallatteessaniiru. Haata'u malee, mariin Itoophiyaan Hidha kana guutachuuf bishaan Laga Abbayyaa attamiin fayyadamuu qabdi kan jedhu irra deddeebiin cabeera.

Bara 2019, dhaabbanni waraanni akka hafuuf hojjetu Internaashinaal Kiraayisis Giruup, walitti bu'insi hidhannoon gaggeeffamu jiraachuu mala jechuun akeekkachiisee ture.

Baruma 2019 keessa US ammoo Masiriifi Itoophiyaan waliigalteerra akka gahaniif gidduu seenteeyyu turte. Haata'u malee, milkaa'inni gidduu seenuu US kun xiqqaa ture.

Osoo Itoophiyaan hidha kana bishaaniin guutuu milkaa'inaan xumuruu ifa hin godhiin torban sadii dura mariin jalqabamee ture.