Dhuguma ijaarsa Hidha Guddichaarratti namoonni kuma 15 du'aniiru?

Hojjataan hidha Abbaayyaa muka batee

Madda suuraa, Getty Images

Waggoota 14 ijaarsii Hidha Guddicha Abbaayyaa itti gaggeeffamee keessatti ''hojjattoonni gara kuma 15 du'aniiru'' jedhamu ilaalchisee, oggeeyyiin nageenya ijaarsaa duraanii waggaa dheeraaf adeemsicha keessatti hirmaatan kufaa taasisaniiru.

Lakkoofsa kana mirkanneessaniiru kan jedhaman ministirri Bishaaniifi Inarjii Itoophiyaa Dr. Haabtaamuu Ittafaa gamasaanitiin ''gaaffiichi haala dogongoraan hiikameera'' jechuun BBC'tti himan.

Ministirri Bishaaniifi Inarjii Dr. Haabtaamuun guyyootaan booda ebbifamuuf kan jiru ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa ilaalchisuun gaaffiifi deebii taasisaniin adeemsa ijaarsa hidhichaatiin namoonni kuma 15 ta'an du'uun dhugaa ta'usaa gaaffiin dhiyaateef ture.

Af-gaaffii barruun Riipoortar Afaan Ingiliziitiin maxxanfamu baaseen gaaffii dhiyaateef, ''Eeyyeen dhugaadha'' deebii jedhu kennuun barraa'eera.

Af-gaaffii kanarratti lakkoofsi namoota adeemsa ijaarsa hidha kanaarratti du'an jedhame kunis miidiyaa hawwasaarratti dubbii ijoo ta'ee ture.

BBC'n kan dubbisee qindeessaan nageenyaa fi mahaandisa Dhaabbata Ijaarsaa 'Saaliinii Impirejiiloo' duraanii, hojii ijaarsaa kanaan wal qabatee namni hanga kanaa du'eera jedhamu dhugaa akka hin taane himan.

Dhaabbanni ijaarsa kun Hidha guddichaa moggaasa isaa 'We Build' kan jedhuutti jijjire, adeemsa ijaarsa hidha kanaarratti hojii siviilii gaggeessaa tureera.

Dhaabbatichatti mahaandisa Fayyaafi Nageenya Naannoo (Health and Safety Environment) kan ta'an, Injinar Mogas Yeshawaas ALI Bitooteessa 2004 hanga Caamsaa 2017tti ijaarsa kanarra hojjataa turan.

Dhaabbata Heelz end Seeftii Invaayironmant jedhamu kanatti Qindeessaa kan ta'an oggeessi gara biraa, Mintasinoot Ayyala gamasaanitiin ALI bara 2004 kaasuun gara waggaa 10f ijaarsa irra turaniiru.

Humna namaa irra caalaa kan bobbaasuu dhaabbanni 'We Build' nageenya hojjattoota hojiirraa hordofuu fi galmeessuuf itti gaafatamummaa kan qaban oggeeyyiin kunneen, adeemsa ijaarsa kanaa keessatti namoonni lubbuunsaanii darbe jiraachu kaasu.

Hanaga bara 2014tti Qindeessaa dhaabbata Heelz enda Seeftii Invaayiroonment ta'un kan hojjatan Mintasinoot ''Sababiiwwan adda addaatiin haalli namoonni itti du'an tureera'' jedhu.

''Haala hojiin wal qabateen balaadhaan haalli itti du'ame ni jiraata. Nageenya hidhichaa eegsuusuurratti, meeshaalee bakka garaagaraatti socho'uudhaan, miidhaan gaggeeffamaa waan tureef yeroo sanattis namoonni lubbuusaanii dhaban turan, miseensoonni raayyaa ittisa biyyaas jiraachu danda'u'' jechuun ibsaniiru.

Suuraa haroo nam-tolchee hidhichaa

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Ijaarsi Hdiha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa hojiinsaa waggaa 14 darbaniif gaggeeffamaa ture xumuramuun Fulbaana 9, 2025 eebbiifamuuf jira
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata'u malee sirriitti dubbachu kan danda'an waa'ee namoota hojii ijaarsaatiin wal qabatee lubbuunsaanii darbee akka ta'e kaasu. ''Kanaan wal qabatee du'i mudate baayyee xiqqaadha. Isaa kuma 15 jedhameen wal bira yoo qabanu baayyee xiqqaadha'' jedhan.

''Nuti hojii Saaliiniin wal qabateen namoonni du'an 100 kan caalan natti hin fakkaatu. 100 iyyuu kan gahu natti hin fakkaatu'' jedhan.

Hanga Caamsaatti injinara dhaabbata kanaa kan ta'an Mogasis yaada kanaan waliigalu.

Injinarichi, ''hojiinsaa na ilaalata ture, waan galmeessaa tureef daataasaa qaba.

Haalaan daataa qabuutiin hangan yeroo tureetti lakkoofsi baayyina hojjattoota ani beekuu naannoo 25 ture. Dhaabbatichi kan beeku kanumadha'' jechuun lakkoofsa baayyina hojjattoota hojii ijaarsa kanaarratti du'anii himan.

Hojjattoota dhaabbaticha kanneen keessaa irra caalaan isaanii lubbunsaanii kan darbe ''balaa tiraafikaatiin'' akka ta'e dubbatan.

''Bakka ol ka'aarraa kufuun fi balaawwan elektirikiin wal qabataniin'' hojjattoonni lubbuunsaanii darbe akka turan kaasu.

Haaluma walfakkaatu Mintasinooti ''balaan garagaruu fi kufuu konkolaattoota gurguddoo dallaa keessatti, bakka ol ka'aarra kufuu akkasumas balaa elekirikaa kannneen balaawwan du'aa hojiin walqabatanii alatti miidhaa qaamaa geessisuu isaanii oggeessoonni lamaan itti dabaluun himaniiru.

Injinar Mogas keessattuu ijaarsa mekaanikaan elektironiksii hidhaarratti dhaabbileen hirmaatan biraa jiraachus kaasaniiru. Haata'u malee, ''irra caalaa balaaf saaxilamuuf carraa kan qabu'' hojjattoota 'We Build' kan raawwatan hojii ijaarsa siivilii irratti ta'u kaasaniiru.

''Sochiin hojii sivilii murteessaadha. Keessattuu yeroo baayyee bakka ol ka'aarratti hojjachu qaba. Kanaan wal qabatee carraan balaan qaqabuu bal'aadha'' jechuun ibsu.

Hanga baatii Caamsaa bara 2017 hojii itti gadhiisaniitti, ''gara waggaa torbaatiif bakka bu'aa hojjattootaa'' ta'udhaan akka hojjatan kan dubbatan Mogas, sababii kanaatiin lubbuun hojjattoota dhaabbatichaa biraa yoo darbee beekuuf carraa akka qaban ibsu.

Hojjataan Hidha Guddichaa ijaarsa ojjaa ol ka'aa qabu dhura dhabbate

Madda suuraa, Getty Images

Itti dabluun, hojjataan Chaayinaa bakka sab-steeshinii tokko irra hojjatu bakka ol ka'aarraa kufee du'usaa dhagaheera. Kanaan alatti wantiin dhagahe hin jiru'' jedhan.

Ministirri Bishaaniifi Inarjii Dr Haabtaamun, Hidhi Guddichi Haaroomsaa ''kan ashaaraa namoota hundaa irra jiruudha'' jechuun kan dubbatan yoo ta'u, ''humnootiin nageenyaafi konkolaachiftoonni lubbun saanii darbe illeen jiraachu kaasaniiru.

Hidhattoonni garaa garaa kan keessa socho'an Naanoon Beenishangul Gumuzitti kan argamu Hidhi Haaroomsaa, ijaarsa isaa danquuf haleellaawwan garaa garaa raawwatamuu mootummaan federaalaa irra dedebiin dubbataa ture.

MM Abiy guyyaa Wiixataa turtii miidiyaa mootummaa irratti darbeen dhimma kana kaasanii ture.

MM Abiy erga gara aangootti dhufanii booda waggoota turan keessatti ''walitti bu'iinsiifi lolli'' baayyatee akka ture akkasumas hidhattoonni biyyaa bahuun leenjiifaman akka rakkisan'' kaasanii ture.

Oggeessoonni lamaan BBC dubbisa adeemsa ijaarsa hidha kanaatti haalawwan garaa garaatiin haleellaa raawwatamaa akka ture ibsaniiru.

Qindeessaa nageenya hojjattootaa kan turan Mintasinooti, ''miseensoonni raayyaa ittisaa hedduu aarsaa lubbuu kanfalaniiru. Daandii guyyaa tokkootti dhufamu danda'amu guyya torbaaf konkolaataan deemaniiru.

Meeshaan gara hidhichaa kan geeffamu, hojjataan gara maatiin deemee yoo deebii'u konkolaataan dabaalameeti'' jechuun haala ture ibsu.

Haleellaa hangamii ykn gosa attamiitu raawwatame dhimma jedhu ibsuurraa kan of qusatan yoo ta'u haleellaawwan raawwatamaniin baayyiinni namoota du'anii ''namoonni nun oliitti argaman lakkoofsa isaa beekuu danda'u'' jedhan.

Injinar Mogas gama saanitiin, sababii rakkoo nageenyaa tureetiin, ''yeroo waggaa lamaa gadi hin taaneef'' konkollaattoonni yoo socha'an humnoota nageenyaatiin dabaalamanii akka ture ibsaniiru.

Adeemsi akkasiin kun kan barbaachise ''hidhattoonni bosona keessa taa'uudhaan yeroo konkolaataan darbu dhukaasuun miidhaa qaqabsiisuu turan'' jechuun ibsaniiru.

Miseensoota raayyaa ittisaa naannoo hidhaatti walitti qabamanii

Madda suuraa, FDRE Defense Force

Ibsa waa'ee suuraa, Izzii Lixaatti kan hundeefame Kutaan waraana raayyaa Itoophiyaa 'Koorii Haaromsaa'' jedhamuun naannoo hidha guddicha Abbayayaa socho'aa kan ture yoo ta'u, hojii ijaarsaa fi sochiilee konkolaataattotaaf eegumsa taasiaa tureera

''Haleellaa shororkeessummaa naannoo ALI bara 2025tti'' raawwatameen lubbuun konkolaachisaa tokkoo'' darbuu kaasaniiru. Konkolaataan hojjatan sun qabatee ture dabaalamee imalaa akka ture kan yaadatan Mogasi, ''miidhaa kan irraan gahe fanjii daandiirratti kyyeeffameen ture. Dabaalamanii deemaa turanis oolfamuu hin dandeenye jira'' jedhan.

Konkolaachisaa halleellaa kanaan ajjeffameen alattis‚imaltuun hojjattuu hin turre biraa'' irra miidhaan qaqabee akka ture kaasaniiru. Mogas haeellaawwan qaqabaa akka turan kan beekan ta'u dubbatan illeen, haleellaawwan kanneeniin wal qabatee baayyiinni jedhame akka isaan hin amansiifne dubbatan.

Barruun Riippoorta Kamisa Fulbaana 4, 2025 sirreefama gaaffiifi deebii Ministira Bisaaniifi Inajrii waliin taasifame ilaalchisee marsariitii isaarratti baaseen, lakkoofsi jedhame ''kan dhimmoota nageenya ijaarsaa'' qofaan kan wal qabte kan ilaalatu akka hin taane barreesseera.

Barruun kun sireeffama kana kann taasise "miidiyaaleefi namoonni tokko tokko ibsa sirrii qabiyyeesaatiin alatti fudhachuun waan hiikaa itti kennaniif'' akka ta'e ibsaniiru.

BBCn lakkoofsa kana ilaalchise gaaffii Ministira Dr Haabtaamuuf dhiyeesseef ''haala dogongoraadhaan hiikaan itti kennamu'' dubbataniiru. Ministirichi odeeffannoo gadi fagoo kennuu baatan illeen, gaaffichi kan dhiyaateef ''haasaa MM Abiy kaasuudhaa' akka ture ibsaniiru.

Dr Haabtaamuun ''lakkoofsi kuma 15 jedhu sirrii ta'usaa ilaalchisee gaaffii dhiyaateef ''sirriis ta'e ta'u baatees, hikaan ittiin barraa'e sirrii miti'' jechuun deebii kennaniiru. ''Gaaffiinsaa akkas hin turre'' jedhan.

BBC dhimma kanarratti dubbii himaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa fi humna Elektirika Itoophiyaa irraa ibsa argachuuf yaaliiwwan taasise hin milkoofne.