MM Abiy Hidha Haaromsaarratti waa'ee gumaacha MM duraanii Mallas Zeenaawii maal jedhan?

Madda suuraa, ETV
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Fulbaana 9 eebbifama jedhamee eegamu ijaarsa isaa kan eegalchiisan MM duraanii Mallas Zeenaawiif galatatu malaaf jedhan.
MM Abiy marii sadarkaa ministeeraatti gorsaa dhimmoota hawaasummaa isaanii waliin iddoo pirojektichi jiru, Gubaatti, taasisaniin aanga'oota duraan turan galateeffatan.
MM duraanii Mallas Zeenaawii haala mijataa ture fayyadamuun hidha haaromsaa jalqabsiisuu isaaniif galateeffatamuu qabu jedhan MM Abiy.
Kun tarkaanfii sirrii bulchaa biyya tokkoorraa eegamu ta'ee ibsamuu akka qabu kan ibsan MM Abiy, haata'u malee isaan ijaarsi pirojektichaa eegalee waggaatti lubbuun darbuu dubbatan.
Yeroo MM Mallas Zeenaawii boqotan ijaarsi pirojektichaa sadarkaa jalqabaarra akka ture kaasan MM Abiy.
''Sanas ta'u garuu jalqabsiisuu isaanii qofaaf galata argachuu qabu, gatiinsaanii beekamuu qaba,'' jedhan.
MM Mallas booda aangoo kan qabatan MM Haayilamaariyaam Dassaalenyis hojii ijaarsa pirojektichaa itti fufsiisuu isaaniif galateeffataniiru.
Waggaa 14 dura pirojektii humna ibsaa Afrikaa keessatti tokkoffaa akka addunyaatti ammoo maqaa guddaa qabu kana dhagaa bu'uuraa kaa'uun kan jalqabsiisan MM Mallas Zeenaawii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sana booda MM Haayilamaariyaam Dassaaleny ''hojiin ijaarsa pirojektichaa daddaaqamullee hanga tokko akka fuulduratti deemu tattaaffii taasisaniiru,'' jechuun kanaafis galati akka maluuf MM Abiy dubbataniiru.
Yeroo sanatti bulchiinsi pirojektichaa hanqina akka qabaachaa ture kan kaasan MM Abiy, kunis haala siyaasaa waliigalaa biyyattii keessa turerraa kan ka'e ta'uu ibsan.
Hojiin duraan ture haala amma pirojektichi itti xumurame waliin abadan waldorgomuu hin danda'u kan jedhan MM Abiy, sababa pirojektii kanaa walitti bu'iinsi fi waraanni kan hammaate wayita ijaarsi xumuramuu jala ga'e ta'uu dubbatan.
''Yeroo sana bishaan ittisuun waan hin turreef dhimmi falmii ijoo ture akkaataa itti bishaan guutan ture. Falmii guddaan kan ture pirojekticha xumursiisuu irratti. Madda maallaqaa barbaaduun maashinoota galchuudha. Walitti bu'iinsi fi waraanni kan heddummaate sanaan boodadha,'' jedhan.
''Morkattoonni hedduun biyyaa ba'anii leenji'anii kan nu rakkisan sana booda,'' jedhan MM Abiy.
Gama qormaata mudateen waldorgomsiisuun danda'ama jechuu osoo hin taane, galata maluuf garuu qixa sirrii ta'een qaama gumaache hundaaf galchuun akka barbaachisu dubbatan.

Madda suuraa, PM Office
Erga ijaarsi eegalameen booda muddama cimaa Masriifi Sudaan waliin seentee kan turte Itoophiyaan, baasii hidha kanaa guutummaan kan haguugdee maallaqa ummata irraa walitti qabameen ta'uu ibsiti.
Ijaarsa hidha guddicha wagga 14 fudhate kanaafis baasiin doolaara biiliyoona shanii taasifamuun himameera.
Ministirri Mummee Abiy tibba marii isaaniitti, gaheen ummata Itoophiyaa bara keenyaafi kan kanaan dura ture bakka hin bu'u, abbaan qabeenyaa ijoon ummata Itoophiyaatii jedhaniiru.
Haata'u malee baroota keessatti dhimmicha murteessuun kan namoonni dursan, osoo hin harbeeffamne, ykn osoo hin xiqqeeffamne haaluma sirrii isaaniitti galateeffamu akka qaban MM Abiy kaasuudhaan, nuti seenaa kan saamu osoo hin taane dhaloota seenaa hojjatu ta'u keenya yaaduun barbaachisaadha jedhan.
MM Abiy haroo nam-tolchaa hidha Abbayyaa irratti umamee 'nigaati' jechuun moggaasuu himaniiru. Hiikni isaa barraaqa akka jechuuti.
Ministirri Mummee haasaa dhimma kana ittiin ibsan irratti, haroon hidha Masirii Hasiwaan irratti umameetti hogganaa biyyattii yeroo sanaatiin maqichi moggaafamu kaasuudhaan, hidhi Abbaayyaa fi haroon kun garuu kan ''nama tokko, garee tokko'' qofaan wal qabatu akka hin taane kaasanii, ''harichi Nigaat, hidhichi ammoo Haaroomsa'' jedhamuu ibsaniiru.
''Hidha Guddicha Haaromsaa xumuruun kadhannaa dhumaa dachaa seenaa Itoophiyaa keessatti mirkanneessuuf, hawwii koo dhumaati'' kan jedhan MM Abiy, yeroo kanatti hidhi Sudaaniifi Masrii keessatti argaman, ''gahaan ol ykn bishaan hanga beekamuun ol jira. Bishaan liitira tokkolleen jalaa hin hir'anne'' jechuun bishaan Abbayyaa biyyoota yaa'aa gadiitiif akka hin hir'anne dubbataniiru.
''Gara fuulduraattis akka hir'atu hin barbaadnu. Isaanis kan abdii qabaniifi ganmmadoo ta'u qabaatu. Akka yaaddooni isaaniitti umamuus hin barbaadnu'' jechuun gara fuulduraattis bishaan biyyoota yaa'aa gadiitiif dhaqu akka hin hir'anne kaasaniiru.
Ijaarsa Hidha Guddicha Haromsa Itoophiya akana jalqabumarraa kaasee isaani bodas haala itti bishaanii guutamaa ture mormaa kan turan pirezidantiinMasrii Alsiisiin, gaheen bishaan biyyasaanii gonkumaa akka tuqamu akka hin hayyamne irra deddebiin yoo dubbatan dhagahamu.
MM Abiya gaaffiifii deebiin isaanii Wiixata galagala ETV gubbaarratti darbeen, ''Har'a gaafa hidhi kun haala guutuudhaan ijaarsi isaa xumuramee hojii itti eegale irraa kaasee, haalli seenaa jii'opilitikaa xiqqeenya Itoophiyaa dhumeefiira, ejjannnaan ji'oopolitikaa Itoophiyaa fooyya'eera jechuudha'' yyoo jedhan dhagahamaniiru.
MM Abiy kuni ''dhugaa jala sararameedha'' jechuun yoo ibsan, Itoophiyaan baroota hanga ammaa keessa dabarteen, ''qormaati olaanaan Abbayyaadha. Kaan dhaloota Abbayyaati'' jechuun dubbatan.
Walitti bu'insaafi wal dhabdeewwan eddoo biraatti dhagahamaniin ''dhaloota Abbayyati'' jechuun kan waaman MM Abiy, ''haatiifi abbaan rakkoolee Itoophiyaa mummeen Abbayyaadha'' jedhaniiru.
Itoophiyaa isa rakkoolee hundaaf haadha ta'e kana yoo furte, kaan xixiqqoon omaayyuu miti jechuudha kan jedhan Abiy, tajaajilli amma Abbayyaan kennu waggoota 1,000 darbaniif akka kennu gochuu hin dandeenye jedhan.
Galaanni Diimaan wagga 30 har'a harka Itoophiyaa turee jechuun ''dogongorri umamee kan kaleessaati. Boru ni sirreeffama. Baayyee cimaa miti'' jechuun dubbataniiru.
Biyyoonni bishaan Abbayyaa Hidha Haaromsaatiif hidhuun bishaan hir'asa jechuun falmii keessa seenan, yeroo ittaanuutti yoo bishaan isaanii akka hin hir'anne hubataniitti mudamicha ni tasgabbeessa jechuun abdii qaban kaasaniiru.
Waggoota ittaanan shan, 10, 15 keessatti pirojaktoota akka Hidha Guddichaa jira hedduu hojjachuu ni eegalla kan jedhan MM Abiy, ''Abbayyaa inni guddaan yoo furame xixiqqaanis ni furamu'' jechuun pirojektoonni biraa gurgoddoon waggoota itti aanan keessa akka jiraatan kaasaniiru.
Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa tarbaayonoota 13n ibsaa meegaa waattii 5,000 ol akka maddisiisu himama.
Itoophyaa keessatti waggoota darban lama keessatti lakkoofsi turiistoota gara Itoophiyaa dhufan dabaluu kan kaasan MM Abiy, kan bara kanaa waliin yoo wali bira qabame haala baayyeen dabalu ibsaniiru.
''Ana hawwiikoo torban dhufaatti ykn guyyaa 15 booda Hidhi Guddichi lammiilee Itoophiyaa hundaaf banaa ni taasifama'' jechuun eddichatti bakki boqannaa keessummootaaf ta'u, viillaawwan 1000 ol qophaa'u dubbataniiru.
Rakkoon Itoophiyaanoota barootaaf hidhee ture attamiin akka furame arguufi baruun qabaatu jechuun daawwattoota lammiilee Itoophiyaatiif waamicha dhiyeessaniiru.
Dureewwan Itoophiyaa duraanii maqaa kaasuudhaan kan galateeffatan MM Abiy, biyyattii keessatti waggoota 70 darbaniif, Hidha Qoqaatii kasee kan hojii ijaarsaa irratti bobba'ee abbaatoo qabeenyaa fi maatii Saaliinii Konstiraakshin galateeffataniiru.
Haroon nam-tolchaan Hidha Abbaayyaa irratti umamee guddinaan kan jalqabaa ta'u kan kaasan MM Abiy, kanneen Afriikaatti gurguddaa ta'an keessaas tokkodha jedhaniiru.
Waggoota darban shan keessatti ''bishaan liitira tiriliyoona 74'' qabachuu akka danda'e kan kaasan.
Lammiileen Itoophiyaa hundis hidha kanaafi haroo nam-tlchaa kana deemanii akka daawwataniif waamicha kan dhiyeessan MM Abiy, ''hidha kanaan waggaatti maallaqa doolaara miiliyoona tokko ta'u ni eeggama'' jechuun, waggoota ittaanan torba keessatti mallaqa irratti baafame ni deebiifama jechuun abdii qaban dubbataniiru.












